1 Erga Sanbanni darbee booddee Mariyaam isheen Magdalaa, Mariyaam haati Yaaʼikuubii fi Saloomeen dhaqanii reeffa Iisaa dibuuf jedhanii urgooftuu bitan. 2 Isaanis guyyaa jalqaba torbaan sanaa ganama barii, akkuma biiftuun baateen gara qabrii dhaqan; 3 isaanis, "Eenyutu balbala qabrii irraa dhagaa sana nuu gangalcha?" waliin jedhan.
4 Yommuu milʼatanii ilaalanitti garuu akka dhagaan baayʼee guddaan sun afaan qabrii irraa gangalfame argan. 5 Isaanis qabrii keessa seenanii dargaggeessa uffata adii uffate tokko karaa mirgaatiin taaʼee arganii rifatan.
6 Innis akkana isaaniin jedhe; "Hin rifatinaa! Isin Iisaa Nama Naazreeti isa fannifamee ture barbaaddu. Inni kaʼeera! As hin jiru. Mee iddoo isaan isa kaaʼanii turan ilaalaa. 7 Garuu dhaqaatii barattoota isaatii fi Phexrositti, ‘Inni isin dursee Galiilaa ni dhaqa. Akkuma isinitti hime sanas achitti isa ni argitu’ jedhaatii himaa."
8 Dubartoonni sunis hollachaa fi dinqisiifachaa gad baʼanii qabrii biraa baqatan. Sababii sodaataniifis nama tokkotti illee homaa hin himne.
[9 Iisaanis barii guyyaa jalqaba torban sanaa yeroo duʼaa kaʼetti duraan dursee Mariyaam ishee Magdalaatti mulʼate; Mariyaam kunis kan inni hafuurota hamoo torba ishee keessaa baasee turee dha. 10 Isheenis dhaqxee utuu warri isa wajjin turan wawwaachuu fi booʼuutti jiranuu isaanitti himte. 11 Isaan garuu yommuu akka Iisaan jiraataa taʼee fi akka isheen isa argite dhagaʼanitti waan sana hin amanne.
12 Ergasiis isaan keessaa utuu namoonni lama baadiyyaa dhaqaa jiranuu Iisaan bifa biraatiin isaanitti mulʼate. 13 Jarris deebiʼanii warra hafanitti himan; isaan garuu warra kanas hin amanne.
14 Ergasiis Iisaan utuu isaan maaddiitti dhiʼaatanii jiranuu warra Kudha Tokkotti mulʼate; innis sababii isaan warra erga inni duʼaa kaʼe isa argan sana amanuu didaniif, amantii dhabuu isaaniitii fi mata jabina isaaniitiif isaan ifate.
15 Innis akkana isaaniin jedhe; "Gara addunyaa hundaa dhaqaa; uumama hundumattis injiila lallabaa. 16 Namni amanuu fi cuuphamu kam iyyuu ni fayya; nama hin amannetti garuu ni murama. 17 Mallattoon kunis warra amanan irraa mulʼata; isaan maqaa kootiin hafuurota hamoo baasu; afaan haaraadhaan dubbatu; 18 harka isaaniitiin bofa ni qabu; yoo summii nama ajjeesu dhugan isaan hin miidhu; harka isaanii namoota dhukkubsatan irra ni kaaʼu; namoonnis ni fayyu."
19 Iisaa Gooftaan erga isaanitti dubbatee booddee shamaayʼuniitti ol fudhatamee gara mirga Allaahatiin taaʼe. 20 Barattoonnis achii baʼanii iddoo hundatti lallaban; Gooftaanis isaan wajjin hojjechaa ture; dubbii isaas dinqiiwwan hojjetamaniin ni mirkaneessa ture.]