Publicidade

Cânticos 2

Ishee

1 Ani daraaraa Shaaroon;

daraaraa sulula keessaa ti.

Isa

2 Jaalalleen koo dubarran kaan gidduu ti

akkuma daraaraa qoraattii keessaa ti.

Isa

3 Michuun koo dargaggoota gidduutti

akkuma muka hudhaa kan mukkeen bosonaa keessa jiruu ti.

Ani gaaddisa isaa jala taaʼuu nan jaalladha;

iji isaas natti miʼaawa.

4 Inni galma cidhaatti na geesse;

akeekni inni naaf qabu jaalala.

5 Sababii ani jaalalaan gaggabeef

isin bixxillee wayiniitiin na jajjabeessaa;

muka hudhaatiinis na haaromsaa.

6 Harki isaa bitaa mataa koo jala jira;

harki isaa mirgaa immoo na hammata.

7 Yaa intallan Yerusaalem,

ani kuruphee fi borofaan isin kakachiisa;

hamma isheen ofumaan feetee kaatutti

jaalala hin tuttuqinaa yookaan hin dadammaqsinaa.

8 Sagaleen michuu kootii, tulluuwwan irra utaalee

gaarran irras qaariʼee dhufaa jira.

9 Michuun koo akkuma kuruphee yookaan korma gadamsaa ti.

Kunoo inni dallaa keenya duuba dhaabatee

foddaa keessaan ilaalaa

qaawwa keessaanis mimilʼachaa jira.

10 Michuun koo dubbatee akkana naan jedhe;

"Yaa miidhagduu koo kaʼi!

Bareedduu koo kottuu na wajjin deemi.

11 Kunoo! Ganni darbeera;

bokkaanis caamee sokkeera.

12 Daraaraan lafa irratti mulʼateera;

waqtiin sirbaa gaʼeera;

wacni gugees

biyya keenya keessatti dhagaʼamaa jira.

13 Mukni harbuu ija jalqabaa baasuu jalqabeera;

wayiniin daraares urgaa kenneera.

Yaa miidhagduu ko, kaʼii kottu;

yaa bareedduu koo na wajjin deemi."

Isa

14 Gugee koo kan holqa dhagaa keessaa,

kan iddoo dhoksaa tulluu cinaa keessaa,

mee fuula kee na argisiisi;

mee sagalee kee na dhageessisi;

sagaleen kee miʼaawaadhaatii;

fuulli kees namatti tola.

15 Mee waangoo,

waangoodhuma xixinnoo ishee

kanneen iddoo dhaabaa wayinii balleessitu nuuf qabaa;

iddoon dhaabaa wayinii keenyaa daraaraa jiraatii.

Ishee

16 Michuun koo kanuma koo ti; anis kan isaa ti;

inni daraaraa keessa dheechifata.

17 Yaa michuu ko,

hamma bariʼee gaaddisni baddutti deebiʼi;

akkuma kuruphee yookaan akkuma korma gadamsaa

kan tulluuwwan irra jiruus taʼi.

Veja também

Publicidade
Cânticos
Ver todos os capítulos de Cânticos
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-