Publicidade

Lucas 1

Seensa

1 Namoonni baayʼeen seenaa wantoota nu gidduutti raawwatame sanaa barreessuu yaalaniiru; 2 kunis akka warri jalqabaa kaasanii ijaan arganii fi tajaajiltoota dubbichaa turan sun nutti dabarsanii kennanitti. 3 Kanaafuu yaa Tewofilos kabajamaa, anis jalqabumaa kaasee waan hundumaa sirriitti ergan qoradhee booddee seenaa sana wal duraa duubaan siif barreessuun waan gaarii natti fakkaateera. 4 Kunis akka wanni ati baratte sun dhugaa taʼe akka beektuuf.

Dhalachuu Yahyaa

5 Bara Heroodis mootii Yihuudaa turetti ramaddii lubummaa Abiyaa keessaa luba Zakariyaa jedhamu tokkotu ture; niitiin isaa Elsaabeexis sanyii Haaruun. 6 Lamaan isaanii iyyuu ajajaa fi seera Gooftaa hunda mudaa malee eeguudhaan fuula Allaaha duratti qajeeltota turan. 7 Garuu Elsaabeex waan dhabduu turteef ijoollee hin qaban ture; lamaan isaanii iyyuu dulloomanii turan.

8 Zakariyaanis dabareen garee isaa geenyaan utuu fuula Allaaha duratti tajaajila lubummaa isaa kennaa jiruu, 9 akkuma duudhaa lubummaatti akka mana qulqullummaa Gooftaa seenee ixaana aarsuuf ixaadhaan filatame. 10 Yeroo ixaanni aarfamuttis namoonni baayʼeen alatti duʼaa godhachaa turan.

11 Malaʼikkaan Gooftaas iddoo aarsaa ixaanaatiin mirga dhaabatee Zakariyaatti mulʼate. 12 Zakariyaanis yommuu isa argetti ni rifate; sodaanis isa qabate. 13 Malaʼikkaan sun garuu akkana isaan jedhe; "Yaa Zakariyaa, hin sodaatin; duʼaan kee dhagaʼameera. Niitiin kee Elsaabeex ilma siif deessi; atis maqaa isaa Yahyaa jedhii moggaasi. 14 Ati ilillee fi gammachuu ni qabaatta; namoonni baayʼeenis dhalachuu isaatti ni gammadu; 15 inni fuula Gooftaa duratti guddaa taʼaatii. Daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu gonkumaa dhuguu hin qabu; utuma garaa haadha isaa keessa jiruus Hafuura Qulqulluudhaan ni guutama. 16 Saba Israaʼel keessaas namoota baayʼee gara Gooftaa, gara Allaah isaaniitti ni deebisa. 17 Innis saba Gooftaaf qophaaʼe tokko kurfeessuuf jedhee garaa abbootii gara ijoollee isaaniitti, warra hin ajajamne immoo gara ogummaa qajeeltotaatti deebisuuf hafuuraa fi humna Iliyaasiin fuula Gooftaa dura ni deema."

18 Zakariyaanis, "Ani akkamittin kana beeka? Ani dulloomeera; umuriin niitii kootiis deemee jira" jedhee malaʼikkaa sana gaafate.

19 Malaʼikkaan sunis akkana jedhee deebiseef; "Ani Jibriil isa fuula Allaaha dura dhaabatuu dha; anis sitti dubbachuu fi oduu gammachiisaa kana sitti himuuf ergameera. 20 Kunoo, ati sababii dubbii koo isa yeroo isaatti mirkanaaʼu hin amaniniif hamma gaafa wanni kun taʼuutti ni duudda; dubbachuus hin dandeessu."

21 Uummannis yeroo sana sababii Zakariyaan yeroo akkas dheeratu mana qulqullummaa keessa tureef dinqifachaa isa eegaa ture. 22 Garuu Zakariyaan yommuu gad baʼetti waan isaanitti dubbachuu hin dandaʼiiniif isaan akka inni mana qulqullummaa keessatti mulʼata wayii arge hubatan; innis mallattoon isaanitti himaa ture malee dubbachuu hin dandeenye.

23 Innis yommuu yeroon tajaajila isaa raawwatetti gara mana isaatti deebiʼe. 24 Ergasii niitiin isaa Elsaabeex ulfooftee hamma jiʼa shaniitti manaa hin baane. 25 Isheenis, "Gooftaan salphina namoota gidduutti narra ture narraa kaasuuf jedhee guyyaa arjummaan na yaadatetti waan kana naa godhe" jette.

