1 Xibeeriyoos Qeesaar moʼee waggaa kudha shanaffaatti jechuunis yommuu Phonxoos Phiilaaxoos bulchaa Yihuudaa turetti, Heroodis bulchaa Galiilaa ture; obboleessi isaa Fiiliphoos bulchaa Ixuriyaasii fi Xiraakonitiis, Lisaaniiyaas immoo bulchaa Abileeniis turan; 2 yeroo sana Haannaasii fi Qayyaaffaan luboota ol aantota turan. Dubbiin Allaaha gammoojjii keessatti gara Yahyaa ilma Zakariyaa dhufe. 3 Innis dhiifama cubbuutiif cuuphaa qalbii jijjiirrannaa lallabaa biyya naannoo Yordaanos hunda keessa deeme. 4 Kunis isa kitaaba dubbii Isaayyaas nabiiʼiyyichaa keessatti akkana jedhamee barreeffamee dha:
"Sagalee nama gammoojjii keessaa iyyu tokkoo:
‘Karaa Gooftaa qopheessaa;
daandii isaas qajeelchaa.
5 Sululli hundi ni guutama;
tulluu fi gaarri hundinuus gad deebifamu.
Karaan jalʼaan ni qajeela;
daandiin buʼaa baʼiinis wal qixxeeffama.
6 Sanyiin namaa hundinuus fayyisuu Allaaha ni arga.’ "
7 Yahyaanis warra harka isaatti cuuphamuuf dhufaniin akkana jedhe; "Isin ijoollee buutii nana! Dheekkamsa dhufu jalaa akka baqattaniif eenyutu isinitti hime? 8 Egaa ija qalbii jijjiirrannaa mirkaneessu naqadhaa. Isin, ‘Abbaan keenya Ibraahimii dha’ ofiin jechuu hin jalqabinaa. Allaahan dhagoota kanneen irraa Ibraahimiif ijoollee kaasuu akka dandaʼu ani isinittan himaatii. 9 Qottoon amma iyyuu hidda mukkeenii irra kaaʼameera; mukti ija gaarii hin naqanne hundinuus muramee ibiddatti darbatama."
10 Namoonni sunis, "Yoos maal haa goonuu ree?" jedhanii isa gaafatan.
11 Yahyaanis deebisee, "Namni uffata lama qabu isa homaa hin qabneef haa qoodu; kan nyaata qabus akkasuma haa godhu" jedheen.
12 Qaraxxoonni cuuphamuu dhufanii, "Yaa barsiisaa, nu hoo maal haa goonu?" jedhanii isa gaafatan.
13 Innis, "Waan ajajamtan caalaa walitti hin qabinaa" jedheen.
14 Loltoonnis akkasuma, "Nu immoo maal haa goonu ree?" jedhanii isa gaafatan.
Innis, "Humnaan nama irraa maallaqa hin fudhatinaa; sobaan nama hin himatinaa; mindaan keessan isin haa gaʼu" jedheen.
15 Namoonni sun hawwiidhaan eegaa turan; hundi isaaniis, "Yahyaan kun inni Al-Masiihii taʼinnaa laata?" jedhanii garaa isaaniitti yaadaa turan. 16 Yahyaan akkana jedhee isaan hundaaf deebii kenne; "Ani bishaaniin isin cuupha. Garuu kan na caalaa jabaa taʼe tokko ni dhufa; ani hidhaa kophee isaa illee hiikuun naaf hin malu. Inni Hafuura Qulqulluu fi ibiddaan isin cuupha. 17 Innis oobdii isaa qulqulleessee gombisaa isaatti qamadii galfachuudhaaf afarsaan isaa harka isaa jira; habaqii garuu ibidda hin dhaamneen guba." 18 Yahyaanis dubbii biraa baayʼeedhaan namoota gorsee injiilas isaanitti lallabe.
19 Heroodis bulchaan garuu yommuu sababii inni niitii obboleessa isaa Heroodiyaas fuudhee fi sababii hammina inni hojjetee ture kaan hundaatiif Yahyaan isa ifate, 20 hammina isaa hunda irratti dabalee Yahyaa mana hidhaatti galchee itti cufe.
21 Yeroo namoonni hundinuu cuuphamaa turanitti, Iisaanis ni cuuphame. Utuu inni duʼaa gochaa jiruu shamaayʼuniin banamee, 22 Hafuurri Qulqulluun bifa gugeetiin mulʼatee isa irratti gad buʼe. Sagaleen, "Ati Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; ani sitti nan gammada" jedhu tokkos shamaayʼun irraa ni dhufe.
23 Iisaan yeroo tajaajila isaa jalqabetti umuriin isaa gara waggaa soddomaa ture. Innis akka waan ilma Yuusuf tureetti yaadamaa ture:
ilma Eelii, 24 ilma Maataat,
ilma Lewwii, ilma Melkii,
ilma Yaanaa, ilma Yuusuf,
25 ilma Maataatiyaas, ilma Amoos,
ilma Naahoom, ilma Asiiliim,
ilma Naagee, 26 ilma Maaʼat,
ilma Maataatiyaas, ilma Semeeʼi,
ilma Yuusuf, ilma Yoodaa,
27 ilma Yoonaan, ilma Resaa,
ilma Zarubaabel, ilma Sheʼaltiiʼeel,
ilma Neeri, 28 ilma Melkii,
ilma Hadii, ilma Qoosaam,
ilma Elmaadaam, ilma Eer,
29 ilma Yushuʼaa, ilma Eliiʼezer,
ilma Yoorim, ilma Maataat,
ilma Lewwii, 30 ilma Simiʼoon,
ilma Yihuudaa, ilma Yuusuf,
ilma Yoonaan, ilma Eliyaaqeem,
31 ilma Meeleyaa, ilma Mennaa,
ilma Maataataa, ilma Naataan,
ilma Daawud, 32 ilma Isseey,
ilma Yoobeed, ilma Boʼeez,
ilma Salmoon, ilma Nahishoon,
33 ilma Amiinaadaab, ilma Aaraam,
ilma Hezroon, ilma Faares,
ilma Yihuudaa, 34 ilma Yaaʼikuub,
ilma Yisihaaq, ilma Ibraahim,
ilma Taaraa, ilma Naahoor,
35 ilma Seruug, ilma Reʼuu,
ilma Feleg, ilma Eeber,
ilma Saalaa, 36 ilma Qaayinaam
ilma Arfaaksaad, ilma Seem,
ilma Nuuhi, ilma Laamehi,
37 ilma Matuuselaa, ilma Henook,
ilma Yaared, ilma Mahalaleel,
ilma Keenaan, 38 ilma Enoos,
ilma Seeti, ilma Aadam,
ilma Allaaha.