Publicidade

Lucas 22

Yihuudaan Iisaa Dabarsee Kennuu Isaa

1 Yeroo sana Ayyaanni Maxinoo kan Faasiikaa jedhamu dhiʼaate ture; 2 luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa waan namoota sodaataniif, mala ittiin Iisaa ajjeesan barbaadaa turan. 3 Ergasiis sheeyxaanni namicha Yihuudaa Keeriyoticha jedhamu kan jara Kudha Lamaan keessaa tokko ture sanatti gale. 4 Yihuudaanis gara luboota hangafootaatii fi ajajjoota waardiyyaa mana qulqullummaa dhaqee haala ittiin Iisaa dabarsee kennu irratti isaan wajjin mariʼate. 5 Isaanis gammadanii maallaqa isaaf kennuuf walii galan. 6 Innis tole jedhee yeroo namoonni hin jirretti Iisaa dabarsee isaanitti kennuudhaaf haala mijaaʼaa eeggachaa ture.

Irbaata Gooftaa

7 Guyyaan Ayyaana Maxinoo kan hoolaan Faasiikaa itti qalamuu qabu gaʼee ture. 8 Iisaanis, "Akka Faasiikaa nyaannuuf dhaqaatii nuu qopheessaa" jedhee Phexrosii fi Yohannisin erge.

9 Isaanis, "Akka nu eessatti qopheessinu barbaadda?" jedhanii isa gaafatan.

10 Inni immoo deebisee akkana jedhe; "Akkuma isin magaalaa seentaniin, namichi okkotee bishaanii baatu tokko isinitti dhufa. Gara mana inni seenuutti isa duukaa buʼaatii, 11 abbaa mana sanaatiin, ‘Barsiisaan, "Manni keessummaa, iddoon ani itti barattoota koo wajjin Faasiikaa nyaadhu eessaa?" siin jedha’ jedhaa. 12 Abbaan manaa sunis darbii balʼaa miʼa manaatiin guutame tokko isinitti argisiisa. Isinis achitti qopheessaa."

13 Isaanis dhaqanii akkuma Iisaan isaanitti hime sanatti argatan. Faasiikaas ni qopheessan.

14 Yommuu saʼaatiin sun gaʼetti Iisaa fi ergamoonni isaa maaddiitti dhiʼaatan. 15 Innis akkana isaaniin jedhe; "Ani utuu hin dhiphatiniin dura isin wajjin Faasiikaa kana nyaachuu akka malee hawween ture. 16 Ani isinittin himaatii; hamma Faasiikaan kun mootummaa Allaaha keessatti raawwatamutti ani deebiʼee isa hin nyaadhu."

17 Innis erga xoofoo fuudhee galata galchee booddee akkana jedhe; "Kana fudhadhaatii gargar qooddadhaa. 18 Ani isinitti nan himaatii; ani hamma mootummaan Allaaha dhufutti ija wayinii kana irraa deebiʼee hin dhugu" jedhe.

19 Innis buddeena fuudhee galata galchee, caccabsee isaaniif kennee, "Kun foon koo kan isiniif kennamuu dha; kanas yaadannoo kootiif godhadhaa" jedheen.

20 Akkasumas irbaata booddee xoofoo sana fuudhee akkana jedhe; "Xoofoon kun Kakuu Haaraa dhiiga koo kan isiniif dhangalaafamuun taʼuu dha. 21 Garuu harki namicha dabarsee na kennu sanaa kunoo harka koo wajjin maaddii irra jira. 22 Ilmi Namaa akkuma murteeffame sanatti ni deema. Garuu namicha dabarsee isa kennu sanaaf wayyoo!" 23 Isaanis namni isaan keessaa waan kana gochuuf jiru eenyu akka taʼe wal gaggaafachuu jalqaban.

