Publicidade

Marcos 9

1 Innis, "Ani dhuguman isinitti hima; warra as dhadhaabachaa jiran keessaa namoonni tokko tokko hamma mootummaan Allaaha humnaan dhufee arganitti duʼa hin dhandhaman" isaaniin jedhe.

Bifti Iisaa Geeddaramuu Isaa

2 Iisaan guyyaa jaʼa booddee Phexrosin, Yaaʼikuubii fi Yohannisin fudhatee tulluu dheeraa tokkotti iddoo isaan hundi kophaa turuu dandaʼanitti ol isaan baase. Innis achitti fuula isaanii duratti geeddarame. 3 Uffanni isaas uffata namni addunyaa kanaa kam iyyuu miicee addeessuu dandaʼu caalaa akka malee addaate. 4 Iliyaasii fi Muusaanis isaanitti mulʼatan; isaanis Iisaa wajjin haasaʼaa turan.

5 Phexrosis Iisaan, "Yaa Barsiisaa, as jiraachuun nuuf gaarii dha; daasii sadii, tokko siif, tokko Muusaaf, tokko immoo Iliyaasiif ni ijaarra" jedhe. 6 Inni waan dubbatu hin beeku ture; isaan akka malee sodaatanii turaniitii.

7 Duumessis). dhufee isaan haguuge; sagaleen, "Kun Ilma koo isa ani jaalladhuu dha. Isinis isa dhagaʼaa!" jedhu tokko duumessicha keessaa dhufe.

8 Isaanis yommuu akkuma tasaa naannoo isaanii ilaalanitti Iisaa malee nama tokko illee of biratti hin argine.

9 Utuu tulluu sana irraa buʼuutti jiranuus Iisaan akka isaan hamma Ilmi Namaa warra duʼan keessaa kaʼutti waan argan sana nama tokkotti illee hin himne isaan ajaje. 10 Isaanis "warra duʼan keessaa kaʼuun" maal akka taʼe wal gaggaafachaa dubbicha garaatti qabatan.

11 Isaanis, "Barsiistonni seeraa maaliif Iliyaas akka duraan dursee dhufuu qabu dubbatu?" jedhanii isa gaafatan.

12 Iisaan akkana jedhee deebise; "Dhugumaan Iliyaas duraan dursee ni dhufa; waan hundas iddootti deebisa. Yoos maaliif Ilmi Namaa akka malee dhiphachuu fi tuffatamuu qaba jedhamee barreeffame ree? 13 Ani garuu isinittin hima; Iliyaas dhufeera; isaanis akkuma waaʼee isaa barreeffame sanatti waanuma fedhan hunda isatti hojjetan."

Gurbaan Hafuura Xuraaʼaadhaan Qabame Tokko Fayye

14 Isaanis yommuu gara barattoota kaanii dhufanitti, namoonni hedduun isaanitti naannaʼanii, barsiistonni seeraa immoo utuu isaanitti falmanuu argan. 15 Namoonni hundinuus akkuma Iisaa arganiin akka malee dinqifatanii isa dubbisuudhaaf itti fiigan.

16 Innis, "Isin maal isaanitti falmitu?" jedhee isaan gaafate.

17 Namoota sana keessaas namichi tokko akkana jedhee deebise; "Yaa barsiisaa, ani ilma koo kan hafuura arraba didaadhaan qabame sitti fideera. 18 Hafuurichi yeroo itti kaʼu kam iyyuu, darbatee lafaan isa dhaʼa. Gurbichis hoomacha afaaniin baasa; ilkaan qara; ni kokottaaʼas. Ani akka hafuura sana baasaniif barattoota kee nan gaafadhe; isaan garuu hin dandeenye."

19 Iisaanis deebisee, "Isin dhaloota hin amanne nana; ani hamma yoomiittin isin wajjin jiraadha? Hamma yoomiittis ani isinii obsa? Mee gurbicha natti fidaa" jedhe.

20 Isaanis gurbicha isatti fidan. Hafuurichis akkuma Iisaa argeen gurbicha dhidhiitachiise; gurbichis lafa dhaʼee hoomacha afaaniin baasee gangalate.

21 Iisaanis, "Wanni kun erga isa qabee hammam ture?" jedhee abbaa gurbichaa gaafate.

Innis akkana jedhe; "Ijoollummaadhaa jalqabee ti. 22 Isa ajjeesuuf jedhees yeroo baayʼee ibidda keessa yookaan bishaan keessa isa buuseera. Ati garuu yoo waanuma tokko illee gochuu dandeesse garaa nuu laafiitii nu gargaari."

23 Iisaanis, " ‘Yoo dandeesse’ jettaa? Nama amanuuf wanni hundi ni dandaʼama" jedheen.

24 Yommusuma abbaan mucaa sanaa, "Ani nan amana; amantii dhabuu koo na gargaari" jedhee iyye.

25 Iisaanis yommuu namoota girrisanii dhufan argetti, "Yaa hafuura duudaa fi arrab-didaa nana, akka ati isa keessaa baatu, deebitees akka isatti hin galle sin ajaja" jedhee hafuura xuraaʼaa sana ifate.

