Publicidade

Marcos 1

Yahyaan Karaa Qopheessuu Isaa

1 Jalqaba injiila Iisaa Al-Masiihii Ilma Allaaha. 2 Kitaaba Isaayyaas nabiiʼiyyichaa keessatti akkana jedhamee barreeffameera:

"Kunoo, ani ergamaa koo isa karaa kee qopheessu,

si dura nan erga;"

3 "Sagalee nama, ‘Gooftaaf karaa qopheessaa;

daandii qajeelaas isaaf hojjedhaa’ jedhee

gammoojjii keessaa iyyu tokkoo."

4 Kanaafuu Yahyaa gammoojjii keessatti nama cuuphaa, dhiifama cubbuutiif immoo cuuphaa qalbii jijjiirrannaa lallabaa dhufe. 5 Biyyi Yihuudaa guutuunii fi namoonni Yerusaalem hundinuus gara isaa dhaqanii cubbuu isaanii himachaa, Laga Yordaanos keessatti isaan cuuphamaa turan. 6 Yahyaan uffata rifeensa gaalaa irraa hojjetame uffatee, mudhii isaas sabbata teephaatiin hidhata ture; inni hawwaannisaa fi damma bosonaa nyaata ture. 7 Innis akkana jedhee lallabaa ture; "Kan na caalaa jabaa taʼe, hidhaa kophee isaa illee gad jedhee hiikuun kan naaf hin malle tokko na duubaan ni dhufa. 8 Ani bishaaniinan isin cuupha; inni garuu Hafuura Qulqulluudhaan isin cuupha."

Cuuphamuu fi Qoramuu Iisaa

9 Yeroo sana Iisaan Naazreeti ishee Galiilaatii dhufee Laga Yordaanos keessatti Yahyaan cuuphame. 10 Iisaan utuma bishaan keessaa ol baʼaa jiruu, shamaayʼuniin banamee utuu Hafuurri akkuma gugeetti isa irratti gad buʼuu arge. 11 Sagaleen, "Ati Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; ani baayʼee sitti nan gammada" jedhu tokkos shamaayʼun irraa dhufe.

12 Yeruma sana Hafuurri gammoojjiitti isa baase; 13 inni guyyaa afurtama sheeyxaanaan qoramaa gammoojjii keessa ture. Inni bineensota wajjin ture; malaʼikkoonnis isa tajaajilan.

Barattoonni Jalqabaa Waamamuu Isaanii

14 Erga Yahyaan mana hidhaatti galfamee booddee, Iisaan injiila Allaaha lallabaa Galiilaa seene. 15 Innis, "Barri sun gaʼeera; mootummaan Allaahas dhiʼaateera; qalbii jijjiirradhaatii injiilatti amanaa!" jedhe.

16 Iisaan utuu qarqara Galaana Galiilaa irra deemaa jiruu Simoonii fi obboleessa isaa Indiriiyaas utuu isaan kiyyoo galaanatti darbachaa jiranuu arge; isaan qurxummii qabdoota turaniitii. 17 Iisaanis, "Kottaa, na duukaa buʼaa; anis akka isin qabduu namootaa taataniif isin nan erga" jedheen. 18 Isaanis yommusuma kiyyoo isaanii dhiisanii isa duukaa buʼan.

19 Innis yommuu xinnoo achi hiiqetti Yaaʼikuub ilma Zabdewoosii fi obboleessa isaa Yohannis utuu isaan bidiruu keessatti kiyyoowwan isaanii qopheeffatanuu arge. 20 Innis yommusuma isaan waame; isaanis abbaa isaanii Zabdewoosin hojjettoota qacaraman wajjin bidiruu sana keessatti dhiisanii isa duukaa buʼan.

Iisaan Hafuura Xuraaʼaa Baasuu Isaa

21 Isaan gara Qifirnaahom dhaqan; innis yommusuma Sanbataan mana sagadaa seenee barsiise. 22 Inni akka barsiistota seeraatti utuu hin taʼin akka nama taayitaa qabu tokkootti waan barsiisaa tureef namoonni barsiisa isaa ni dinqisiifatan. 23 Yeruma sana namichi mana sagadaa isaanii keessaa kan hafuura xuraaʼaan qabame tokko iyyee 24 akkana jedhe; "Yaa Iisaa nama Naazreeti, ati maal nurraa qabda? Nu balleessuu dhufte moo? Ati eenyu akka taate ani nan beeka, yaa Qulqullicha Allaaha!"

