Publicidade

Lucas 24

Iisaan Duʼaa Kaʼuu Isaa

1 Guyyaa jalqaba torban sanaa ganama barii, dubartoonni sun urgooftuu qopheessan sana fudhatanii gara qabrii dhaqan. 2 Isaanis dhagaa sana balbala qabrii irraa gara galfamee argan; 3 yommuu seenanitti garuu reeffa Gooftaa Iisaa hin arganne. 4 Utuma isaan waaʼee kanaa dinqisiifachaa jiranuu, namoonni uffata caccalaqqisaa uffatan lama isaan bira dhadhaabatan. 5 Dubartoonni sunis sodaatanii mataa buusanii lafa ilaalan; namoonni sun garuu akkana isaaniin jedhan; "Isin maaliif warra duʼan keessa isa jiraataa barbaaddu? 6 Inni as hin jiru; kaʼeera! Waan inni yeroo isin wajjin Galiilaa turetti isinitti hime sana yaadadhaa. 7 ‘Ilmi Namaa dabarfamee harka cubbamootaatti ni kennama; ni fannifama; guyyaa sadaffaatti immoo ni kaafama’ jedhee tureetii." 8 Dubartoonnis dubbii isaa yaadatan.

9 Isaanis yommuu iddoo qabriitii deebiʼanitti waan kana hunda barattoota kudha tokkottii fi namoota hafan hundatti himan. 10 Warri waan kana ergamootatti himanis Mariyaam ishee Magdalaa, Yohaanaa, Mariyaam haadha Yaaʼikuubii fi dubartoota biraa warra isaan wajjin turanii dha. 11 Isaan garuu sababii dubbichi oduu sobaa itti fakkaateef dubartoota sana hin amanne. 12 Taʼus Phexros kaʼee gara qabrii sanaatti fiige. Yommuu gad jedhee ilaalettis huccuu quncee talbaa irraa hojjetame qofa arge; innis waan arge sana dinqifachaa deebiʼe.

Karaa Gara Emaaʼuus Geessu Irratti

13 Guyyuma sana isaan keessaa namoonni lama ganda Emaaʼuus jedhamu dhaqaa turan; Emaaʼuusis Yerusaalem irraa gara kiiloo meetira kudha tokkoo fagaata. 14 Isaanis waaʼee waan taʼe sana hundaa walitti dudubbachaa turan. 15 Utuma isaan walitti dudubbachaa fi wajjin haasaʼaa jiranuus Iisaan mataan isaa itti dhiʼaatee isaan wajjin deemuu jalqabe. 16 Garuu akka isaan isa hin hubanneef iji isaanii qabamee ture.

17 Innis, "Wanni isin dudubbachaa deemtan kun maali?" jedhee isaan gaafate.

Isaanis gaddanii achuma dhadhaabatan. 18 Isaan keessaa namichi Qileyoophaa jedhamu tokko immoo deebisee, "Waan gidduu kana achitti taʼe kan hin beekne ati Yerusaalemiif keessummaadhaa?" jedheen.

19 Innis, "Maal faatu taʼe?" jedhee gaafate.

Isaanis deebisanii akkana jedhan, "Waaʼee Iisaa nama Naazreeti; inni nabiiʼiyyii ture; fuula Allaahatii fi fuula nama hundaa durattis dubbii fi hojiidhaan jabaa ture. 20 Luboonni hangafoonnii fi bulchitoonni keenya akka duuti itti muramuuf dabarsanii isa kennan; isa fannisanis. 21 Nu garuu namni Israaʼelin furu isa jennee abdannee turre. Kana irratti immoo erga wanni kun hundi taʼee harʼa guyyaa sadaffaa dha. 22 Akkasumas dubartoota keenya keessaa tokko tokko nu dinqisiisaniiru; isaanis barii barraaqaan gara qabrii sanaa dhaqanii, 23 reeffa isaa achii dhaban. Dubartoonni sunis deebiʼanii akka malaʼikkoonni isaanitti mulʼatanii, Iisaan jiraataa taʼuu isaa isaanitti himan nutti odeessan. 24 Warra nu wajjin turan keessaas namoonni tokko tokko gara qabrii dhaqanii akka wanni sun akkuma dubartoonni nutti odeessan sana taʼe argan; isa garuu hin argine."

