1 Iisaan warra Kudha Lamaan walitti waamee, akka isaan hafuurota hamoo hunda baasanii fi akka dhibeewwan fayyisaniif humnaa fi taayitaa kenneef; 2 inni akka isaan mootummaa Allaaha labsanii fi akka dhukkubsattoota fayyisaniif isaan erge. 3 Akkanas isaaniin jedhe; "Adeemsa keessaniif waan tokko illee jechuunis ulee yookaan korojoo yookaan buddeena yookaan maallaqa akkanumas kittaa lama hin qabatinaa. 4 Mana seentan kam iyyuu keessa hamma magaalaa sanaa baatanitti achuma turaa. 5 Yoo namoonni isin simachuu baatan, magaalaa isaaniitii baʼaatii akka ragaa isaanitti taʼuuf awwaara miilla keessanii dhadhaʼadhaa." 6 Isaanis achii baʼanii iddoo hundatti injiila lallabaa, namootas fayyisaa ganda tokko irraa gara ganda kaanii deemaa turan.
7 Heroodis bulchaan waaʼee waan taʼaa ture hundaa dhagaʼe. Innis waan namoonni tokko tokko Yahyaan warra duʼan keessaa kaafameera jechaa turaniif, 8 warri kaanis Iliyaas mulʼateera jechaa waan turaniif, warri kaan immoo nabiiʼiyyoota durii keessaa inni tokko duʼaa kaʼeera jechaa waan turaniif akka malee burjaajaʼe. 9 Heroodis garuu, "Ani Yahyaa mataa isaa kuteen ture. Yoos namichi ani waaʼee isaa waan akkanaa dhagaʼu kun eenyu ree?" jedhe. Iisaa arguufis ni hawwa ture.
10 Ergamoonnis yommuu deebiʼanitti waan hojjetanii turan Iisaatti himan. Innis ofitti isaan fudhate; isaanis ofumaan gara magaalaa Beetisayidaa jedhamtuu dhaqan; 11 namoonni baayʼeen garuu waan kana beekanii isa duukaa buʼan. Innis isaan simatee waaʼee mootummaa Allaaha isaanitti hime; warra fayyuun isaan barbaachises ni fayyise.
12 Gara galgalaatti warri Kudha Lamaan gara isaa dhufanii, "Waan nu as gammoojjii keessa jirruuf, akka namoonni kunneen gara gandootaatii fi baadiyyaa naannoo kana jiranii dhaqanii waan nyaatanii fi iddoo bultii barbaadataniif isaan gad dhiisi" jedhaniin.
13 Inni immoo, "Isinuu waan isaan nyaatan kennaafii" jedhee deebise.
Isaanis, "Nama kana hundaaf nyaata yoo dhaqnee binne malee nu buddeena shanii fi qurxummii lama qofa qabna" jedhanii deebisan. 14 Dhiira gara kuma shantu achi ture.
Inni garuu barattoota isaatiin, "Garee tokkoon tokkoon isaa gara nama shantama shantamaa qabuun isaan teessisaa" jedhe. 15 Barattoonnis akkasuma godhan; namni hundis ni taaʼe. 16 Innis buddeena shananii fi qurxummii lamaan fuudhee, gara shamaayʼun ol ilaalee galata galchee caccabse. Ergasii akka isaan namootaaf dhiʼeessaniif barattootatti kenne. 17 Isaan hundi nyaatanii quufan; barattoonnis hurraaʼaa hambifame gundoo kudha lama guutuu walitti qaban.
18 Gaaf tokko Iisaan kophaa isaa duʼaa irra ture; barattoonni isaas isa wajjin turan. Innis, "Namoonni anaan eenyu jedhu?" jedhee isaan gaafate.
19 Isaanis, "Namoonni tokko tokko inni Yahyaa dha jedhu; warri kaan inni Iliyaas jedhu; kaan immoo nabiiʼiyyoota durii keessaa isa tokkotu duʼaa kaʼe jedhu" jedhanii deebisan.
20 Innis, "Isin hoo? Eenyu anaan jettu?" jedhee gaafate.
Phexrosis, "Ati Al-Masiihii Allaaha ti" jedhee deebise.