25 Iisaan immoo, "Calʼisii isa keessaa baʼi!" jedhee ifate. 26 Hafuurri xuraaʼaan sunis namicha dhidhiitachiisee, sagalee guddaadhaan iyyee keessaa baʼe.

27 Namoonni hundinuu baayʼee dinqifatanii, "Kun maalii? Inni taayitaadhaan barsiisa haaraa barsiisa! Hafuurota xuraaʼoo illee ni ajaja; isaanis ni ajajamuuf" waliin jedhan. 28 Oduun waaʼee isaas dafee biyya Galiilaa guutuu keessa faffacaʼe.

Iisaan Nama Hedduu Fayyisuu Isaa

29 Isaanis akkuma mana sagadaatii baʼaniin Yaaʼikuubii fi Yohannis wajjin mana Simoonii fi Indiriiyaas dhaqan. 30 Haati niitii Simoonis dhukkuba dhagna gubaadhaan qabamtee ciifti turte; isaanis yommusuma waaʼee ishee Iisaatti himan. 31 Innis dhaqee harka qabee ishee kaase. Dhagna gubaan sunis ishee dhiise; isheenis isaan tajaajiluu jalqabde.

32 Namoonnis galgala sana erga biiftuun lixxee booddee, dhukkubsattootaa fi warra hafuurota hamoon qabaman hunda Iisaatti fidan. 33 Magaalaan sun guutuunis balbala duratti walitti qabame. 34 Iisaanis namoota dhibee garaa garaa qaban hedduu fayyise; hafuurota hamoo baayʼees ni baase; garuu inni sababii hafuuronni hamoon sun eenyummaa isaa beekaniif akka isaan dubbatan hin eeyyamneef.

Iisaan Iddoo Namni Hin Jirretti Duʼaa gochuu Isaa

35 Iisaan ganama barii dimimmisaan kaʼee manaa baʼee iddoo namni hin jirre tokko dhaqee achitti duʼaa godhe. 36 Simoonii fi warri isa wajjin turan isa barbaaduu deeman; 37 isaanis yommuu isa argatanitti, "Namni hundinuu si barbaadaa jira!" jedhaniin.

38 Iisaan immoo deebisee, "Akka ani achittis lallabuuf kottaa gara magaalaawwan dhiʼoo jiran kaanii dhaqnaa. Sababiin ani dhufeefis kanuma" jedhe. 39 Kanaafuu inni manneen sagadaa isaanii keessatti lallabaa, hafuurota hamoos baasaa, Galiilaa guutuu keessa deeme.

Namicha Lamxaaʼaa Tokko

40 Namichi lamxaaʼaan tokko gara isaa dhufee jilbeenfatee, "Yoo fedhii kee taʼe, ati na qulqulleessuu ni dandeessa" jedhee isa kadhate.

41 Iisaanis garaa laafeefii, harka isaa hiixatee namicha qaqqabee, "Fedhii koo ti; qulqullaaʼi!" jedheen. 42 Yeruma sana lamxiin sun namicha irraa bade; namichis ni qulqullaaʼe.

43 Iisaanis of eeggannoo jabaa kenneefii yommusuma gad isa dhiise. 44 Akkanas jedheen; "Ati waan kana nama tokkotti illee akka hin himne beekkadhu; garuu dhaqiitii akka isaaniif ragaa taʼuuf lubatti of argisiisi; qulqullaaʼuu keetiifis aarsaawwan Muusaan ajaje sana dhiʼeessi." 45 Namichi garuu achii baʼee baayʼisee odeessuu jalqabe. Kanaafis Iisaan ergasii magaalaan ala, lafa namni hin jirre ture malee ifaan ifatti magaalattii seenuu hin dandeenye. Namoonni garuu iddoo hundatti isa bira dhufaa turan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-