Publicidade

Marcos 5

Iisaan Nama Hafuura Hamaan Qabame Tokko Fayyise

1 Isaanis galaanicha ceʼanii biyya Gergeesenoon dhaqan. 2 Yommuu Iisaan bidiruu irraa buʼetti, yommusuma namichi hafuura xuraaʼaadhaan qabame tokko iddoo qabriitii baʼee isatti dhufe. 3 Namichi kun iddoo qabrii jiraata ture; namni tokko iyyuu foncaan illee lammata isa hidhuu hin dandeenye. 4 Inni yeroo baayʼee funyoo sibiilaatii fi foncaadhaan hidhama ture; garuu foncaa sana kukkutee funyoo sibiilaa sanas caccabsa tureetii. Namni gad isa qabuu dandaʼu tokko iyyuu hin turre. 5 Innis yeroo hundumaa, halkanii guyyaa iddoo qabrii keessattii fi gaarran gubbaatti iyyaa, dhagna isaas dhagaadhaan murmuraa ture.

6 Innis yommuu Iisaa fagootti argetti itti fiigee, fuula isaa duratti jilbeenfate. 7 Sagalee ol fudhatee iyyees, "Yaa Iisaa Ilma Allaah Waan Hundaa Olii, ati maal narraa barbaadda? Maqaa Allaahatiin sin kadhadhaatii maaloo na hin dhiphisin!" jedheen. 8 Iisaanis, "Yaa hafuura xuraaʼaa, namicha kana keessaa baʼi!" jedheenii tureetii.

9 Iisaanis, "Maqaan kee eenyu?" jedhee isa gaafate.

Innis, "Nu waan baayʼee taaneef, maqaan koo Leegewoon" jedhee deebise. 10 Akka inni biyya sana keessaa isaan hin ariineefis guddisee Iisaa kadhate.

11 Hoomaan booyyee guddaan isaas gaara bira dheedaa ture. 12 Hafuuronni hamoon sunis, "Gara hoomaa booyyee sanaatti nu ergi; akka itti galluufis nuu eeyyami" jedhanii Iisaa kadhatan. 13 Innis ni eeyyameef; hafuuronni xuraaʼoon sun baʼanii booyyee sanatti galan. Hoomaan gara booyyee kuma lamaa of keessaa qabu sunis ededa hallayyaa irraa gad furguggifamee galaanatti namʼee liqimfame.

14 Warri booyyeewwan tiksan sunis baqatanii magaalaa fi baadiyyaatti waan kana odeessan; namoonnis waan taʼe sana ilaaluu yaaʼan. 15 Isaanis yommuu gara Iisaa dhufanitti namicha Leegewoonii hafuurota hamootiin qabamee ture sana wayyaa uffatee, qalbii isaattis deebiʼee achi taaʼee argan; ni sodaatanis. 16 Warri waan kana arganii turanis waan namicha hafuurota hamoon qabamee ture sanaaf taʼee fi waaʼee hoomaa booyyees namootatti odeessan. 17 Kana irratti jarri akka Iisaan biyya isaanii keessaa baʼuuf isa kadhachuu jalqaban.

18 Utuu Iisaan bidiruu yaabbachaa jiruu namichi hafuura hamaan qabamee ture sun isa wajjin deemuuf isa kadhate. 19 Iisaan garuu, "Gara mana keetii, warra keetti galiitii waan guddaa Gooftaan siif godhee fi akkamitti akka inni si maares isaanitti odeessi!" jedheen malee hin eeyyamneef. 20 Kanaafuu namichi sun dhaqee waan Iisaan isaaf godhe Magaalaa Kurnan keessatti odeessuu jalqabe. Namoonni hundinuus ni dinqifatan.