21 Iisaanis akka isaan waan kana nama tokkotti illee hin himneef jabeessee isaan akeekkachiise. 22 Innis, "Ilmi Namaa waan hedduun dhiphachuu, maanguddootaan, luboota hangafootaa fi barsiistota seeraatiin tuffatamuu, ajjeefamuu fi guyyaa sadaffaatti immoo duʼaa kaʼuu qaba" jedhe.
23 Ergasii inni hunduma isaaniitiin akkana jedhe; "Namni kam iyyuu yoo na faana dhufuu barbaade, inni of haa ganu; fannoo isaa guyyuma guyyaan baadhatees na duukaa haa buʼu. 24 Namni lubbuu isaa oolfachuu barbaadu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhabaatii; garuu namni naaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni oolfata. 25 Namni yoo addunyaa guutuu argatee ofii isaa immoo dhabe yookaan yoo gatame inni buʼaa maalii argata? 26 Nama anattii fi dubbii kootti qaanaʼu kam iyyuu Ilmi Namaa yommuu ulfina isaatiin, ulfina Abbaatii fi ulfina malaʼikkoota qulqulluutiin dhufutti isatti ni qaanaʼa.
27 "Ani dhuguman isinitti hima; warra as dhadhaabachaa jiran keessaa namoonni tokko tokko utuu mootummaa Allaaha hin argin duʼa hin dhandhaman."
28 Iisaan erga waan kana dubbatee gara guyyaa saddeetii booddee Phexros, Yohannisii fi Yaaʼikuubin fudhatee duʼaadhaaf tulluu tokkotti ol baʼe. 29 Utuu inni duʼaa gochaa jiruus bifti fuula isaa geeddarame; uffanni isaas adii calaqqisu taʼe. 30 Kunoo namoonni lama jechuunis Muusaa fi Iliyaas, ulfina guddaadhaan mulʼatanii Iisaa wajjin haasaʼaa turan. 31 Isaanis ulfinaan mulʼatanii waaʼee addunyaa kana irraa deemuu isaa kan inni Yerusaalemitti raawwachuuf jiru sanaa dudubbachaa turan. 32 Phexrosii fi warri isa wajjin turan garuu akka malee mugan; yeroo dammaqanitti immoo ulfina Iisaatii fi namoota Iisaa wajjin dhadhaabachaa turan lamaan argan. 33 Phexrosis akkuma namoonni sun Iisaa biraa deemuu jalqabaniin, "Yaa Gooftaa, as jiraachuun nuuf gaarii dha. Daasii sadii jechuunis tokko siif, tokko Muusaaf, tokko immoo Iliyaasiif ni ijaarra" jedhe. Inni waan dubbatu hin beeku ture.
34 Utuma inni dubbachaa jiruu duumessi tokko dhufee isaan haguuge; isaanis yommuu duumessa sana keessa seenanitti ni sodaatan. 35 Sagaleen, "Kun Ilma koo isa ani filadhee dha; isinis isa dhagaʼaa" jedhu tokko duumessicha keessaa dhufe. 36 Yommuu sagaleen sun dubbatetti, Iisaan kophaa isaa argame. Barattoonnis ni calʼisan malee waan argan keessaa tokko illee yeroo sanatti nama tokkottuu hin himne.
37 Guyyaa itti aanu, yommuu isaan tulluu irraa gad buʼanitti namoonni baayʼeen isatti dhufan. 38 Namoota sana keessaas namichi tokko iyyee akkana jedhe; "Yaa Barsiisaa akka ati ilma koo naa ilaaltu sin kadhadha; inni anaaf mucaa tokkichaatii. 39 Hafuurri wayii itti kaʼa; gurbichis akkuma tasaa iyya; hafuurri sun lafaan dhaʼee isa dhidhiitachiisa. Gurbichis hoomacha afaaniin baasa; hafuurichi dafee irraa hin galu; yeroo hundas isa miidha. 40 Ani akka hafuura sana baasaniif barattoota kee nan kadhadhe; isaan garuu hin dandeenye."
