1 Iisaanis akkana jedhee fakkeenyaan isaanitti dubbachuu jalqabe; "Namichi tokko iddoo dhaabaa wayinii irra wayinii dhaabbate. Innis naannoo isaatti dallaa ijaaree, boolla itti wayinii cuunfan qotee qooxii eegumsaa ijaare. Ergasiis iddoo dhaabaa wayinii sana qonnaan bultootatti kiraa kennatee biyya fagoo dhaqe. 2 Innis yeroo midhaan walitti qabamutti akka inni ija iddoo dhaabaa wayinii irraa waa fiduufiif garbicha tokko qottuuwwan sanatti ergate. 3 Isaan garuu qabanii, tumanii harka duwwaa of irraa isa deebisan. 4 Ammas garbicha biraa isaanitti ergate; isaanis mataa isaa buruqsanii isa qaanessan. 5 Amma illee garbicha biraa ergate; isas ni ajjeesan. Garboota biraa baayʼees ergate; isaanis gartokko ni tuman; kaan immoo ni ajjeesan.
6 "Amma iyyuu inni nama ergu tokko qaba ture; innis ilma isaa jaallatamaa dha. Namichis, ‘Ilma koo ni kabaju’ jedhee dhuma irratti isa ergate.
7 "Qottoonni sun garuu, ‘Dhaaltuun isa kana. Kottaa isa ajjeefnaa; dhaalli sun keenya taʼaatii’ waliin jedhan. 8 Kanaafuu isaan fuudhanii isa ajjeesan; iddoo dhaabaa wayinii keessaas gad baasanii isa gatan.
9 "Egaa abbaan iddoo dhaabaa wayinii sanaa maal godhinna laata? Inni dhufee qottuuwwan sana ni ajjeesa; iddoo dhaabaa wayinii sanas namoota biraatti kennata. 10 Isin Katabbii Qulqulluu hin dubbifnee? Innis akkana jedha:
" ‘Dhagaan ijaartonni tuffatan,
dhagaa golee taʼeera;
11 kanas Gooftaatu godhe;
kunis ija keenyatti dinqii dha.’ "
12 Isaanis akka inni isaaniin mormuudhaan fakkeenya sana dubbate waan beekaniif isa qabuu barbaadan. Garuu namoota sana sodaatan; kanaafuu isa dhiisanii qajeelan.
13 Ergasii waan inni dubbatuun isa qabuuf jedhanii Fariisotaa fi garee Heroodis keessaa jara tokko Iisaatti ergan. 14 Isaanis gara isaa dhufanii akkana jedhaniin; "Yaa barsiisaa, akka ati nama dhugaa taate beekna. Ati waan fuula namaa hin ilaalleef namni kam iyyuu karaa irraa si hin jalʼisuutii; garuu ati dhugaadhaan karaa Allaaha barsiifta. Qeesaariif gibira baasuun eeyyamameera moo hin eeyyamamne? 15 Haa baasnu moo haa dhiifnuu?"
Iisaan garuu fakkeessitummaa isaanii beekee, "Isin maaliif na qortu? Mee diinaarii). Fakkii fuula namaa saantima irratti qabaachuun fuula Yihuudoota amantii qabanii duratti jibbisiisaa ture. Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa keessattis dhowwameera (Bau 20:4; KeD 5:8). tokko natti fidaa nan ilaalaa" jedheen. 16 Isaanis diinaarii tokko isatti fidan; innis, "Fakkiin kun kan eenyuu ti? Katabbiin kunis kan eenyuu ti?" jedhee isaan gaafate.
Isaanis, "Kan Qeesaari" jedhanii deebisan.
17 Kana irratti Iisaan, "Kan Qeesaar Qeesaariif, kan Allaaha immoo Allaahaf kennaa" jedheen.
Isaanis isa dinqifatan.
18 Ergasii Saduuqonni, duʼaa kaʼuun hin jiru jedhan gara Iisaa dhufanii akkana jedhanii gaaffii tokko isa gaafatan; 19 "Yaa barsiisaa yoo obboleessi nama tokkoo niitii fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin niitii isaa irraa duʼe, obboleessi isaa niitii sana dhaalee obboleessa isaatiif sanyii haa dhaabuu jedhee Muusaan nuu barreesseera. 20 Kunoo obboloota torbatu ture. Inni jalqabaa niitii fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin duʼe. 21 Inni lammaffaanis ishee fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin duʼe. Inni sadaffaanis akkasuma taʼe. 22 Torban isaanii iyyuu ijoollee hin dhalchine. Dhuma irratti dubartittiinis ni duute. 23 Guyyaa duʼaa kaʼuutti isheen niitii isa kamii taati? Torban isaanii iyyuu ishee fuudhaniiruutii."