Dhalachuu Iisaa

26 Elsaabeexi ulfooftee jiʼa jaʼaffaattis Jibriil malaʼikkaan Allaah biraa gara magaalaa Naazreeti ishee Galiilaa keessatti argamtuutti ergame; 27 innis gara durba namichi sanyii Daawud irraa dhalate kan maqaan isaa Yuusuf jedhamu tokkoof kaadhimamtee dhufe. Maqaan durba qulqullittii sanaas Mariyaam ture. 28 Malaʼikkaan Allaaha sunis gara ishee dhaqee, "Yaa ishee surraa argatte; nagaan siif haa taʼu! Gooftaan si wajjin jira" jedhe.

29 Mariyaam garuu dubbii malaʼikkaa sanaatiin akka malee jeeqamtee, "Kun nagaa akkamiitii?" jettee yaadde. 30 Malaʼikkaan sun garuu akkana isheedhaan jedhe; "Yaa Mariyaam, hin sodaatin; ati Allaah biraa surraa argatteertaatii. 31 Kunoo ni ulfoofta; Ilmas ni deessa; maqaa isaas Iisaa jettee moggaafta. 32 Innis guddaa ni taʼa; Ilma Allaah Waan Hundaa Olii jedhamees ni waamama. Allaahan Gooftaanis teessoo Abbaa isaa Daawud ni kennaaf; 33 inni mana Yaaʼikuub irratti bara baraan ni moʼa; mootummaan isaas dhuma hin qabu."

34 Mariyaamis, "Ani durba; yoos wanni kun akkamitti taʼuu dandaʼa ree?" jettee malaʼikkaa sana gaafatte.

35 Malaʼikkaan sunis akkana jedhee deebiseef; "Hafuurri Qulqulluun sirra buʼa; humni Allaah Waan Hundaa Oliis si golbooba. Kanaaf inni qulqulluun dhalatu sun Ilma Allaaha ni jedhama. 36 Kunoo, firri kee Elsaabeexi iyyuu dulluma ishee keessa ilma ulfoofteerti; isheen dhabduu jedhamaa turte sun jiʼa jaʼaffaa qabatteerti. 37 Wanni Allaahaf hin dandaʼamne hin jiruutii."

38 Mariyaamis, "Kunoo, ani garbittii Gooftaa ti. Akkuma ati dubbatte naaf haa taʼu" jetteen. Malaʼikkaan sun ishee dhiisee deeme.

Mariyaam Elsaabeexin Dubbisuu Dhaqxe

39 Yeroo sana Mariyaam kaatee ariitiidhaan gara magaalaa baddaa biyya Yihuudaa tokkoo dhaqxe. 40 Isheenis mana Zakariyaa seentee Elsaabeexin nagaa gaafatte. 41 Elsaabeexis yommuu nagaa Mariyaam dhageessetti mucaan sun gadameessa ishee keessa uʼutaale. Elsaabeexis Hafuura Qulqulluudhaan ni guutamte. 42 Isheenis sagalee ishee ol fudhattee iyyitee akkana jette; "Ati dubartoota keessaa eebbifamtuu dha; mucaan ati deessus eebbifamaa dha. 43 Garuu akka haati Gooftaa koo gara koo dhuftuuf arjummaan akkanaa akkamitti naa godhame? 44 Kunoo, akkuma sagaleen nagaa keetii gurra koo seeneen ulfi gadameessa koo keessa jiru gammachuun utaaleera. 45 Wanni Gooftaan isheetti dubbate akka raawwatamu kan amante isheen eebbifamtuu dha!"

Faarfannaa Mariyaam

46 Mariyaamis akkana jette:

"Lubbuun koo Gooftaadhaaf ulfina kenniti;

47 hafuurri koos fayyisaa koo Allaahatti ni gammada;

48 inni salphina garbittii isaa argeeraatii.

Kunoo ammaa jalqabee dhaloonni hundinuu eebbifamtuu naan jedha;

49 Inni humna qabeessi sun waan guddaa naa godheeraatii;

maqaan isaa qulqulluu dha.

50 Araarri isaas warra isa sodaataniif

dhalootaa hamma dhalootaatti itti fufa.