25 Innis akkana isaaniin jedhe; "Isin yaa warra hin hubannee fi warra waan nabiiʼiyyoonni dubbatan hunda amanuuttis mataa jabaattan! 26 Al-Masiihiin waan kana hundaan dhiphatee ergasii immoo ulfina isaatti galuu hin qabu turee?" 27 Innis Muusaa fi nabiiʼiyyoota hunda irraa jalqabee waan Katabbiiwwan Qulqulluu hunda keessatti waaʼee isaa dubbatame isaaniif ibse.

28 Yommuu ganda dhaqaa turan sanatti dhiʼaatanittis Iisaan waan darbee deemu of fakkeesse. 29 Isaan garuu, "Sababii galgalaaʼuu gaʼee fi dukkanaaʼaa jiruuf, nu bira buli" jedhanii jabeessanii isa kadhatan. Innis isaan bira buluuf gore.

30 Innis yommuu isaan wajjin maaddiitti dhiʼaatetti buddeena fuudhee, eebbisee, caccabsees isaaniif kenne. 31 Iji isaanii ni baname; isas ni beekan; innis ija isaanii duraa dhokate. 32 Isaanis, "Yeroo inni karaatti nu wajjin dubbachaa turee fi yeroo inni Katabbiiwwan Qulqulluu nuu ibsaa ture sana, garaan keenya nu keessatti bobaʼaa hin turree?" jedhanii wal gaafatan.

33 Yeruma sanas kaʼanii Yerusaalemitti deebiʼan; achitti immoo barattoota kudha tokkoo fi namoota isaan wajjin turan sana walitti qabamanii argan. 34 Warri walitti qabaman sunis, "Dhugumaan Gooftaan duʼaa kaʼeera; Simoonittis mulʼateera" jechaa turan. 35 Namoonni lamaan sunis waan karaa irratti taʼe hundumaa fi yeroo Iisaan buddeena caccabse sana akkamitti akka isa beekan odeessan.

Iisaan Barattootatti Mulʼachuu Isaa

36 Utuu isaan waan kana dudubbachaa jiranuu, Iisaan mataan isaa gidduu isaanii dhaabatee, "Assalaam aleeyikum" jedheen.

37 Isaan garuu waan ekeraa argan seʼanii naʼan; ni sodaatanis. 38 Innis akkana isaaniin jedhe; "Maaliif sodaattu? Mamiinis maaliif garaa keessan keessatti uumama? 39 Akka anuma mataa koo taʼe mee harka koo fi miilla koo ilaalaa! Qaqqabadhaatii na ilaalaa; ekeraan foonii fi lafee hin qabu; ani garuu akkuma isin argitan kana foonii fi lafee qaba."

40 Innis waan kana dubbatee harka isaatii fi miilla isaa isaanitti argisiise. 41 Utuma isaan sababii gammachuutii fi sababii dinqifannaatiif amma illee hin amanin, "Isin waan nyaatamu asii qabduu?" jedhee isaan gaafate. 42 Isaanis qurxummii waadame kennaniif; 43 innis fudhatee fuuluma isaanii duratti nyaate.

44 Innis, "Yeroo ani isin bira turetti, ‘Wanni seera Muusaa keessatti, kitaabota nabiiʼiyyootaatii fi Kitaaba Zabuurii keessatti waaʼee koo barreeffame hundi raawwatamuu qaba’ jedhee isinitti hime sun isa kana" jedheen.

45 Innis akka isaan Katabbiiwwan Qulqulluu hubataniif qalbii isaanii baneef. 46 Akkanas isaaniin jedhe; "Wanni barreeffame akkana jedha; ‘Al-Masiihiin ni dhiphata; guyyaa sadaffaatti immoo warra duʼan keessaa ni kaʼa; 47 maqaa isaatiinis qalbii jijjiirrachuunii fi dhiifamni cubbuu Yerusaalemii jalqabee saba hundatti ni lallabama.’ 48 Isinis dhuga baatota waan kanaa ti. 49 Kunoo ani waan Abbaan koo waadaa isinii gale sana isiniif nan erga; isin garuu hamma olii humna uffattanitti magaalaa Yerusaalem keessa turaa."

Iisaan Shamaayʼuniitti Ol Baʼe

50 Innis achii baasee hamma Biitaaniyaatti isaan geesse; harka isaa lamaanis ol kaafatee isaan eebbise. 51 Utuma isaan eebbisaa jiruus isaan dhiisee shamaayʼuniitti ol fudhatame. 52 Isaanis isaaf sagadanii gammachuu guddaadhaan Yerusaalemitti deebiʼan. 53 Yeroo hundas mana qulqullummaa keessatti Allaah galateeffachaa turan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-