24 Iisaan immoo akkana jedhee deebise; "Isin waan Katabbiiwwan Qulqulluu yookaan humna Allaaha hin beekneef dogoggortu mitii? 25 Warri duʼan yommuu duʼaa kaʼanitti akka malaʼikkoota shamaayʼun taʼu malee hin fuudhan; hin heerumanis. 26 Waaʼee warri duʼan duʼaa kaʼuu garuu akka Allaahan Kitaaba Muusaa keessatti, daggala bobaʼu biratti, ‘Ani Allaah Ibraahim, Allaah Yisihaaqii fi Allaah Yaaʼikuub’ jedhee isatti dubbate isin hin dubbifnee? 27 Inni Allaah warra jiraataniiti malee Allaah warra duʼanii miti. Isin akka malee dogoggortaniirtu!"
28 Barsiistota seeraa keessaa inni tokko dhufee wal falmuu isaanii dhagaʼe. Innis akka Iisaan deebii gaarii isaaniif kenne hubatee, "Ajajni ajajawwan hunda caalu isa kami?" jedhee isa gaafate.
29 Iisaanis akkana jedhee deebise; "Ajajni ajajawwan hunda caalu isa kana; ‘Yaa Israaʼel dhagaʼi! Allaahan Gooftaan keenya Gooftaa tokkicha. 30 Allaah kee Goofticha garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan jaalladhu.’ 31 Inni lammaffaan immoo, isa kana; ‘Ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu.’ Ajajni ajajawwan kanneen caalu tokko iyyuu hin jiru."
32 Barsiisaan seeraa sunis akkana jedhee deebise; "Yaa barsiisaa, ati dhugaa jette; Allaah tokkicha malee Allaahan biraa hin jiruutii. 33 Garaa kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan isa jaallachuun, ollaa kees akkuma ofii keetiitti jaallachuun, qalma gubamuu fi aarsaa hunda caala."
34 Iisaanis yommuu akka inni hubannaadhaan deebise argetti, "Ati mootummaa Allaaha irraa fagoo hin jirtu" jedheen. Ergasii namni tokko iyyuu deebiʼee gaaffii isa gaafachuuf ija hin jabaanne.
35 Iisaan utuu mana qulqullummaa keessatti barsiisaa jiruu akkana jedhee gaafate; "Barsiistonni seeraa maaliif Al-Masiihiin ilma Daawud jedhu? 36 Daawud mataan isaa iyyuu Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamee akkana jedhe:
" ‘Gooftichi Gooftaa kootiin,
"Hamma ani diinota kee,
miilla kee jala siif galchutti,
gara mirga koo taaʼi." ’
37 Daawud mataan isaa iyyuu ‘Gooftaa’ jedhee isa waama. Yoos inni akkamitti ilma isaa taʼuu dandaʼa ree?"
Tuunni guddaan sunis gammachuudhaan isa dhagaʼe.
38 Iisaanis utuu barsiisuu akkana jedhe; "Barsiistota seeraa irraa of eeggadhaa. Isaan uffata dhedheeraa uffatanii nanaannaʼuu fi gabaa keessattis nagaa gaafatamuu jaallatu; 39 manneen sagadaa keessatti taaʼumsa ulfinaa, lafa cidhaatti immoo iddoo ulfinaa jaallatu. 40 Isaanis mana haadha hiyyeessaa saamanii onsu; of argisiisuuf jedhaniis duʼaa dheeressu. Namoonni kunneen adaba guddaa adabamu."
41 Iisaanis fuullee iddoo kennaan kaaʼamuu taaʼee namoota maallaqa isaanii miʼa buusii keessa buusan ilaala ture. Sooreyyiin baayʼeenis maallaqa baayʼee miʼa sana keessa buusaa turan. 42 Haati hiyyeessaa hiyyeettiin tokko dhuftee saantima sibiila diimaa xixinnoo lama kan gatiin isaa gara saantima tokkoo taʼe miʼa sana keessa buufte.
43 Iisaanis barattoota isaa ofitti waamee akkana jedhe; "Ani dhuguman isinitti hima; haati hiyyeessaa hiyyeettiin kun warra miʼa buusii kana keessa kennaa buusan hunda caalaa buufteerti. 44 Isaan hundi qabeenya isaanii irraa kennan; isheen garuu hiyyuma ishee keessaa waan hunda, waan ittiin jiraattu hunda kennite."