Publicidade

Cânticos 6

Michoota

1 Yaa ishee dubartoota hunda caalaa bareeddu,

michuun kee eessa dhaqe?

Akka nu si wajjin barbaannuuf

michuun kee garamitti gore?

Ishee

2 Michuun koo iddoo biqiltuu keessa

hoolota isaa tikfachuu fi

daraaraa walitti qabachuuf jedhee gara iddoo biqiltuu,

lafa madabiin biqiltuu urgooftuuwwanii jirutti gad buʼeera.

3 Ani kan michuu koo ti; michuun koos kanuma koo ti;

inni daraaraa keessa dheechifata.

Isa

4 Yaa jaalallee ko, ati akkuma Tiirzaa bareedduu dha;

akkuma Yerusaalem namatti tolta;

akkuma loltoota faajjii baataniis ulfina qabda.

5 Ija kee narraa buqqisi;

inni na jeeqeeraatii.

Rifeensi mataa keetii akkuma karra reʼoota

Giliʼaad irraa gad buʼanii ti.

6 Ilkaan kee akkuma karra hoolotaa

kan dhiqamee ol dhufaa jiruu ti.

Tokkoon tokkoon isaanii lakkuu qabu;

isaan keessa maseenni tokko iyyuu hin jiru.

7 Maddiin kee lamaan haguuggii kee keessatti

roomaanii tokkicha iddoo lamatti qoodame fakkaata.

8 Mootittiiwwan jaatamni, saajjatoon saddeettamnii fi

dubarran lakkoobsa hin qabne qulqulluun jiraachuu dandaʼu;

9 gugeen koo kan mudaa tokko iyyuu hin qabne sun kan addaa ti;

isheen haadha isheetiif intala tokkittii dha;

haadha ishee deesseefis filatamtuu dha.

Dubarran ishee arganii ishee eebbisan;

mootittiiwwanii fi saajjatoowwanis ishee jajan.

Michoota

10 Kan akka boruu baqaquutti mulʼattu,

kan akka jiʼaa bareeddu, kan akka biiftuu iftu,

kan akka urjiiwwan tooraan yaaʼanii ulfina qabdu kun eenyu?

Isa

11 Anis daraaraa sulula keessatti dhiʼoo biqile arguuf,

akka wayiniin hudhaa baase

yookaan akka roomaaniin daraare ilaaluuf

gara lafa qotiisaa ocholooniitti gad nan buʼe.

12 Utuu ani hin hubatin,

lubbuun koo gaarii mootii saba kootii keessa na teessiste.

Michoota

13 Yaa Sulaamaaxittii deebiʼi; deebiʼi;

akka nu si ilaalluuf deebiʼi; deebiʼi!

Isa

Isin akkuma nama sirba Mahanayiim ilaaluutti

maaliif Sulaamaaxittii ilaaltu?

Veja também

Publicidade
Cânticos
Ver todos os capítulos de Cânticos
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-