41 Iisaanis deebisee, "Isin dhaloota hin amannee fi jalʼaa nana; ani hamma yoomiitti isin wajjin jiraadha? Hamma yoomiittis isinii obsa?" jedhe. Namichaanis, "Mee ilma kee as fidi" jedhe.
42 Utuma gurbaan sun gara Iisaa dhufaa jiruus, hafuurri hamaan sun lafaan dhaʼee isa dhidhiitachiise. Iisaan garuu hafuura xuraaʼaa sana ifate; gurbichas fayyisee abbaa isaatiif kenne. 43 Hundumti isaaniis humna Allaaha isa jabaa sana ni dinqifatan.
Utuu hundi isaanii waan Iisaan hojjete sana dinqisiifachaa jiranuu inni barattoota isaatiin akkana jedhe; 44 "Waan ani isinitti himuuf jiru of eeggannaadhaan dhaggeeffadhaa: Ilmi Namaa dabarfamee harka namootaatti ni kennama." 45 Isaan garuu dubbii kana hin hubanne. Akka isaaniif hin galleefis isaan jalaa dhokfamee ture; isaan waaʼee waan kanaa isa gaafachuus ni sodaatan.
46 Isaan keessaa namni nama hundumaa caalu eenyu akka taʼe barattoota gidduutti wal falmiin kaʼe. 47 Iisaanis waan isaan garaatti yaadan beekee mucaa xinnaa tokko fidee of bira dhaabe; 48 akkanas isaaniin jedhe; "Namni mucaa xinnaa kana maqaa kootiin simatu kam iyyuu na simata; namni na simatus isa na erge sana simata; namni isin hundaa gad taʼe inni hunda caalaatii."
49 Yohannisis, "Yaa Barsiisaa, nu utuu namni tokko maqaa keetiin hafuurota hamoo baasuu arginee waan inni nu duukaa hin buuneef isa dhowwine" jedhe.
50 Iisaan garuu, "Isa hin dhowwinaa; namni isiniin hin mormine kam iyyuu gara keessan jiraatii" jedhe.
51 Iisaanis yommuu yeroon inni itti gara shamaayʼuniitti ol fudhatamu gaʼetti Yerusaalem dhaquuf hidhatee kaʼe. 52 Innis ergamoota of dura erge; isaanis waan isa barbaachisu qopheessuudhaaf ganda Samaariyaa tokko seenan. 53 Namoonni naannoo sanaa garuu sababii inni fuula isaa Yerusaalemitti deebifatee deemaa tureef isa hin simanne. 54 Barattoonni isaa jechuunis Yaaʼikuubii fi Yohannis yommuu waan kana arganitti, "Yaa Gooftaa, akka inni isaan balleessuuf, akka nu shamaayʼun irraa ibidda gad waamnu barbaaddaa?" jedhan. 55 Iisaan garuu garagalee isaan ifate. 56 Isaanis darbanii ganda biraa dhaqan.
57 Utuu isaan karaa deemaa jiranuus namichi tokko Iisaadhaan, "Ani iddoo ati dhaqxu hundatti si duukaa nan buʼa" jedhe.
58 Iisaanis deebisee, "Waangoonni boolla qabu; simbirroonnis manʼee qabu; Ilmi Namaa garuu iddoo itti mataa isaa irkifatu illee hin qabu" jedhe.
59 Nama biraatiinis, "Na duukaa buʼi!" jedhe.
Namichi garuu, "Yaa Gooftaa, dura akka ani dhaqee abbaa koo qabbaradhu naa eeyyami" jedhee deebise.
60 Iisaanis, "Warri duʼan duʼaa isaanii haa qabbaratan; ati garuu dhaqiitii mootummaa Allaaha lallabi" jedheen.
61 Ammas namni biraa, "Yaa Gooftaa, anis si duukaa nan buʼa; garuu dura akka ani dhaqee maatii kootti nagaa dhaamadhu naa eeyyami" jedhe.
62 Iisaanis deebisee, "Namni harkaan hordaa qabatee of duuba ilaalu kam iyyuu mootummaa Allaahatiif hin malu" jedhe.