Publicidade

Cânticos 8

1 Utuu ati akka obboleessa koo

kan harma haadha koo hodhee guddatee naa taatee!

Ani yoon alatti si arge sin dhungadhan ture;

namni tokko iyyuu na hin tuffatu.

2 Anis si dura deemee mana haadha koo

ishee na barsiifte sanaatti sin geessa ture.

Akka ati dhugduufis daadhii wayinii kan miʼeeffame

cuunfaa roomaanii koos siifin kenna ture.

3 Harki isaa bitaa mataa koo jala jira;

harki isaa mirgaa immoo na hammata.

4 Yaa intallan Yerusaalem, ani isin kakachiisa;

hamma isheen ofumaan feetee kaatutti

jaalala hin tuttuqinaa yookaan hin dadammaqsinaa.

Michoota

5 Kan michuu isheetti irkattee

gammoojjii keessaa ol dhufaa jirtu kun eenyu?

Ishee

Ani muka hudhaa jalatti sin kakaase;

haati kee achitti si ulfoofte;

achumattis ciniinsifattee si deesse.

6 Akkuma chaappaatti laphee kee irra,

akkuma chaappaatti irree kee irra na kaaʼadhu;

jaalalli akkuma duʼaa jabduudhaatii;

hinaaffaan isaas akkuma qabrii hamaa dha.

Inni akkuma ibidda balaliʼuu,

akkuma arraba ibidda jabaa bobaʼa.

7 Bishaan baayʼeen jaalala dhaamsuu hin dandaʼu;

lagnis dhiqee isa balleessuu hin dandaʼu.

Namni tokko qabeenya mana isaa hunda

yoo jaalalaaf kenne

qabeenyi sun guutumaan guutuutti ni tuffatama.

Michoota

8 Nu obboleettii xinnoo tokko qabna;

isheen guntuta iyyuu hin baafne.

Guyyaa isheen heerumaaf kadhatamtutti

nu obboleettii keenyaaf maal goona?

9 Utuu isheen dallaa dhagaa taatee

nu silaa gamoo meetii ishee irratti ijaarra ture.

Utuu isheen balbala taatee

nu silaa birbirsaan ishee marsina.

Ishee

10 Ani dallaa dhagaa ti;

guntunni koos akkuma gamoo ti.

Kanaafuu ani fuula isaa duratti

akkuma nama nagaa fidu tokkootti nan ilaalaman ture.

11 Suleyimaan Baʼaal Haamoon keessaa iddoo dhaabaa wayinii qaba ture;

innis iddoo dhaabaa wayinii ofii isaa qottuuwwanitti kiraa kennate.

Tokkoon tokkoon isaaniis ija argatan irraa

meetii saqilii kuma tokko fiduufii qabu ture.

12 Iddoon dhaabaa wayinii kootii, kanuma koo ti;

yaa Suleyimaan, saqiliin kumni sun sumaaf;

dhibbi lama immoo kan warra ija isaa eeganii ti.

Isa

13 Yaa ishee iddoo biqiltuu keessa jiraattu,

michoonni sagalee kee dhaggeeffachaa jiru;

mee anis nan dhagaʼa!

Ishee

14 Yaa michuu ko, dafii kottu;

akka kuruphee

yookaan akka korma gadamsaa

kan gaara urgooftuu irra burraaquu taʼi.

Veja também

Publicidade
Cânticos
Ver todos os capítulos de Cânticos
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-