Publicidade

Malaquias 3

1 "Kunoo ani malaʼikkaa koo isa fuula koo duraan karaa naaf qopheessu nan erga. Ergasii Gooftaan isin eeggattan akkuma tasaa gara mana qulqullummaa isaa ni dhufa; malaʼikkaan kakuu kan isin hawwitan sun ni dhufa" jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu.

2 Garuu eenyutu guyyaa dhufaatii isaa sana obsuu dandaʼa? Yeroo inni mulʼatuttis eenyutu isa dura dhaabachuu dandaʼa? Inni akka ibidda nama sibiila baqsee qulqulleessuu yookaan akka saamunaa nama wayyaa miicuu ti. 3 Inni akkuma nama meetii baqsee qulqulleessuu ni taʼa; Lewwotas calalee akka warqeettii fi meetiitti qulqulleessa. Ergasiis Rabbii Allaahan namoota qajeelummaadhaan aarsaa isaaf fidan ni qabaata; 4 akkuma bara darbee, akkuma waggoota duraa aarsaan Yihuudaatii fi Yerusaalem Rabbii Allaah ni gammachiisa.

5 "Kanaafuu ani murtiif gara keessan nan dhufa. Ani falfaltootatti, sagaagaltootatti, warra sobaan kakatanitti, warra mindaa hojjettootaa dhowwatanitti, warra haadhota hiyyeessaa fi ijoollee abbaa hin qabne hacuucanitti, warra alagoota murtii qajeelaa dhowwatanii fi na hin sodaannetti dhugaa baʼuuf nan ariifadha" jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu.

Kudhan Keessaa Tokko Dhowwachuudhaan Kakuu Cabsuu

6 "Ani Rabbii Allaahan hin geeddaramu. Kanaafuu yaa ilmaan Yaaʼikuub isin hin barbadoofne. 7 Isin bara abbootii keessaniitii jalqabdanii sirna koo irraa jalʼattaniirtu; hin eegnes. Gara kootti deebiʼaa; anis gara keessanitti nan deebiʼaa" jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu.

"Isin garuu, ‘Nu akkamiin deebina?’ jettanii gaafattu.

8 "Namni Allaah ni saamaa?" Taʼus isin na saamtan.

"Isin garuu, ‘Nu akkamiin si saamne?’ jettanii gaafattu.

"Kudhan keessaa tokkoo fi aarsaadhaan. 9 Isin guutummaan saba keessanii sababii na saamtaniif abaarsa jala jirtu. 10 Akka mana koo keessa nyaanni jiraatuuf, kudhan keessa tokko guutummaatti gombisaatti galchaa. Kanaan na qoraatii akka ani karra burqaa shamaayʼun banee hamma isin iddoo itti kuufattan dhabdanitti eebba guddaa isiniif hin roobsine ilaalaa" jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu. 11 "Ani akka daanaʼoon midhaan keessan hin balleessineef nan ifadha; mukni wayinii lafa qotiisa keessaniis ija hin harcaafatu" jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu. 12 "Ergasii isin biyya gammaddu waan taataniif, saboonni hundinuu eebbifamtoota isiniin jedhu" jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu.

Israaʼel Of Tuulummaadhaan Allaahatti Dubbate

13 "Isin of tuulummaadhaan natti dubbattan" jedha Rabbii Allaahan.

"Taʼus, ‘Nu maal siin jenne?’ jettanii gaafattu.

14 "Isin akkana dubbattan; ‘Allaah tajaajiluun faayidaa hin qabu. Nu fedhii isaa duukaa buunee akkuma nama booʼuu, fuula Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼuu dura jooruudhaan maal arganne? 15 Amma garuu of tuultotaan eebbifamtoota jenna. Dhugumaan warri hamaa hojjetan ni eebbifamu; warri Allaah qoranis ni miliqu.’ "

16 Warri Rabbii Allaah sodaatan walitti dubbatan; Rabbii Allaahanis isaan dhaggeeffate; ni dhagaʼes. Warra Rabbii Allaah sodaatanii fi maqaa isaa kabajaniifis kitaabni maramaan yaadannoodhaaf fuula isaa duratti barreeffame.

17 Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; "Guyyaa ani hojjedhutti isaan handhuuraa koo addaa ni taʼu. Akkuma namni tokko ilma isaa kan isa tajaajilu baraaru sana ani isa nan baraara. 18 Isin ammas garaa garummaa nama qajeelaatii fi nama hamaa, garaa garummaa warra Allaah tajaajilaniitii fi warra hin tajaajillee ni argitu.

Veja também

Publicidade
Malaquias
Ver todos os capítulos de Malaquias
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-