Publicidade

Marcos 6

Nabiiʼiyyii Kabaja Dhabe

1 Iisaan achii baʼee gara magaalaa itti dhalatee dhaqe; barattoonni isaas isa wajjin dhaqan. 2 Innis guyyaan Sanbataa geenyaan mana sagadaatti barsiisuu jalqabe; warri isa dhagaʼan baayʼeenis ni dinqisiifatan.

Isaanis akkana jedhanii gaafatan; "Namichi kun wantoota kanneen eessaa argate? Ogummaan isaaf kenname kun maali? Hojiiwwan dinqisiisoon harka isaatiin hojjetaman kanneen akkanaa maali? 3 Namichi kun sooftuu mukaa mitii? Inni ilma Mariyaam, obboleessa Yaaʼikuub, kan Yoosaa, kan Yihuudaa fi kan Simoon mitii? Obboleettonni isaa as nu bira jiru mitii?" Isaanis isatti gufatan.

4 Iisaan immoo, "Nabiiʼiyyiin magaalaa itti dhalatetii, firoota isaa keessattii fi mana isaatti malee kabaja hin dhabu" jedheen. 5 Innis dhukkubsattoota muraasa irra harka isaa kaaʼee fayyisuu malee hojii dinqisiisaa tokko illee achitti hojjechuu hin dandeenye. 6 Innis amantii dhabuu isaaniitiif dinqifate.

Iisaan Jara Kudha Lamaan Erguu Isaa

Iisaanis namoota barsiisaa ganda tokko irraa gara ganda biraatti naannaʼaa ture. 7 Warra Kudha Lamaan ofitti waamee lama lamaan isaan erguu jalqabe; hafuurota xuraaʼoo irrattis taayitaa kenneef.

8 Akkana jedhees isaan ajaje: "Adeemsa keessaniif ulee malee waan tokko illee jechuunis buddeenaa fi korojoo hin qabatinaa; sabbata keessanitti immoo maallaqa hin guduunfatinaa. 9 Kophee kaaʼadhaa; garuu kittaa lama hin uffatinaa. 10 Yeroo mana tokko seentan kam iyyuu, hamma magaalaa sanaa baatanitti manuma sana turaa. 11 Yoo iddoon kam iyyuu isin simachuu baate yookaan isin dhagaʼuu baate, iddoo sanaa baʼaatii akka ragaa isaanitti taʼuuf awwaara miilla keessanii dhadhaʼadhaa."

12 Isaanis achii baʼanii akka namoonni qalbii jijjiirrataniif lallaban. 13 Hafuurota hamoo baayʼee baasan; dhukkubsattoota baayʼees zayitii dibanii fayyisan.

Ajjeefamuu Yahyaa

14 Heroodis mootichi waaʼee waan kanaa dhagaʼe; maqaan Iisaa sirriitti beekamee tureetii. Namoonni tokko tokko, "Yahyaan warra duʼan keessaa kaafameera; sababiin hojiin dinqii isaan hojjetuufis kanuma" jedhan.

15 Warri kaan, "Inni Iliyaas" jedhan.

Kaan immoo, "Inni nabiiʼiyyoota durii keessaa akka isa tokkoo ti" jedhan.

16 Heroodis garuu yommuu waan kana dhagaʼetti, "Yahyaan isa ani mataa isaa irraa kutetu warra duʼan keessaa kaafame!" jedhe.

17 Heroodis mataan isaa akka Yahyaan qabamee, hidhamee mana hidhaatti galfamu ajajee tureetii. Innis sababii niitii obboleessa ofii isaa Fiiliphoos, sababii Heroodiyaas ishee ofii fuudhee ture sanaatiif jedhee waan kana godhe. 18 Yahyaanis Heroodisiin, "Ati niitii obboleessa keetii fuudhuun kee seera miti" jedhaanii tureetii. 19 Kanaafuu Heroodiyaas Yahyaatti haaloo qabattee isa ajjeesuu barbaadde. Garuu isheen hin dandeenye; 20 Heroodis akka Yahyaan nama qajeelaa fi nama qulqulluu taʼe beekee, isa sodaatee, eegumsa isaaf gochaa tureetii. Heroodis yommuu waan Yahyaan dubbatu dhagaʼetti akka malee rifate; taʼus gammachuudhaan isa dhaggeeffachuu barbaade.

21 Dhuma irrattis yeroon mijaaʼaan argame. Heroodis guyyaa dhaloota isaatti qondaaltota gurguddootaaf, ajajjoota loltootaatii fi namoota Galiilaa keessatti beekamaniif irbaata qopheesse. 22 Intalli Heroodiyaas yommuu ol seentee sirbitetti Heroodisii fi keessummoota isaa warra irbaata affeeraman gammachiifte.

Mootichis intalattiidhaan, "Waanuma barbaadde na kadhadhu; ani siif nan kenna!" jedhe. 23 Innis, "Hamma walakkaa mootummaa kootti illee waan ati na kadhattu kam iyyuu siif nan kenna!" jedhee kakuudhaan waadaa galeef.

24 Isheenis gad baatee haadha isheetiin, "Maal kadhadhu?" jette.

Haati immoo, "Mataa Yahyaa" jettee deebifteef.

25 Intalattiinis yommusuma ariitiidhaan gara mootichaatti ol seentee, "Akka ati ammuma mataa Yahyaa gabatee irra keessee naa kennitu nan barbaada" jetteen.

