Publicidade

Lucas 11

Iisaan Waaʼee Duʼaa Barsiisuu Isaa

1 Gaaf tokko Iisaan iddoo tokkotti duʼaa gochaa ture; yommuu inni fixatettis, barattoota isaa keessaa namni tokko, "Yaa Barsiisaa, akkuma Yahyaan barattoota isaa barsiise sana, atis duʼaa gochuu nu barsiisi" jedheen.

2 Innis akkana isaaniin jedhe; "Isin yommuu duʼaa gootan akkana jedhaa:

" ‘Yaa Abbaa,

maqaan kee haa qulqullaaʼu;

mootummaan kee haa dhufu.

3 Buddeena keenya kan guyyuma guyyaa, guyyuma guyyaan nuu kenni.

4 Akkuma nus warra cubbuu nutti hojjetaniif dhiifnu sana

atis cubbuu keenya nuu dhiisi;

qoramatti nu hin galchin.’ "

5 Innis akkana isaaniin jedhe; "Mee isin keessaa namni tokko michuu qaba haa jennuu; innis halkan walakkaa michuu isaa sana bira dhaqee, ‘Yaa michuu ko, mee buddeena sadii naa liqeessi; 6 michuun koo kan karaa deemu tokko natti goreeraatii; anis waanan dhiʼeessuuf tokko illee hin qabu’ haa jedhu. 7 Namichi mana keessaa sunis, ‘Na hin rakkisin; balballi cufameera; ijoolleen koos na wajjin siree irra jiru; ani kaʼee waan tokko illee siif kennuu hin dandaʼu’ jedhaanii? 8 Ani isinittin hima; sababii inni michuu isaa taʼeef jedhee kaʼee buddeena sana isaaf kennuu baatu illee, sababii ija jabina namicha sanaatiif jedhee kaʼee waan isa barbaachisu hunda ni kennaaf.

9 "Kanaafuu ani isinittin hima: Kadhadhaa, isiniif ni kennamaa; barbaadaa, ni argattuu; rurrukutaa, balballi isiniif ni banamaa. 10 Namni kadhatu hundi ni argataatii; namni barbaadu ni argata; nama rurrukutuufis balballi ni banama.

11 "Yaa abbootii, isin keessaa namni yoo ilmi isaa qurxummii isa kadhate, qooda qurxummii bofa kennuuf eenyu? 12 Yookaan namni yoo ilmi isaa hanqaaquu isa kadhate torbaanqabaa kennuuf eenyu? 13 Erga isin warri hamoon iyyuu kennaa gaarii ijoollee keessaniif kennuu beektanii, Abbaan keessan inni shamaayʼun irraa immoo hammam caalchisee warra isa kadhataniif Hafuura Qulqulluu haa kennuu ree!"

Iisaa fi Biʼeelzebuul

14 Iisaanis hafuura hamaa arrab-didaa taʼe tokko baasaa ture. Yommuu hafuurri hamaan sun baʼetti arrab-didaan sun ni dubbate; namoonnis ni dinqifatan. 15 Isaan keessaa namoonni tokko tokko garuu, "Inni Biʼeelzebuuliin, hangafa hafuurota hamootiin hafuurota hamoo baasaa jira" jedhan. 16 Warri kaan immoo mallattoo shamaayʼun irraa isa gaafachuudhaan isa qoran.

17 Iisaanis yaada isaanii beekee akkana jedheen; "Mootummaan gargar of qoodu kam iyyuu ni diigama; manni gargar of qoodus ni jiga. 18 Sheeyxaanni yoo gargar of qoode, mootummaan isaa akkamitti dhaabachuu dandaʼa? Wanni ani akkana jedhuuf sababii isin akka waan ani Biʼeelzebuuliin hafuurota hamoo baasuu dubbattaniif. 19 Egaa yoo ani Biʼeelzebuuliin hafuurota hamoo baasee, ilmaan keessan immoo maaliin baasu ree? Kanaafuu isaan abbootii murtii isinitti taʼu. 20 Garuu ani quba Allaahatiin hafuurota hamoo baasa taanaan, yoos mootummaan Allaaha isinitti dhufeera.

21 "Yommuu namni jabaan guutummaatti miʼa lolaa hidhate tokko mana isaa eeggatutti, qabeenyi isaa nagaadhaan taaʼaaf. 22 Garuu namni jabinaan isa caalu tokko yoo lolee isa moʼate, miʼa lolaa kan namichi sun amanate sana isa irraa fudhatee boojuu isaas qoqqooda.

23 "Namni na wajjin hin jirre kam iyyuu naan morma; namni na wajjin walitti hin qabne kam iyyuus ni bittinneessa.

24 "Hafuurri xuraaʼaan yommuu nama keessaa baʼutti, boqonnaa barbaacha lafa gogaa ilaalaa). keessa joora; garuu hin argatu. Innis, ‘Mana koo isa ani keessaa baʼe sanatti nan deebiʼa’ jedha. 25 Yommuu achi gaʼuttis manicha haramee qulqulleeffamee argata. 26 Ergasiis dhaqee hafuurota biraa torba kanneen isa caalaa hamoo taʼan fudhatee dhufa; isaanis itti galanii achi jiraatu. Haalli namicha sanaa kan dhumaa isa jalqabaa caalaa hammaata."

27 Utuu Iisaan waan kana dubbachaa jiruu, dubartiin tokko namoota gidduudhaa sagalee ishee ol fudhattee, "Garaan si baate, harmi ati hootes eebbifamaa dha" jette.

