1 Sanbata booddee, guyyaa jalqaba torban sanaa Mariyaam isheen Magdalaatii fi Mariyaam isheen kaan barii barraaqaan qabrii ilaaluu dhaqan.
2 Kunoo, sababii malaʼikkaan Gooftaa shamaayʼun irraa gad buʼee gara qabrii dhaqee balbala qabrii irraa dhagaa sana garagalchee irra taaʼeef, sochiin lafaa guddaan taʼe. 3 Bifti isaa ifaa akka bakakkaa, uffanni isaa immoo adii akka cabbii ture. 4 Waardiyyoonni sunis sababii isa sodaataniif hollatanii akkuma nama duʼee taʼan.
5 Malaʼikkaan sunis dubartoota sanaan akkana jedhe; "Hin sodaatinaa! Akka isin Iisaa isa fannifamee ture sana barbaaddan anuu beeka. 6 Inni as hin jiru; akkuma jedhe sana duʼaa kaʼeeraatii. Kottaatii iddoo inni ciisaa ture ilaalaa. 7 Egaa dafaa dhaqaatii akkana jedhaa barattoota isaatti himaa; ‘Inni warra duʼan keessaa kaʼeera; kunoo, inni isin dursee Galiilaa ni dhaqa. Achittis isa ni argitu.’ Kunoo ani isinitti himeera."
8 Dubartoonni sunis sodaatanii, taʼus gammachuu guddaan guutamanii ariitiidhaan qabrii sana biraa deeman; barattoota isaatti himuufis fiigan. 9 Yeruma sana kunoo Iisaan isaanitti dhufee, nagaa isaan gaafate. Isaanis isatti dhiʼaatanii miilla isaa qabatanii sagadaniif. 10 Iisaanis, "Hin sodaatinaa! Dhaqaatii akka isaan gara Galiilaa deemaniif obboloota kootti himaa; isaanis achitti na argu" jedheen.
11 Utuu dubartoonni sun karaa jiranuu waardiyyoota sana keessaa tokko tokko magaalaa seenanii waan taʼe hunda luboota hangafootatti himan. 12 Luboonni hangafoonnis erga maanguddoota wajjin walitti qabamanii mariʼatanii booddee loltootaaf maallaqa hedduu kennan. 13 Akkanas jedhaniin; " ‘Utuu nu rafnuu barattoonni isaa halkaniin dhufanii isa hatan’ jedhaatii namootatti himaa. 14 Yoo wanni kun gurra bulchaa seene nu isa amansiifnee rakkina jalaa isin baafnaa." 15 Loltoonnis maallaqa sana fudhatanii akkuma ajajaman godhan. Oduun kunis hamma harʼaatti Yihuudoota biratti odeeffamaa jira.
16 Barattoonni kudha tokkoon sun gara biyya Galiilaa, gara tulluu Iisaan dhaqaa isaaniin jedhee ture sanaa dhaqan. 17 Isaanis yommuu isa arganitti ni sagadaniif; isaan keessaa tokko tokko garuu ni maman. 18 Iisaan immoo isaanitti dhiʼaatee akkana jedhe; "Taayitaan hundinuu shamaayʼunii fi lafa irratti naa kennameera. 19 Kanaaf dhaqaatii saba hundumaa maqaa Abbaatti, maqaa Ilmaatti, maqaa Hafuura Qulqulluuttis cuuphaatii barattoota taasisaa; 20 akka waan ani isin ajaje hunda eeganiifis isaan barsiisaa. Kunoo, ani hamma dhuma addunyaatti guyyaa hunda isin wajjinan jira."