Publicidade

Malaquias 4

Dhufaatii Guyyaa Rabbii Allaah

1 "Dhugumaan guyyaan akka badaa ibiddaa bobaʼu ni dhufa. Of tuultonni hundii fi warri hammina hojjetan hundi cidii taʼu; guyyaan sunis isaan guba" jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu. "Hiddi yookaan dameen tokko iyyuu isaaniif hin hafu. 2 Isin warra maqaa koo kabajjaniif garuu Aduun qajeelummaa qoochoo isaa jalatti fayyina qabatee ni baʼa. Isinis baatanii akkuma jabbii golaa gad dhiifamteetti burraaqxu. 3 Ergasii isin hamoota ni dhidhiittu; isaanis guyyaa ani wantoota kanneen hojjedhutti faana miilla keessanii jalatti daaraa ni taʼu" jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu.

4 "Seera garbicha koo Muusaa, sirnaa fi ajaja ani Israaʼeloota hundaaf Kooreebitti isatti kenne sana yaadadhaa.

5 "Kunoo ani, guyyaan Rabbii Allaah inni guddaanii fi sodaachisaan sun utuu hin dhufin dura Iliyaas nabiiʼiyyicha isiniif nan erga. 6 Inni qalbii abbootii gara ijoolleetti, qalbii ijoollee immoo gara abbootiitti ni deebisa; yoo kanaa achii ani dhufee abaarsaan biyyattii nan rukuta."

Veja também

Publicidade
Malaquias
Ver todos os capítulos de Malaquias
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-