1 Iisaan Hafuura Qulqulluudhaan guutamee Yordaanosii kaʼee Hafuuruma sanaan gammoojjiitti geeffame; 2 achittis guyyaa afurtama ibliisiin qorame. Innis guyyoota sana keessa homaa hin nyaanne; dhuma irrattis ni beelaʼe.
3 Ibliisis, "Ati yoo Ilma Allaaha taate, akka dhagaan kun buddeena taʼu ajaji" jedheen.
4 Iisaan immoo deebisee, " ‘Namni buddeena qofaan hin jiraatu’ jedhamee barreeffameera" jedheen.
5 Ibliisis gaara dheeraa tokkotti ol isa baasee hamma liphsuu ijaatti mootummoota addunyaa hunda isatti argisiise. 6 Akkanas jedheen; "Ani taayitaa isaaniitii fi ulfina isaanii hundumaa siifin kenna; taayitaa fi ulfinni kun waan naa kennameef ani abbaa kennuufii barbaadeef kennuu nan dandaʼa. 7 Yoo ati naa sagadde, wanni kun hundinuu kan kee taʼa."
8 Iisaan immoo, " ‘Allaah kee Gooftichaaf sagadi, isuma qofa tajaajili’ jedhamee barreeffameera" jedhee deebiseef.
9 Ibliisis Yerusaalemitti isa geessee, fiixee mana qulqullummaa irra dhaabachiise. Akkanas jedheen; "Ati yoo Ilma Allaaha taate, asii gad of darbadhu. 10 Akkana jedhamee barreeffameeraatii:
" ‘Inni akka isaan sirriitti si eeganiif,
malaʼikkoota isaa siif ni ajaja;
11 isaanis akka ati miilla keetiin dhagaatti hin buuneef,
harka isaaniitiin ol si fuudhu.’"
12 Iisaan immoo deebisee, " ‘Allaah kee Goofticha hin qorin’ jedhameera" jedheen.
13 Ibliis immoo erga qorumsa kana hunda raawwatee booddee hamma yeroo mijaaʼaa argatutti isa dhiisee deeme.
14 Iisaan humna Hafuuraatiin Galiilaatti deebiʼe; oduun waaʼee isaas baadiyyaa guutuu keessa faffacaʼe. 15 Inni manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa ture; namni hundinuus isa jaje.
16 Innis Naazreeti iddoo itti guddate dhaqe; guyyaa Sanbataas akkuma amala isaa mana sagadaa seene. Kitaaba dubbisuufis kaʼee dhaabate; 17 kitaabni nabiiʼiyyicha Isaayyaas isatti kenname. Innis kitaabicha banee kutaa akkana jedhamee barreeffame argate:
18 "Hafuurri Gooftaa narra jira;
akka ani hiyyeeyyiitti oduu gaarii lallabuuf, inni na dibeeraatii.
Inni akka ani akka warri hidhaman hiikaman,
akka warri jaaman argan,
akka warri cunqurfamanis bilisa baʼan lallabuuf na ergeera;
19 inni akka ani bara tola Gooftaa labsuufis na ergeera."
20 Innis kitaabicha cufee tajaajiltichatti deebisee kennee taaʼe; warri mana sagadaa sana keessa turan hundinuus xiyyeeffatanii isa ilaalaa turan. 21 Innis, "Barreeffamni kun harʼa gurra keessanitti raawwatame" isaaniin jechuu jalqabe.
22 Hundi isaanii waaʼee isaa waan gaarii dubbachaa turan; dubbii ayyaan qabeessa afaan isaatii baʼus ni dinqisiifatan. Isaanis, "Kun ilma Yuusuf mitii?" jedhanii gaafatan.
23 Iisaanis, "Akka isin, ‘Yaa abbaa qorichaa, of fayyisi! Waan Qifirnaahomitti hojjechuu kee dhageenye sana as biyya keettis hojjedhu’ jettanii natti mammaaktan ani shakkii hin qabu" isaaniin jedhe.
