1 Ganama barii luboonni hangafoonni, maanguddoota, barsiistota seeraatii fi guutummaa yaaʼii Yihuudootaa wajjin mariʼatanii Iisaa hidhanii, geessanii Phiilaaxoositti dabarsanii kennan.
2 Phiilaaxoosis, "Ati mootii Yihuudootaatii?" jedhee isa gaafate.
Iisaan immoo, "Atuu jette kaa!" jedhee deebise.
3 Luboonni hangafoonni waan baayʼeedhaan isa himatan. 4 Phiilaaxoos amma illee, "Ati deebii hin kennituu? Isaan waan meeqaan akka si himatan mee ilaali" jedhee isa gaafate.
5 Iisaan garuu amma illee deebii tokko iyyuu hin kennine; Phiilaaxoosis ni dinqisiifate.
6 Innis nama hidhame kan sabni gaafate tokko Guyyaa Ayyaanaa hunda gad dhiisa ture. 7 Namichi Barabbaas jedhamu tokko finciltoota goolii kaasanii nama ajjeesan wajjin mana hidhaa keessa ture. 8 Uummanni sunis Phiilaaxoos bira dhaqee akka inni waan duraan gochaafii ture sana isaanii godhu isa kadhate.
9 Phiilaaxoos garuu, "Akka ani mootii Yihuudootaa gad isinii dhiisu barbaadduu?" jedhee gaafate; 10 inni akka luboonni hangafoonni hinaaffaadhaan Iisaa dabarsanii isatti kennan ni beeka tureetii. 11 Luboonni hangafoonni garuu akka Phiilaaxoos qooda Iisaa Barabbaasin gad dhiisu akka isa kadhataniif namoota kakaasan.
12 Phiilaaxoosis, "Yoos namicha isin mootii Yihuudootaa jettaniin kana maal godhu ree?" jedhee amma illee isaan gaafate.
13 Isaan amma illee, "Isa fannisi!" jedhanii iyyan.
14 Phiilaaxoos immoo, "Maaliif? Inni yakka maalii hojjete?" jedhee gaafate.
Isaan garuu ittuma caalchisanii, "Isa fannisi!" jedhanii iyyan.
15 Kanaafuu Phiilaaxoos namoota gammachiisuuf jedhee Barabbaasin gad isaaniif dhiise. Iisaan garuu garafsiisee akka inni fannifamuuf dabarsee kenne.
16 Ergasii loltoonni Iisaa mana bulchaatti, jechuunis Piraayitooriyoonitti ol galchan; raayyaa loltootaa hundas walitti waaman. 17 Uffata dhiilgee itti uffisan; gonfoo qoraattiis micciiranii dhaʼanii isa irra kaaʼan. 18 Isaanis, "Akkam ree, yaa mootii Yihuudootaa!" jedhanii nagaa isa gaafachuu jalqaban. 19 Uleedhaanis mataa isaa rukutan; isattis tufan. Jilbeenfataniis sagadaniif. 20 Erga itti qoosanii booddee uffata diimaa dhiilgee sana irraa baasanii wayyaa isaa deebisanii isatti uffisan. Fannisuufis isa fuudhanii deeman.
21 Isaanis namicha Qareenaa kan Simoon jedhamu tokko utuu inni baadiyyaadhaa dhufee achiin darbaa jiruu arganii akka inni fannoo Iisaa baatuuf isa dirqisiisan. Namichi kunis abbaa Iskindiroosii fi Ruufoosii ti. 22 Isaanis iddoo Golgootaa jedhamutti Iisaa geessan; Golgootaa jechuun "Iddoo buqqee mataa" jechuu dha. 23 Jarris akka inni daadhii wayinii kan qumbiin walitti makame dhuguuf kennaniif; inni garuu fudhachuu dide. 24 Isaanis isa fannisan. Uffata isaas gargar qoodatanii tokkoon tokkoon namaa maal akka argatu murteessuuf ixaa buufatan.
25 Yeroon isaan itti isa fannisanis ganama saʼaatii sadii ture. 26 Katabbiin waan inni ittiin himatamee kan,
Mooticha Yihuudootaa,
jedhu mataa isaatiin ol ture.
