Publicidade

Isaías 26

Faarfannaa Galataa

1 Bara sana faarfannaan kun biyya Yihuudaa keessatti faarfatama:

Nu magaalaa jabaa qabna;

Allaahanis fayyina,

dallaa eegumsa isheetii fi daʼannoo ishee taasisa.

2 Akka sabni qajeelaan,

sabni amanamummaadhaan jiraatu ol seenuuf,

karrawwan banaa.

3 Inni sitti irkateeraatii,

nama yaadni garaa isaa si wajjin jiru,

ati nagaa hirʼina hin qabneen isa eegda.

4 Sababii Rabbii Allaahan, Rabbii Allaahan mataan isaa,

Kattaa bara baraa taʼeef, bara baraan Rabbii Allaah amanadhaa.

5 Inni warra iddoo ol kaʼaa irra jiraatan gad qaba;

magaalaa tabba irra jirtu gad buusa;

lafatti gatees awwaaratti ishee maka.

6 Miilli, miilli warra hacuucamee,

faanni hiyyeeyyii ishee dhidhiita.

7 Daandiin nama qajeelaa wal qixxaataa dha;

yaa Isa Tolaa, ati qajeeltotaaf karaa baafta.

8 Rabbii Allaah,

nu karaa seera keetii irra deemaa si eegganna,

maqaan keetii fi beekamuun kee

hawwii garaa keenyaa ti.

9 Halkan lubbuun koo si yaaddi;

ganamas hafuurri koo baayʼisee si barbaada.

Yeroo murtiin kee gara lafaa dhufutti,

uummanni addunyaa qajeelummaa barata.

10 Namni hamaan gara laafinni godhamuuf iyyuu,

qajeelummaa hin baratu;

biyya qajeelummaan jirutti iyyuu inni ittuma fufee jalʼina hojjeta;

surraa Rabbii Allaahas hin hubatu.

11 Rabbii Allaah, harki kee ol kaafameera;

isaan garuu isa hin argan.

Isaan hinaaffaa ati saba keetiif qabdu arganii haa qaanaʼan;

ibiddi diinota keetiif kuufame sun isaan haa balleessu.

12 Rabbii Allaah, ati nagaa nuuf kenniteerta;

ati hojii keenya hunda nuuf hojjetteertaatii.

13 Yaa Rabbii Allaah keenya,

si malee gooftonni biraa nu bulchaniiru;

nu garuu maqaa kee qofa ulfeessina.

14 Isaan amma duʼaniiru; siʼachi hin jiraatan;

isaan gaaddidduu dha; deebiʼaniis hin kaʼan.

Ati isaan adabde; isaan balleessites;

yaadannoo isaanii hundas ni barbadeessite.

15 Rabbii Allaah, ati saba baayʼisteerta;

ati saba baayʼisteerta;

ati ofii keetiif ulfina argatteerta;

daarii biyyaa hunda balʼifteerta.

16 Rabbii Allaah, isaan yeroo dhiphinaatti si barbaaddatan;

yeroo ati isaan adabdetti

isaan duʼaa gad roobsan.

17 Akkuma dubartiin ulfaa yeroo daʼuu geessutti,

ciniinsuudhaan wixxirfattee iyyitu sana,

yaa Rabbii Allaah, nus fuula kee duratti akkasuma taaneerra.

18 Nu ulfoofnee, ciniinsuudhaan wixxirfanne;

nu garuu bubbee deenye.

Nu lafaaf fayyina hin fidne;

nu uummata addunyaa hin deenye.

19 Garuu namoonni kee kanneen duʼan ni jiraatu;

dhagni isaaniis duʼaa ni kaʼa.

Isin warri biyyoo keessa jiraattan,

dammaqaatii gammachuudhaan ililchaa.

Fixeensi kee akkuma fixeensa ganamaa ti;

laftis warra duʼan of keessaa baafti.

20 Yaa saba ko, kutaa mana keetti ol galiitii

duubaan balbala ofitti cufi;

hamma dheekkamsi isaa darbutti,

yeroo muraasaaf of dhoksi.

21 Kunoo, Rabbii Allaahan sababii cubbuu isaaniitiif

uummata lafa irraa adabuuf iddoo jireenya isaatii baʼee dhufaa jira.

Lafti dhiiga ishee irratti dhangalaafame sana ifa baafti;

siʼachi warra ishee irratti qalaman hin dhoksitu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-