28 Inni garuu deebisee, "Kana caalaa iyyuu, warri dubbii Allaaha dhagaʼanii ajajamaniif eebbifamoo dha" jedhe.

Mallattoo Yuunuus

29 Akkuma baayʼinni namootaa dabalameen Iisaan akkana jedhe; "Dhaloonni kun dhaloota hamaa dha. Inni mallattoo barbaada; garuu mallattoo Yuunuus malee mallattoon tokko iyyuu isaaf hin kennamu. 30 Akkuma Yuunuus mallattoo saba Nanawwee ture sana, Ilmi Namaas mallattoo dhaloota kanaa ni taʼaatii. 31 Mootittiin kibbaa guyyaa murtiitti namoota dhaloota kanaa wajjin kaatee isaanitti murti; isheen ogummaa Suleyimaan dhagaʼuuf jettee daarii lafaatii dhufteetii. Kunoo kan Suleyimaanin caalu as jira. 32 Namoonni Nanawwee guyyaa murtiitti dhaloota kana wajjin kaʼanii itti muru; isaan lallaba Yuunuusiin qalbii jijjiirrataniitii; kunoo kan Yuunuusin caalu as jira.

Ibsaa Dhagnaa

33 "Namni kam iyyuu ibsaa qabsiisee iddoo hin mulʼanne yookaan gombisaa jala hin kaaʼu. Qooda kanaa akka warri ol seenan ifa isaa arganiif baattuu isaa irra kaaʼu. 34 Iji kee ibsaa dhagna keetii ti. Iji kee fayyaa taanaan, dhagni kee guutuun ifaan guutama. Yoo iji kee fayyaa hin taʼin garuu dhagni kees dukkanaan guutama. 35 Kanaafuu akka ifni si keessaa dukkana hin taaneef of eeggadhu. 36 Egaa yoo dhagni kee hundinuu ifaan guutame, yoo kutaan tokko iyyuu dukkana hin qabaatin, akkuma waan ifni ibsaa tokkoo ifa isaatiin siif ibsuutti dhagni kee guutummaatti ifa ni qabaata."

Fariisonnii fi Barsiistonni Seeraa Ifataman

37 Akkuma Iisaan haasaa isaa fixateen Fariisota keessaa namichi tokko akka Iisaan isa wajjin nyaata nyaatuuf mana isaatti isa waame; Iisaanis ol seenee maaddiitti dhiʼaate. 38 Fariisichi garuu akka Iisaan nyaataan dura hin dhiqatin argee dinqisiifate.

39 Gooftaanis akkana isaan jedhe; "Isin Fariisonni duuba xoofootii fi caabii ni qulqulleessitu; keessi keessan garuu saamichaa fi hamminaan guutameera. 40 Yaa namoota gowwoota! Inni duuba isaa uume sun keessa isaa immoo hin uumnee? 41 Isin garuu waan xoofoo fi caabii keessa jiru hiyyeeyyiif kennaa; yoos wanni hundinuu isinii qulqullaaʼaa.

42 "Fariisota nana isiniif wayyoo! Isin insilaala, cilaaddaamaa fi biqiltuu gosa hundaa kudhan keessaa tokko Allaahaf ni kennitu; murtii qajeelaa fi jaalala Allaaha garuu ni tuffattu. Silaa utuu isa duraa hin dhiisin isa booddee hojii irra oolchuu qabdu ture.

43 "Yaa Fariisota, isiniif wayyoo! Isin manneen sagadaa keessatti taaʼumsa ulfinaa, gabaa keessattis nagaa gaafatamuu jaallattu.

44 "Isin sababii qabrii mallattoo hin qabne kan namoonni utuu hin beekin irra deeman fakkaattaniif isinii wayyoo!"

45 Hayyoota seeraa keessaas tokko deebisee, "Yaa Barsiisaa, ati yommuu waan kana jettutti nuus arrabsaa jirta!" jedheen.

46 Iisaan immoo akkana jedhee deebise; "Hayyoota seeraa, isiniifis wayyoo! Isin baʼaa namni baachuu hin dandeenye isaanitti feetu; ofii keessanii garuu isaan gargaaruudhaaf qubaan illee hin tuqxan.

47 "Isiniif wayyoo! Isin nabiiʼiyyootaaf qabrii ijaartuutii; kan isaan ajjeeses abbootuma keessan. 48 Kanaafuu isin akka waanuma abbootiin keessan hojjetan sana deeggartan dhugaa baatu; isaan nabiiʼiyyoota ajjeesan; isin immoo qabrii nabiiʼiyyootaa ijaartu. 49 Sababii kanaaf Allaahan ogummaa isaatiin, ‘Ani nabiiʼiyyootaa fi ergamoota isaanittin erga; namoonni sunis isaan keessaa tokko tokko ni ajjeesu; kaan immoo ni ariʼatu’ jedhe. 50 Kanaaf dhaloonni kun dhiiga nabiiʼiyyoota hundaa kan uumama addunyaatii jalqabee dhangalaʼetti ni gaafatama; 51 dhiiga Haabiil irraa jalqabee hamma dhiiga Zakariyaa isa iddoo aarsaatii fi mana qulqullummaa gidduutti ajjeefame sanaatti ni gaafatama. Eeyyee ani isinittin hima; dhaloonni kun waan kana hundumatti ni gaafatama.

52 "Yaa hayyoota seeraa, isiniif wayyoo! Isin furtuu beekumsaa fudhattaniirtu. Ofii keessanii hin seenne; warra seenaa turanis dhowwitaniirtu."

53 Yommuu Iisaan achii deemetti, Fariisonnii fi barsiistonni seeraa jabeessanii isaan mormuu, akka inni waan baayʼee dubbatuufis isa tuttuquu jalqaban. 54 Waan afaan isaatii baʼuun isa qabuufis eeggachaa turan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-