27 Hattoota lamas, isa tokko mirga isaatiin, kaan immoo bitaa isaatiin isa wajjin fannisan. [28 Kanaanis dubbiin kitaabni, "Inni akka seera cabsitootaatti lakkaaʼame" jedhu sun ni raawwatame.] 29 Warri achiin darbanis isa arrabsan; mataa isaaniis raasanii, "Muu! Ati kan mana qulqullummaa diigdee guyyaa sadiitti ijaartu, 30 mee fannoo irraa gad buʼiitii of oolchi!" jedhan. 31 Akkasumas luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa wajjin itti qoosan. Akkanas jedhan; "Inni warra kaan oolcheera; ofii isaa garuu oolchuu hin dandaʼu! 32 Akka nu arginee amannuuf Al-Masiihiin mootichi Israaʼel kun mee amma fannoo irraa gad haa buʼu." Warri isa wajjin fannifamanis isa arrabsan.
33 Saʼaatii jaʼaa jalqabee, hamma saʼaatii sagaliitti dukkanni lafa hunda irra buʼe. 34 Saʼaatii sagalittis Iisaan sagalee guddaadhaan, "Eloohee! Eloohee! Laamaa Sabaqtaanii?" jedhee iyye. Hiikkaan isaas, "Yaa Allaah ko! Yaa Allaah ko! Ati maaliif na dhiifte?" jechuu dha.
35 Warra achi dhadhaabatan keessaa tokko tokko yommuu waan kana dhagaʼanitti, "Ilaa, inni Iliyaasin waamaa" jedhan.
36 Namichi tokkos fiigee, ispoonjii dhangaggaaʼaadhaan guutee, uleetti kaaʼe; akka inni dhuguufis Iisaaf kennee, "Mee isa dhiisaa. Akka Iliyaas dhufee gad isa buusu arginaatii" jedhe.
37 Iisaanis sagalee guddaadhaan iyyee hafuura dhumaa baafate.
38 Golgaan mana qulqullummaas olii hamma gadiitti iddoo lamatti tarsaʼe. 39 Ajajaan dhibbaa kan fuula Iisaa dura dhaabachaa tures yommuu iyyuu Iisaa dhagaʼee akka inni itti hafuura dhumaa baafate argetti, "Dhugumaanuu namichi kun Ilma Allaaha ture!" jedhe.
40 Dubartoonni tokko tokkos fagoodhaa ilaalaa turan. Isaan keessaas Mariyaam ishee Magdalaa, Mariyaam haadha Yaaʼikuub isa quxisuutii fi Yoosaa akkasumas Saloomee turan. 41 Isaanis yeroo inni Galiilaa turetti isa duukaa buʼanii isa tajaajilaa turan. Dubartoonni isa wajjin Yerusaalemitti ol baʼan baayʼeen kaanis achi turan.
42 Guyyaan sun Guyyaa Qophii jechuunis guyyaa Sanbataan duraa ture. Yommuu galgalaaʼettis, 43 Yuusuf namni Armaatiyaa, miseensi yaaʼii beekamaan kan mataan isaa mootummaa Allaaha eeggachaa ture tokko ija jabinaan gara Phiilaaxoos dhaqee reeffa Iisaa kadhate. 44 Phiilaaxoosis yommuu akka inni duʼe dhagaʼetti ni dinqifate. Ajajaa dhibbaa sanas ofitti waamee Iisaan erga duʼee turuu fi turuu baachuu isaa gaafate. 45 Akka inni duʼes ajajaa dhibbaa sana irraa erga mirkaneeffatee booddee reeffa sana Yuusufiif kenne. 46 Yuusufis huccuu quncee talbaa irraa hojjetame bitee, reeffa sana gad buusee, huccuu sanaan kafanee qabrii garaa kattaa keessatti qotate keessa kaaʼe. Dhagaa tokkos balbala qabrii sanaatti gangalchee cufe. 47 Mariyaam isheen Magdalaatii fi Mariyaam haati Yoosaa lafa inni kaaʼame ni argan.