24 Innis itti fufee akkana jedhe; "Ani dhuguma isinitti nan hima; nabiiʼiyyiin tokko iyyuu iddoo itti dhalatetti fudhatama hin qabu. 25 Ani dhuguman isiniin jedha; bara Iliyaas yeroo shamaayʼuniin waggaa sadii fi walakkaa cufamee beelli hamaan buʼeetti haadhota hiyyeessaa baayʼeetu Israaʼel keessa ture. 26 Taʼus Iliyaas gara haadha hiyyeessaa magaalaa Saraaphtaa biyya Siidoon keessa jiraattu tokkootti ergame malee haadhota hiyyeessaa sana keessaa gara tokkoo isaaniitti illee hin ergamne. 27 Bara Al-yaasaʼaa nabiiʼiyyichaas namoota lamxaaʼan hedduutu Israaʼel keessa ture; garuu Naʼamaan, namicha Sooriyaa tokkicha sana malee warra kaan keessaa namni tokko iyyuu hin qulqulloofne ture."
28 Namoonni manicha sagadaa keessa turan hundinuu yommuu waan kana dhagaʼanitti akka malee aaran. 29 Isaanis kaʼanii magaalaa sana keessaa gad isa baasan; gad isa darbachuuf jedhaniis ededa tulluu magaalaan isaanii irratti ijaaramteetti ol isa baasan. 30 Inni garuu gidduudhuma isaanii baʼee deeme.
31 Innis gara Qifirnaahom, magaalaa Galiilaa keessaatti gad buʼe; guyyaa Sanbataas namoota barsiise. 32 Isaanis waan dubbiin isaa taayitaa qabuuf barsiisa isaa ni dinqisiifatan.
33 Namichi hafuura hamaa xuraaʼaadhaan qabame tokko mana sagadaa keessa ture. Innis sagalee guddaadhaan iyyee akkana jedhe; 34 "Uffi! Yaa Iisaa nama Naazreeti, ati maal nurraa qabda? Nu balleessuu dhufte moo? Ati eenyu akka taate ani nan beeka, yaa Qulqullicha Allaaha!"
35 Iisaan immoo, "Calʼisii isa keessaa baʼi!" jedhee ifate. Hafuurri hamaan sunis isaan hunda duratti namicha kuffisee utuu hin miidhin isa keessaa baʼe.
36 Namoonni hundinuu dinqifatanii, "Maal barsiisni akkanaa! Inni taayitaadhaan, humnaanis hafuurota xuraaʼoo ni ajaja; isaanis ni baʼu" waliin jedhan. 37 Oduun waaʼee isaas biyya naannoo sanaa guutuu keessa faffacaʼe.
38 Iisaan mana sagadaatii baʼee mana Simoon dhaqe. Haati niitii Simoonis dhukkuba dhagna gubaa hamaadhaan qabamtee dhiphachaa turte; isaanis akka Iisaan ishee gargaaru isa kadhatan. 39 Innis isheetti gad jedhee, dhagna gubaa sana ifate; dhagna gubaan sunis ishee dhiise. Isheenis yeruma sana kaatee isaan tajaajiluu jalqabde.
40 Namoonnis yeroo aduun lixxetti namoota dhukkuba gosa garaa garaa qaban hunda gara Iisaa fidan; innis tokkoo tokkoo isaanii irra harka isaa kaaʼee isaan fayyise. 41 Akkasumas hafuuronni hamoon iyyanii, "Ati Ilma Allaaha ti!" jedhanii namoota baayʼee keessaa baʼan. Inni garuu sababii isaan akka inni Al-Masiihii taʼe beekaniif isaan ifate; akka isaan dubbatanis hin eeyyamneef.
42 Yommuu bariʼettis Iisaan achii baʼee, iddoo namni hin jirre tokko dhaqe. Namoonnis isa barbaadaa turan; yommuu gara isaa dhufanittis akka inni isaan dhiisee hin deemneef isa dhowwuu yaalan. 43 Inni garuu, "Ani magaalaawwan kaanittis injiila mootummaa Allaaha lallabuun qaba; sababiin ani ergameefis kanuma" jedhe. 44 Innis ittuma fufee manneen sagadaa Yihuudaa keessatti lallabaa ture.