Durba Duutee fi Dubartii Dhukkubsatte Tokko

21 Yommuu Iisaan bidiruudhaan ammas gara gama galaanaatti ceʼetti namoonni hedduun isa biratti walitti qabaman; innis qarqara galaanaa ture. 22 Hooggantoota mana sagadaa keessaas namichi Yaaʼiiros jedhamu tokko dhufe; innis yommuu Iisaa argetti, miilla isaa irratti kufee, 23 "Intalli koo xinnoon duʼuu geesseerti. Akka isheen fayyitee jiraattuuf, maaloo kottuutii harka kee ishee irra kaʼi" jedhee jabeessee isa kadhate. 24 Kanaafuu Iisaan isa wajjin dhaqe.

Namoonni baayʼeenis isa duukaa buʼan; gara isaattis wal dhiibaa turan. 25 Dubartiin dhiigni ishee waggaa kudha lama dhangalaʼaa ture tokkos achi turte. 26 Isheenis ogeeyyii fayyaa baayʼee biratti akka malee dhiphatte; waan qabdu hundumas of harkaa fixxe; garuu ittuma hammaachaa deeme malee itti hin wayyoofne. 27 Isheenis yommuu waaʼee Iisaa dhageessetti dugda isaa duubaan namoota gidduudhaan dhuftee uffata isaa tuqxe. 28 Isheen, "Ani yoon uffatuma isaa illee tuqe nan fayya" jettee yaaddee turteetii. 29 Dhiigni ishees yommusuma cite; isheenis akka dhiphina ishee irraa fayyite dhagna ishee keessatti hubatte.

30 Iisaanis yommusuma akka humni isa keessaa baʼe hubate. Innis namoota keessa garagalee, "Eenyutu uffata koo tuqe?" jedhee gaafate.

31 Barattoonni isaas deebisanii, "Akka namoonni si dhiibaa jiran utuma argituu, ‘Eenyutu na tuqe?’ jettee gaafattaa?" jedhan.

32 Iisaan garuu namni waan kana godhe eenyuu akka taʼe arguuf jedhee garagalee ilaale. 33 Dubartittiinis waan isheef godhame hubattee sodaadhaan hollachaa dhuftee miilla isaa irratti kufte; dhugaa hundumas isatti himte. 34 Innis, "Yaa intalaa, amantiin kee si fayyiseera. Nagaan deemi; dhiphina kee irraas fayyi" jedheen.

35 Utuu Iisaan dubbachaa jiruus namoonni tokko tokko mana Yaaʼiiroos bulchaa mana sagadaatii dhufanii, "Intalli kee duuteerti; ati siʼachi maaliif barsiisicha rakkifta?" jedhan.

36 Iisaan garuu waan isaan jedhan jalaa qabuu didee bulchaa mana sagadaa sanaan, "Amani malee hin sodaatin!" jedhe.

37 Innis Phexros, Yaaʼikuubii fi Yohannis obboleessa Yaaʼikuub malee akka namni tokko iyyuu isa faana deemu hin eeyyamne. 38 Yommuu mana hoogganaa mana sagadaa sanaa bira gaʼanittis Iisaan uummata wacu, namoota booʼanii fi wawwaatan arge. 39 Innis ol seenee, "Wacnii fi booʼichi kun hundi maali? Intalattiin ni rafti malee hin duune" jedheen. 40 Isaan garuu isatti kolfan.

Innis erga hunda isaanii gad baasee booddee, abbaa fi haadha intalattii, barattoota isa wajjin turanis fudhatee iddoo intalattiin jirtu seene. 41 Innis harka ishee qabee, "Xaaliitaa quumii!" jedheen; kunis, "Yaa mucattii xinnoo, ani siin nan jedha, kaʼi!" jechuu dha. 42 Mucattiinis yommusuma kaatee dhaabatte; asii fi achis deemuu jalqabde. Umuriin ishee waggaa kudha lama ture. Isaanis yommusuma akka malee dinqifatan. 43 Innis akka namni tokko iyyuu waan kana hin beekneef ajaja cimaa kenne; akka isaan waan isheen nyaattu isheef kennan isaanitti hime.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-