Publicidade

Isaías 1

1 Mulʼata Isaayyaas ilmi Amoos bara bulchiinsa Uziyaan, bara Yootaam, bara Aahaazii fi bara Hisqiyaas keessa waaʼee Yihuudaatii fi Yerusaalem arge.

Saba Fincilaa Tokko

2 Yaa Shamaayʼuniiwwan dhagaʼaa! Yaa lafa dhaggeeffadhu!

Rabbii Allaahan akkana jedhee dubbateeraatii:

"Ani ijoollee horadheen guddifadhe;

isaan garuu natti fincilaniiru.

3 Qotiyyoon gooftaa isaa,

harreenis gola gooftaa isaa ni beeka;

Israaʼel garuu hin beeku;

sabni koo hin hubatu."

4 Yaa saba cubbamaa,

uummata balleessaan itti baayʼate,

ilmaan warra waan hamaa hojjetuu,

ijoollee xuraaʼummaadhaan guutamte isiniif wayyoo!

Isaan Rabbii Allaah dhiisaniiru;

Qulqullicha Israaʼel sana tuffatanii

dugda isaanii itti garagalfataniiru.

5 Isin siʼachi maaliif rukutamtu?

Maaliif fincila keessa jiraatu?

Mataan keessan guutuun miidhameera;

garaan keessan guutuunis dadhabeera.

6 Faana miilla keessaniitii hamma gubbee mataa keessaniitti,

fayyaa hin qabdan;

madaa fi dirmammuun, madaan dhiigu,

kan hin qulqulloofne yookaan hin maramne

yookaan zayitiidhaan hin laafne.

7 Biyyi keessan duwwaa hafteerti;

magaalaawwan keessan ibiddaan gubamaniiru;

alagoonni fuuluma keessan duratti

lafa qotiisaa keessan saamu;

akkuma waan ormi ishee saameettis onti.

8 Intalli Xiyoon akkuma daʼannoo iddoo

dhaabaa wayinii keessaatti,

akkuma daasii lafa qotiisa buqqee keessaatti,

akkuma magaalaa marfame tokkootti dhiifamti.

9 Utuu Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu

hambaa muraasa nuuf hambisuu baatee,

nu silaa akkuma Sodoom taanee,

Gomoraas fakkaanna turre.

10 Yaa bulchitoota Sodoom

dubbii Rabbii Allaah dhagaʼaa;

yaa saba Gomoraa,

Seera Allaah keenyaa dhaggeeffadhaa!

11 Rabbii Allaahan akkana jedha;

"Baayʼinni aarsaa keessanii anaaf maali?"

Ani aarsaa gubamu kan korbeeyyii hoolaatii fi horii gabbifamanii baayʼeen qaba;

ani dhiiga korommii looniitti,

kan xobbaallaawwan hoolaattii fi reʼeetti hin gammadu.

12 Isin yommuu fuula koo duratti mulʼachuuf dhuftan,

akka oobdii koo dhidhiittan

eenyutu isin irraa barbaade?

13 Kennaa faayidaa hin qabne fiduu dhiisaa!

Ixaanni keessan na jibbisiisa.

Ayyaana Baatii, Sanbataa fi yaaʼii keessan

jechuunis wal gaʼii keessan hamaa sana ani hin fedhu.

14 Ayyaana Baatii keessanii fi

ayyaanota keessan bebbeekamoo lubbuun koo ni jibbiti.

Isaan baʼaa natti taʼaniiru;

anis obsuu dadhabeera.

15 Yeroo isin duʼaa godhachuuf harka keessan balʼifattan,

ani ija koo isinan dhokfadha;

yoo isin duʼaa baayʼee godhattan illee ani hin dhaggeeffadhu.

Harki keessan dhiigaan guutameera!

16 Dhiqadhaatii of qulqulleessaa.

Hojii keessan hamaa sana fuula koo duraa balleessaa!

Yakka hojjechuus dhiisaa;

17 waan qajeelaa hojjechuu baradhaa!

Murtii qajeelaa barbaadaa;

warra hacuucame jajjabeessaa.

Ijoollee abbaa hin qabneef falmaa;

haadha hiyyeessaatiif dhaabadhaa.

18 Rabbii Allaahan akkana jedha;

"Kottaa wal qorraa;

cubbuun keessan yoo akka bildiimaa taʼe iyyuu,

inni addaatee akka cabbii ni taʼa;

yoo akka alalaa diimate iyyuu,

akka suufii ni addaata.

19 Isin yoo fedhii qabaattanii ajajamtan,

waan lafti baaftu filatamaa ni nyaattu;

20 garuu yoo diddanii finciltan goraadeetu isin nyaata."

Afaan Rabbii Allaah waan kana dubbateeraatii.

21 Akka magaalaan amanamtuun sun

sagaagaltuu taate ilaalaa!

Isheen dur murtii qajeelaadhaan guutamtee

qajeelummaan ishee keessa jiraata ture;

amma immoo namoota nama ajjeesantu ishee keessa jiraata!

22 Meetiin kee ligidaaʼeera;

daadhiin wayinii kee filatamaan bishaaniin makameera.

23 Bulchitoonni kee finciltoota;

michuu hattuuwwanii ti;

isaan hundinuu mattaʼaa jaallatu;

kennaas akka malee barbaadu.

Isaan ijoollee abbaa hin qabneef hin falman;

himata haadha hiyyeessaa hin dhaggeeffatan.

24 Kanaafuu Gooftaan, Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu,

Jabaan Israaʼel sun akkana jedha:

"Ani amajaajota koo irraa boqonnaa nan argadha;

diinota koos haaloo nan baafadha.

25 Ani harka koo sitti nan deebisa;

ligidaaʼummaa kees akka malutti sirraa nan haqa;

xurii kee hundas sirraa nan balleessa.

26 Ani akkuma bara durii abbootii murtii iddootti,

akkuma jalqabaatti gorsitoota kee illee siifin deebisa.

Ergasii ati magaalaa qajeelummaa,

magaalaa amanamtuu jedhamtee ni waamamta."

27 Xiyoon murtii qajeelaadhaan,

qalbii jijjiirrattoonni ishee immoo qajeelummaadhaan furamu.

28 Finciltoonnii fi cubbamoonni garuu ni caccabu;

warri Rabbii Allaah dhiisanis ni badu.

29 "Isin sababii muka qilxuu itti gammaddan sanaatiif ni qaanoftu;

sababii iddoo biqiltuu filattan sanaatiif immoo ni salphattu.

30 Isin akka qilxuu baalli irraa harcaʼee,

akka iddoo biqiltuu bishaan hin qabnee ni taatu.

31 Namni jabaan akkuma huubaa,

hojiin isaas akkuma qaanqee taʼa;

isaan lachuu walumaan gubatu;

namni ibidda sana dhaamsus hin jiru."

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-