Publicidade

Cânticos 7

1 Yaa intala ilma mootii,

miilli kee kophee keessatti akkam bareeda!

Gudeedni kee miidhagaan sun dooqa gatii guddaa

kan ogeessi hojii harkaa tolche fakkaata.

2 Handhuurri kee xoofoo geengoo

kan takkumaa daadhiin wayinii wal makaan keessaa hin dhabamin fakkaata.

Mudhiin kee immoo tuullaa qamadii

kan daraaraadhaan marfame fakkaata.

3 Guntunni kee lamaan akkuma ilmoolee kuruphee

kanneen lakkuu dhalatanii ti.

4 Mormi kee gamoo ilka arbaa fakkaata.

Iji kee haroo Heshboon

kan karra Baatrabii biraa fakkaata.

Funyaan kee gamoo Libaanoon

kan gara Damaasqoo gad ilaalu fakkaata.

5 Mataan kee akkuma Tulluu Qarmeloos gonfoo siif taʼa.

Rifeensi mataa keetii afaa mana mootii fakkaata;

mootiin dheerina isaatiin qabamee boojiʼama.

6 Yaa jaalallee ati gammachuu kee wajjin

akkam bareedda; akkamis namatti tolta!

7 Dhaabni kee dhaaba meexxii fakkaata;

guntunni kees hurbuu ijaa fakkaata.

8 Anis, "Muka meexxii kana nan yaabbadha;

ija isaa nan qabadha" nan jedhe.

Guntunni kee akkuma hurbuu wayinii,

urgaan hafuura keetii akkuma urgaa hudhaa ti;

9 afaan kees akkuma daadhii wayinii kan akka malee gaarii taʼee ti.

Ishee

Daadhiin wayinii suutumaan hidhii fi

ilkaan irra gad yaaʼee gara michuu koo haa dhaqu.

10 Ani kan michuu koo ti;

hawwiin isaas anumaaf.

11 Yaa michuu ko, kottu mee gara baadiyyaa haa deemnu;

gandoota achii keessa haa bullu.

12 Akka mukni wayinii hudhaa baafate,

akka daraaraan ija banatee fi

akka roomaaniin daraare ilaaluuf ganama bariin kaanee

gara iddoo dhaabaa wayinii haa deemnu;

anis achitti jaalala koo siif nan kenna.

13 Hudhaan urgaa isaa gad dhiisa;

yaa michuu ko, wanni ani siif kuuse,

haaraa fi moofaanis wanni filatamaan hundi

balbala keenya dura jira.

Veja também

Publicidade
Cânticos
Ver todos os capítulos de Cânticos
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-