24 Akkasumas isaan keessaa namni akka nama nama hundumaa caaluutti ilaalamu eenyu akka taʼe irratti wal falmiin gidduu isaaniitti kaʼe. 25 Iisaanis akkana isaaniin jedhe; "Mootonni Namoota Ormaa isaan irratti gooftummaa mulʼisu; warri isaan irratti taayitaa argisiisan immoo Gargaartota ofiin jedhu. 26 Isin garuu akkas taʼuu hin qabdan. Qooda kanaa isin keessaa namni nama hunda caalu, akka quxisuu nama hundaa, bulchaan immoo akka tajaajilaa haa taʼu. 27 Eenyutu guddaa dha? Nama maaddiitti dhiʼaatu moo nama tajaajilu? Nama maaddiitti dhiʼaatu mitii? Ani garuu isin gidduutti akka tajaajilaa tokkoo ti. 28 Isin immoo warra yeroo qorama koo na wajjin turtanii dha. 29 Akkuma Abbaan koo mootummaa natti kenne, anis akkasuma isinittin kenna; 30 kunis akka isin mootummaa koo keessatti maaddii koo irraa nyaattanii fi dhugdan, akka teessoowwan irra teessanii gosoota Israaʼel kudha lamaanitti murtaniif.

31 "Yaa Simoon, yaa Simoon; kunoo, sheeyxaanni akkuma qamadiitti isin gingilchuuf kadhateera. 32 Yaa Simoon, ani garuu akka amantiin kee hin dadhabneef duʼaa siif godheera; atis yommuu deebitutti, obboloota kee jajjabeessi."

33 Simʼoon garuu deebisee, "Yaa Gooftaa, ani si wajjin hidhamuu fi duʼuuf illee qophaaʼeera" jedhe.

34 Iisaan, "Yaa Phexros, ani sittin hima; ati harʼa utuu indaanqoon hin iyyin akkuma na beektu illee yeroo sadii ni ganta" jedhee deebise.

35 Iisaanis, "Yeroo ani borsaa, korojoo yookaan kophee malee isin erge sana waa isin duraa hirʼateeraa?" jedhee isaan gaafate.

Isaanis deebisanii, "Wanni tokko iyyuu hin hirʼanne" jedhan.

36 Inni immoo akkana isaaniin jedhe; "Amma garuu yoo borsaa qabaattan fudhadhaa; yoo korojoo qabaattanis fudhadhaa; yoo goraadee hin qabaannes uffata keessan gurguraatii goraadee bitadhaa. 37 Wanni, ‘Inni yakkitootatti lakkaaʼame’ jedhamee barreeffame sun akka narratti raawwatamuu qabu ani isinitti hima; wanni waaʼee koo barreeffame raawwatamuu gaʼeeraatii."

38 Barattoonnis, "Yaa Gooftaa, kunoo goraadee lamatu as jira" jedhan.

Innis, "Ni gaʼa" jedhee deebiseef.

Iisaan Tulluu Ejersaa Irratti duʼaa gochuu Isaa

39 Iisaanis achii baʼee, akkuma amala isaa gara Tulluu Ejersaa dhaqe; barattoonni isaas isa duukaa buʼan. 40 Innis akkuma iddoo sana gaʼeen, "Isin akka qorumsatti hin galleef duʼaa godhadhaa" isaaniin jedhe. 41 Innis hamma darbata dhagaa tokkoo achi hiiqee, jilbeenfatees akkana jedhee duʼaa godhe; 42 "Yaa Abbaa, yoo fedhii kee taʼe, xoofoo kana narraa fuudhi; garuu akka fedhii keetii malee akka fedhii kootii hin taʼin." 43 Malaʼikkaan Allaaha tokkos shamaayʼun irraa isatti mulʼatee isa jajjabeesse. 44 Innis lubbamee jabeessee duʼaa godhate; dafqi isaas akka coccopha dhiigaa lafatti cophaa ture.

45 Innis yommuu duʼaa godhatee kaʼee gara barattootaatti deebiʼetti, isaanii gaddaan bututanii rafaa jiran isaan arge. 46 Innis, "Isin maaliif raftu? Isin akka qorumsatti hin galleef kaʼaatii duʼaa godhadhaa" isaaniin jedhe.

Iisaan Qabamuu Isaa

47 Utuma inni amma iyyuu dubbachaa jiruus, tuunni namootaa tokko dhufe; namichi Yihuudaa jedhamu kan warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼe sunis isaan dura deemaa ture. Innis Iisaa dhungachuuf itti dhiʼaate; 48 Iisaan garuu, "Yaa Yihuudaa, ati dhungoodhaan Ilma Namaa dabarsitee kennitaa?" jedhee gaafate.