51 Inni irree isaatiin hojiiwwan gurguddaa hojjeteera;

of tuultotas yaada garaa isaaniitiin bittinneesseera.

52 Bulchitoota teessoo isaanii irraa buuseera;

gad of qabeeyyii garuu ol kaaseera.

53 Warra beelaʼan waan gaariidhaan quufseera;

sooreyyii garuu harka duwwaa deebiseera.

54 Inni araara qabeessa taʼuu isaa

yaadachaa garbicha isaa Israaʼelin gargaareera;

55 kunis akkuma inni abbootii keenyaaf,

Ibraahimii fi sanyii isaatiif bara baraan waadaa galetti."

56 Mariyaamis gara jiʼa sadii Elsaabeexi bira turtee gara mana ofii isheetti deebite.

Dhalachuu Yahyaa

57 Elsaabeexi yeroon daʼumsa ishee geenyaan ilma deesse. 58 Olloonni isheetii fi firoonni ishee akka Gooftaan araara guddaa isheef godhe dhagaʼanii ishee wajjin gammadan.

59 Isaanis guyyaa saddeettaffaatti daaʼima sana dhagna qabuu dhufan; Zakariyaa jedhaniis maqaa abbaa isaatiin isa moggaasuu fedhan. 60 Haati isaa garuu, "Lakkii! Inni Yahyaa jedhamee waamamuu qaba" jette.

61 Isaanis, "Firoota kee keessa namni maqaa akkanaa qabu tokko iyyuu hin jiru" jedhaniin.

62 Namoonni sunis akka Zakariyaan eenyu jedhee daaʼima sana waamuu barbaadu beekuuf jedhanii mallattoon isa gaafatan. 63 Innis gabatee irratti barreessu kadhatee, "Maqaan isaa Yahyaa" jedhee barreesse; hundi isaaniis ni dinqifatan. 64 Yommusuma afaan isaa banamee arrabni isaa hiikame; innis Allaah galateeffachuudhaan dubbachuu jalqabe. 65 Olloonni isaanii hundinuu sodaadhaan guutaman; wanni kunis baddaa biyya Yihuudaa hunda keessatti odeeffame. 66 Warri kana dhagaʼan hundinuus, "Yoos daaʼimni kun nama akkamii taʼinna laata?" jedhanii garaa isaaniitti dinqifatan. Harki Gooftaa isa wajjin tureetii.

Faarfannaa Zakariyaa

67 Zakariyaa abbaan Yohannis Hafuura Qulqulluudhaan guutamee akkana jedhees raajii dubbate:

68 "Sababii dhufee saba isaa fureef Gooftaan,

Allaahan Israaʼel haa eebbifamu.

69 Inni mana garbicha isaa mana Daawud keessatti

gaanfa fayyinaa nuuf kaaseera;

70 akkuma afaan nabiiʼiyyoota isaa qulqulloota duriitiin dubbatetti

71 diinota keenya jalaa,

harka warra nu jibban hundumaa keessaas nu baasuuf jedhee

72 araara abbootii keenyaaf waadaa gale sana raawwachuudhaaf,

kakuu isaa qulqulluu,

73 inni abbaa keenya Ibraahimiif kakate yaadachuudhaaf,

74 harka diinota keenyaa keessaa nu baasuudhaaf,

akka nu sodaa malee isa tajaajillu nu dandeessisuudhaaf,

75 akka nu bara jireenya keenyaa guutuu qulqullinaa fi qajeelinaan,

fuula isaa duratti tajaajilluuf waan kana godhe.

76 "Yaa mucaa ko, ati nabiiʼiyyii Allaah Waan Hundaa Olii ni jedhamta;

ati karaa isaa qopheessuuf fuula Gooftaa dura ni deemtaatii;

77 kunis akka ati dhiifama cubbuu argachuu isaaniitiin beekumsa fayyinaa

saba isaatiif kennituuf;

78 sababii araara Allaah keenyaa kan gara laafinaan guutame

kan bariin fayyinaa shamaayʼun irraa ittiin nuu bariʼuu,

79 warra dukkana keessa,

gaaddidduu duʼaa jala jiraniif akka ifa kennuuf;

miilla keenyas karaa nagaa irra deemsisuuf."

80 Mucichis guddatee hafuuraan jabaachaa deeme; hamma guyyaa saba Israaʼelitti mulʼateettis gammoojjii keessa jiraate.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-