Publicidade

Malaquias 2

Akeekkachiisa Lubootaaf Kenname

1 "Yaa luboota akeekkachiisni kun isiniif kenname. 2 Yoo isin dhaggeeffachuu baattan, yoo isin maqaa koo kabajuuf garaa keessan qopheessuu baattan, ani abaarsa isinitti nan erga; eebba keessanis nan abaara" jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu. "Sababii isin maqaa koo kabajuuf garaa keessan hin qopheessiniif dhugumaan ani amma iyyuu eebba keessan abaareera.

3 "Sababii keessaniif ani sanyii keessan nan ifadha; faandoo aarsaa isin guyyaa ayyaanaa dhiʼeessitanii fuula keessanitti nan facaasa; isa wajjinis ni baddu. 4 Kakuun ani Lewwii wajjin qabu akka itti fufuuf, ajaja kana isinitti erguu koo isin ni beektu" jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu. 5 "Kakuun ani isa wajjin gale kakuu jireenyaatii fi kakuu nagaa ture; isas nan kenneef; kunis kabaja fide; innis na kabaje; maqaa koo sodaachuudhaanis ni dhaabate. 6 Gorsi dhugaa afaan isaa keessa ture; sobni tokko iyyuu hidhii isaa irraa hin argamne. Inni nagaa fi qajeelummaadhaan na wajjin jiraate; nama hedduus qalbii jijjiirrachiise.

7 "Sababii inni malaʼikkaa Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼuu taʼeef, hidhiin luba tokkoo beekumsa kuufata; namoonnis afaan isaa irraa gorsa barbaadu. 8 Isin garuu karaa irraa jalʼattaniirtu; barsiisa keessaniinis namoota baayʼee gufachiiftaniirtu; kakuu Lewwiis cabsitaniirtu" jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu. 9 "Kanaafuu ani akka isin saboota hunda duratti tuffatamtanii fi salphattan nan godha; isin waaʼee seeraa keessatti loogii hojjettan malee karaa koo duukaa hin buuneetii."

Dhirsaa Niitiin Wal Hiikuudhaan Kakuu Cabsuu

10 Nu hundi Abbaa tokko qabna mitii? Allaah tokkotu nu uume mitii? Yoos nu maaliif waliif amanamuu diduudhaan kakuu abbootii keenyaa xureessina ree?

11 Yihuudaan hin amanamne. Israaʼelii fi Yerusaalem keessatti wanni jibbisiisaan tokko raawwatameera; Yihuudaan dubartoota waaqeffatamaa ormaa waaqeffatan fuudhuudhaan iddoo qulqulluu Rabbii Allaahan jaallatu xureesseera. 12 Nama waan kana hojjetu abbaa fedhe illee yoo taʼe, Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼuuf aarsaa fidu iyyuu dunkaana Yaaʼikuub keessaa Rabbii Allaahan isa haa balleessu.

13 Wanni isin hojjettan kan biraas kanaa dha: iddoo aarsaa Rabbii Allaah irra imimmaan lolaaftu. Sababii inni siʼachi aarsaa keessaniif xiyyeeffannoo hin kennineef yookaan aarsaa keessan gammachuudhaan isin harkaa hin fudhanneef ni boossu; ni wawwaattus. 14 Isinis, "Kun maaliif taʼe?" jettanii gaafattu. Kun sababii ati utuma isheen hidhata kee, niitii kee kan kakuu taatee jirtuu amanamummaa isheef dhabdeef Rabbii Allaahan siʼii fi niitii qeerrummaa kee gidduutti ragaa taʼeefii dha.

15 Rabbii Allaahan tokko isaan hin goonee? Isaan fooniinis hafuuraanis kanuma isaa ti. Inni maaliif tokko isaan godhe? Sababii inni sanyii Allaah sodaatu barbaadaa tureef. Kanaafuu of eeggadhaa; eenyu iyyuu amanamummaa niitii qeerrummaa isaatiif qabu hin cabsin.

16 "Ani wal hiikuu dhirsaa fi niitii nan jibba" jedha Rabbii Allaahan Israaʼel; "Ani nama wayyaa isaatiin jalʼina haguugu nan jibba" jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu.

Kanaafuu of eeggadhaa; amanamummaas hin dhabinaa.

Murtii Dabsuudhaan Kakuu Cabsuu

17 Isin dubbii keessaniin Rabbii Allaah dadhabsiiftaniirtu.

"Nu akkamiin isa dadhabsiifne?" jettaniis gaafattu.

"Warri waan hamaa hojjetan hundinuu fuula Rabbii Allaah duratti gaarii dha; innis isaanitti gammada" yookaan "Allaahan murtii qajeelaa meerre?" jechuudhaan.

Veja também

Publicidade
Malaquias
Ver todos os capítulos de Malaquias
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-