49 Warri isa wajjin turanis yommuu waan taʼuuf jiru arganitti, "Yaa Gooftaa, goraadeedhaan isaan dhoofnuu" jedhan. 50 Isaan keessaas namni tokko garbicha luba ol aanaa dhaʼee gurra isaa mirgaa irraa kute.

51 Iisaanis deebisee, "Dhiisaa! Waan akkanaa itti hin deebiʼinaa" jedhe; gurra namichaas tuttuqee fayyise.

52 Ergasiis Iisaan luboota hangafoota, dura buʼoota mana qulqullummaatii fi maanguddoota isa qabuu dhufaniin akkana jedhe; "Isin goraadee fi bokkuu qabattanii akka nama hattuu qabuutti dhuftanii? 53 Ani guyyuma guyyaan mana qulqullummaa keessa isin wajjinan ture; isin harkaanuu na hin tuqne. Garuu saʼaatiin kun saʼaatii keessan; innis yeroo itti dukkanni moʼuu dha."

Phexros Iisaa Ganuu Isaa

54 Isaanis isa qabanii fuudhanii deeman; fidaniis mana luba ol aanaa ol isa seensisan. Phexros immoo fagootti duukaa buʼaa ture. 55 Yommuu isaan walakkaa lafa dallaa keessaatti ibidda qabsiisanii walii wajjin tataaʼanitti Phexrosis isaan wajjin taaʼe. 56 Xomboreen tokkos utuu inni ifa ibiddaa keessa taaʼee jiruu isa argite. Isheenis hubattee isa ilaaltee, "Namichi kunis isa wajjin ture" jette.

57 Inni garuu, "Dubartii nana, ani isa hin beeku" jedhee gane.

58 Yeroo xinnoo booddee namni biraa isa argee, "Atis jara keessaa tokkoo dha" jedhe.

Phexros garuu, "Namichoo, ana miti" jedhee deebise.

59 Gara Saʼaatii tokkoo booddee namni biraa, "Namichi kunis waan nama Galiilaa taʼeef dhuguma iyyuu isa wajjin ture" jedhee jabeessee dubbate.

60 Phexros immoo deebisee, "Namichoo, ani waan ati jettu kana hin beeku" jedhe. Utuma inni dubbachaa jiruus indaanqoon iyye. 61 Gooftaanis garagalee Phexrosin ilaale. Phexrosis waan Gooftaan, "Ati harʼa utuu indaanqoon hin iyyin yeroo sadii na ganta" isaan jedhee ture sana yaadate. 62 Innis gad baʼee hiqqifatee booʼe.

Eegdonni Iisaatti Qoosuu Isaanii

63 Namoonni Iisaa eegaa turan sun isatti qoosuu fi isa tumuu jalqaban. 64 Isaanis isa haguuganii, "Mee raajii dubbadhu! Eenyutu si rukute?" jedhanii isa gaafatan. 65 Isaanis isa arrabsaa waan hedduu isaan jedhan.

Iisaan Yaaʼii Yihuudootaa Duratti Dhiʼaachuu Isaa

66 Yommuu lafti bariʼettis yaaʼiin maanguddoota sabaa akkasumas luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa walitti qabaman; yaaʼii isaanii durattis Iisaa dhiʼeessanii, 67 "Ati yoo Al-Masiihii taate mee nutti himi" jedhaniin.

Iisaanis akkana jedhee deebise; "Yoo ani isinitti hime isin na hin amantan; 68 yoo ani isin gaafadhes hin deebiftan. 69 Garuu siʼachi Ilmi Namaa karaa mirga humna Allaahatiin ni taaʼa."

70 Hundi isaaniis, "Yoos ati Ilma Allaahatii ree?" jedhanii gaafatan.

Innis deebisee, "Akka ana taʼe isinuu ni dubbattu!" jedhe.

71 Kana irratti isaan, "Kana caalaa dhuga baʼumsa maalii nu barbaachisa? Nu mataan keenya iyyuu afaanuma isaa irraa dhageenyeerraatii" jedhan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-