Publicidade

Cânticos 1

1 Weedduu Weeddotaa Suleyimaan.

Ishee

2 Inni dhungoo afaan isaatiin na haa dhungatu;

jaalalli kee daadhii wayinii caalaatii.

3 Urgaan shittoo keetii namatti tola;

maqaan kee akkuma shittoo dhangalaafamee ti.

Kanaafuu dubarran si jaallatu!

4 Na fudhadhuu deemi; si duukaa fiignaa!

Mootichi diinqa isaatti ol na galfate.

Michoota

Nu sitti gammannee ililchina;

jaalala kees daadhii wayinii caalaa jajanna.

Ishee

Si jaallachuun isaanii akkam sirrii dha!

5 Intallan Yerusaalem,

ani akkuma dunkaana Qeedaar,

akkuma golgaa dunkaana Suleyimaanis gurraattii dha;

garuu bareedduu dha.

6 Sababii ani gurraattii taʼeef, ija babaaftee na hin ilaalin;

aduutu na gurraachesseetii.

Ilmaan haadha koo natti aaranii

akka ani iddoo dhaabaa wayinii eegu na taasisan;

ani garuu iddoo dhaabaa wayinii koo hin eegganne.

7 Yaa isa ani si jaalladhu,

iddoo bushaayee kee tikfattuu fi

iddoo itti guyyaa saafaa hoolota kee boqochiifattu natti himi.

Ani maaliifan akka dubartii fuula ishee haguugattee

bushaayee michoota keetii bira asii fi achi joortu tokkoo taʼa?

Michoota

8 Yaa dubartii dubartoota hunda caalaa bareeddu,

ati yoo beekuu baatte hoolota duukaa buʼi;

ilmoolee reʼoota keetiis

dunkaana tiksootaa bira tikfadhu.

Isa

9 Yaa jaalallee ko, ani akka farda dhalaa

fardeen gaarii Faraʼoon harkisan keessaa tokkootti sin ilaala.

10 Maddiin kee amartii gurraatiin,

mormii kees dirata warqeetiin miidhagfameera.

11 Nu warqee gurraa

meetiidhaan wal make siif tolchina.

Ishee

12 Utuma mootichi maaddiitti dhiʼaatee jiruu

shittoon koo urgaa isaa kenne.

13 Michuun koo anaaf korojoo qumbii ti;

inni guntuta koo gidduu boqota.

14 Michuun koo anaaf hurbuu daraaraa heennaa

kan iddoo dhaabaa wayinii Een Gaadiitii dhufee dha.

Isa

15 Yaa jaalallee ko, ati akkam bareedda!

Dinqii akkam bareedda!

Iji kee gugee fakkaata.

Ishee

16 Yaa michuu ko, ati akkam miidhagda!

Dinqii akkam namatti tolta!

Margi lalisaan siree keenya.

Isa

17 Dareersumaan mana keenyaa birbirsa;

dagaleen isaa immoo gaattiraa dha.

Veja também

Publicidade
Cânticos
Ver todos os capítulos de Cânticos
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-