26 Hafuurri sun iyyee, akka malees isa dhidhiitachiisee keessaa baʼe. Gurbichis akkuma reeffaa taʼe; namoonni baayʼeenis, "Inni duʼeera" jedhan. 27 Iisaan garuu harka qabee ol isa kaase; gurbaan sunis kaʼee dhaabate.

28 Erga Iisaan manatti ol galee booddee barattoonni isaa, "Nu maaliif hafuura hamaa sana baasuu dadhabne?" jedhanii kophaatti isa gaafatan.

29 Innis deebisee, "Inni akkanaa kun duʼaa fi sooma qofaan baʼa malee waan biraatiin hin baʼu" jedheen.

30 Isaan achii kaʼanii Galiilaa keessa darban. Iisaanis akka namni tokko iyyuu kana beeku hin barbaanne; 31 sababiin isaas, "Ilmi Namaa dabarfamee harka namootaatti ni kennama. Isaanis isa ni ajjeesu; innis guyyaa sadii booddee duʼaa ni kaʼa" jedhee barattoota isaa barsiisaa ture. 32 Isaan garuu waan inni jedhe hin hubanne; isa gaafachuus ni sodaatan.

Namni Nama Hundumaa Caalu Eenyu?

33 Isaanis Qifirnaahom dhaqan. Innis yeroo mana keessa turetti, "Isin karaatti maal walitti falmaa turtan?" jedhee isaan gaafate. 34 Isaan garuu eenyu akka nama hundumaa caalu karaatti waan walitti falmaa turaniif ni calʼisan.

35 Iisaanis taaʼee warra kudha lamaan waamee, "Namni nama jalqabaa taʼuu barbaadu kam iyyuu nama hundaa gadii fi tajaajilaa nama hundaa taʼuu qaba" jedheen.

36 Innis mucaa xinnaa tokko fidee isaan gidduu dhaabe. Hammatees akkana isaaniin jedhe; 37 "Namni ijoollee xixinnoo kanneen keessaa tokko maqaa kootiin simatu kam iyyuu na simata; namni na simatu kam iyyuus isa na erge sana simata malee na qofa hin simatu."

Namni Nuun Hin Mormine Kam iyyuu Garee keenya

38 Yohannisis, "Yaa barsiisaa, nu utuu namni tokko maqaa keetiin hafuurota hamoo baasuu arginee waan inni nu duukaa hin buuneef isa dhowwine" jedhe.

39 Iisaan garuu akkana jedhe; "Isa hin dhowwinaa; namni maqaa kootiin dinqii hojjetu kan ergasii immoo dafee waaʼee koo waan hamaa dubbachuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiruutii. 40 Namni nuun hin mormine kam iyyuu kanuma keenyaatii. 41 Ani dhuguman isinitti hima; namni sababii isin kan Al-Masiihii taataniif jedhee bishaan budduuqsaa tokkoo isinii kennu kam iyyuu dhugumaan gatii isaa hin dhabu.

Cubbuu Nama Hojjechiisuu

42 "Namni kam iyyuu warra natti amanan xixinnaa kanneen keessaa tokko gufachiisuu irra, utuu dhagaan daakuu guddaan isaa morma isaatti hidhamee galaanatti darbatamee isaaf wayya ture. 43 Yoo harki kee si gufachiise, of irraa muri. Harka lama qabaattee jahaannamitti, iddoo ibiddi isaa hin dhaamnetti galuu irra, harka dooluudhaan jireenyatti galuu siif wayya. [44 Jahaannamis iddoo,

" ‘raammoon isaanii hin duune,

ibiddis hin dhaamnee dha.’]

45 Yoo miilli kee si gufachiise of irraa muri. Miilla lama qabaattee jahaannamitti darbatamuu irra, laamshoftee jireenyatti galuu siif wayya. [46 Jahaannamis iddoo,

" ‘raammoon isaanii hin duune,

ibiddis hin dhaamnee dha.’]

47 Yoo iji kee si gufachiise, of keessaa baasi. Ija lama qabaattee jahaannamiitti darbatamuu irra ija tokkoon mootummaa Allaahatti galuu siif wayya. 48 Jahaannamis iddoo,

" ‘raammoon isaanii hin duune,

ibiddis hin dhaamnee dha.’

49 Namni hundinuu ibiddaan miʼeeffama. ).

50 "Soogiddi gaarii dha; garuu yoo miʼaa isaa dhabe, miʼaa isaa akkamiin deebisuufii dandeessu? Isinis soogidda of keessaa qabaadhaa; walii wajjinis nagaan jiraadhaa."

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-