26 Mootichis akka malee gadde; garuu sababii kakuu isaatii fi sababii warra isa wajjin maaddiitti dhiʼaataniitiif jedhee ishee diduu hin barbaanne. 27 Innis yommusuma loltuu tokko akka inni mataa Yahyaa fiduuf ajajee erge. Loltuun sunis dhaqee mana hidhaa keessatti mataa Yahyaa isa irraa kute; 28 mataa isaas gabatee irra kaaʼee fidee intalattiitti kenne. Isheenis haadha isheetti kennite. 29 Barattoonni Yahyaa waan kana dhageenyaan dhufanii reeffa isaa fuudhanii qabrii keessa kaaʼan.

Iisaan Namoota Kuma Shan Sooruu Isaa

30 Ergamoonnis Iisaa biratti walitti qabamanii waan hojjetanii turanii fi waan barsiisanii turan hunda isatti himan. 31 Innis, "Kophaa keessan gara iddoo namni hin jirre tokkoo kottaatii takka boqodhaa" jedheen; isaan sababii namoonni baayʼeen dhufaa, deemaas turaniif carraa itti waa nyaatan illee hin qaban tureetii.

32 Isaanis kophaa isaanii bidiruudhaan iddoo namni hin jirre tokko dhaqan. 33 Namoonni deemuu isaanii argan baayʼeen garuu isaan beekan; magaalaawwan hunda keessaa baʼanii miillaan fiiganii isaan dursanii iddoo sana gaʼan. 34 Iisaan yommuu bidiruu irraa buʼetti tuuta guddaa tokko arge; innis sababii isaan akkuma hoolota tiksee hin qabnee turaniif garaa laafeef. Kanaafuu inni waan baayʼee isaan barsiisuu jalqabe.

35 Yeroo kanatti galgalaaʼee ture; kanaafuu barattoonni isaa gara isaa dhufanii akkana jedhaniin; "Iddoon kun gammoojjii dha; aduunis dhiiteerti. 36 Akka isaan gara baadiyyaatii fi gandoota naannoo kana jiranii dhaqanii waan nyaatan bitataniif namoota kanneen gad dhiisi."

37 Inni garuu, "Isinuu waan isaan nyaatan kennaafii" jedhee deebise.

Isaanis, "Dhaqnee buddeena diinaarii dhibba lamaa binnee akka nyaataniif isaaniif kenninuu ree?" jedhaniin.

38 Innis, "Buddeena meeqa qabdu? Mee dhaqaa ilaalaa!" jedheen.

Isaanis yommuu arganitti, "Buddeena shanii fi qurxummii lama" jedhan.

39 Iisaanis akka isaan namoota hundumaa garee gareedhaan marga lalisaa irra teteessisan isaan ajaje. 40 Kanaafuu namoonni dhibba dhibbaa fi shantama shantamaan garee gareedhaan tataaʼan. 41 Innis buddeena shananii fi qurxummii lamaan sana fuudhee, gara shamaayʼun ol ilaalee galata galchee buddeena sana caccabse. Akka isaan namootaaf dhiʼeessaniifis barattoota isaatti kenne. Qurxummii lamaanis hunduma isaaniitiif qoqqoode. 42 Isaan hundi nyaatanii quufan; 43 barattoonnis hurraaʼaa buddeenaatii fi qurxummii gundoo kudha lama guutuu walitti qaban. 44 Warri nyaatanis dhiira kuma shan turan.

Iisaan Galaana Irra Deemuu Isaa

45 Iisaan yommusuma akka barattoonni isaa bidiruu yaabbatanii hamma inni tuuta sana of irraa geggeessutti isa dura gara Beetisayidaatti darbaniif isaan dirqisiise. 46 Innis erga namoota of irraa geggeessee booddee duʼaa gochuuf gaaratti ol baʼe.

47 Yommuu galgalaaʼettis bidiruun sun galaana walakkaa ture; Iisaan immoo kophaa isaa lafa irra ture. 48 Innis utuu barattoonni sababii bubbeen fuula isaanii duraan itti dhufeef bishaan mooquudhaan dhiphatanuu arge. Innis halkan keessaa kutaa afuraffaatti galaana irra deemaa gara isaanii dhufe. Innis waan isaan bira darbu fakkaate; 49 isaan garuu yommuu galaana irra deemuu isaa arganitti ekeraa seʼanii iyyan; 50 isaan hundi isa arganii akka malee naʼaniitii.

Inni immoo, "Jabaadhaa! Anumaatii hin sodaatinaa" jedhee yommusuma isaanitti dubbate. 51 Innis isaan wajjin bidiruu yaabbate; bubbeen sunis gab jedhe. Isaanis akka malee dinqisiifatan; 52 isaan waaʼee buddeennan sanaa hin hubanneetii; mata jabeeyyiis turan.

53 Isaanis yommuu gama ceʼanitti Geensereexitti bidiruu irraa buʼan; bidiruu sanas achitti hidhan. 54 Akkuma isaan bidiruu irraa buʼaniinis namoonni Iisaa beekan. 55 Namoonni sunis biyya sana guutuu keessa asii fi achi fiiganii iddoo Iisaan achi jira jechuu dhagaʼan hundumatti dhukkubsattoota sireedhaan baatanii fiduu jalqaban. 56 Iddoo inni dhaqe kam illee jechuunis gandoota, magaalaawwan yookaan baadiyyaa hundatti warra dhukkubsatan fidanii lafa gabaa kaaʼan. Isaanis akka dhukkubsattoonni sun handaara wayyaa isaa illee tuqaniif isa kadhatan; warri handaaruma wayyaa isaa tuqan hundinuus ni fayyan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-