Publicidade

Isaías 40

Sabni Allaaha Jajjabeeffame

1 Jajjabeessaa; saba koo jajjabeessaa;

jedha Allaahan keessan.

2 Garaa Yerusaalemitti dubbadhaa;

hojiin garbummaa ishee akka dhume,

gatiin cubbuu ishee akka baafameef,

isheen cubbuu ishee hundaaf

harka Rabbii Allaahatii adabbii dachaa

akka fudhatte isheetti labsaa.

3 Sagalee akkana jedhee iyyu tokko:

"Gammoojjii keessatti

Rabbii Allaahaf karaa qopheessaa;

gammoojjii keessatti Allaah keenyaaf

karaa guddicha qajeelchaa.

4 Sululli hundi ni guutama;

tulluu fi gaarri hundinuus gad deebifama;

lafti wal caalu, wal qixxeeffama;

lafti buʼaa baʼiinis dirree taʼa.

5 Ulfinni Rabbii Allaah ni mulʼata;

sanyiin namaa hundinuus tokkummaadhaan ni arga.

Afaan Rabbii Allaah dubbateeraatii."

6 Sagaleen tokko "Iyyi" jedha.

Anis, "Maal jedheen iyya?" nan jedhe.

"Namni hundi akkuma margaa ti;

ulfinni isaa hundis akkuma daraaraa dirree ti.

7 Sababii hafuurri Rabbii Allaahan baafatu isaanitti bubbisuuf margi

ni coollaga; daraaraanis ni harcaʼa.

Dhugumaan namni marguma.

8 Margi ni coollaga; daraaraanis ni harcaʼa;

dubbiin Allaah keenyaa garuu bara baraan ni jiraata."

9 Ati kan Xiyooniif oduu gaarii fiddu,

tulluu dheeraatti ol baʼi.

Ati kan Yerusaalemiif oduu gaarii fiddu,

sagalee kee ol fudhuutii iyyi;

ol fudhadhuu iyyi; hin sodaatin;

magaalaawwan Yihuudaatiinis,

"Allaahan keessan kunoo ti!" jedhi.

10 Kunoo, Rabbii Allaahan Gooftaan humnaan ni dhufa;

irreen isaa jabaadhaanis ni bulcha.

Kunoo, gatiin isaa isa wajjin jira;

gatiin inni namaaf kennu isuma harka jira.

11 Inni akkuma tiksee tokkootti bushaayee isaa tikfata;

xobbaallaawwan hoolaas irree isaatiin walitti qaba;

ofitti qabees qoma isaatti hammata;

haadhota hoolotaa warra hoosisanis suutuma oofa.

12 Bishaanota konyee isaatiin kan safare

yookaan shamaayʼuniiwwan taakkuu isaatiin kan safare eenyu?

Biyyoo lafaa safartuudhaan walitti kan qabe

yookaan tulluuwwan madaaliidhaan

gaarran immoo madaaliidhaan kan madaale eenyu?

13 Eenyutu Hafuura Rabbii Allaah qajeelchuu dandaʼe?

Yookaan namni gorsaa isaa taʼee isa barsiise eenyu?

14 Rabbii Allaahan hubannaa argachuuf eenyun gorsa gaafate?

Daandii qajeelaas eenyutu isa barsiise?

Eenyutu beekumsa isaaf kennee

yookaan daandii hubannaa isa argisiise?

15 Dhugumaan saboonni akkuma copha baaldii keessaa ti;

isaan akkuma awwaara madaalii irra jiruutti ilaalamu;

inni biyyoota bishaan gidduu illee akkuma biyyoo bullaaʼaatti madaala.

16 Libaanoon qoraan iddoo aarsaatiif gaʼu hin qabdu,

yookaan horiin ishee aarsaa gubamuuf hin gaʼan.

17 Fuula isaa duratti saboonni hundinuu wayittuu hin lakkaaʼaman;

isaan akka ilaalcha isaatti homaattuu hin hedaman;

gatiis hin qaban.

18 Yoos Allaah eenyutti fakkeessitu?

Fakkii kam wajjin isa wal bira qabdu?

19 waaqeffatamaa tolfamaa tumtuu sibiilaatu baqsee tolcha;

tumtuun warqees warqee itti uffisa;

foncaa meetiitiinis ni miidhagsa.

20 Hiyyeessi aarsaa akkasii dhiʼeessuu

hin dandeenye tokko muka hin tortorre filata.

waaqeffatamaa tolfamaa hin jigne dhaabuufis

nama ogummaa hojii harkaa qabu barbaaddata.

21 Isin hin beektanii?

Isin hin dhageenyee?

Wanni kun jalqabumaa kaasee isinitti hin himamnee?

Isin erga lafti hundeeffamtee jalqabee hin hubannee?

22 Inni geengoo lafaatii ol taaʼa;

uummanni lafaas akkuma korophisaa ti.

Inni shamaayʼuniiwwan akkuma golgaatti diriirsa;

akka dunkaana keessa jiraataniittis isaan diriirsa.

23 Inni ilmaan moototaa faayidaa dhabsiisa;

bulchitoota addunyaas harka duwwaa hambisa.

24 Akkuma isaan dhaabamaniin,

akkuma isaan facaafamaniin,

akkuma isaan lafa keessatti hidda yaafataniin, inni isaanitti bubbise;

isaanis ni coollagan;

obombolettiinis akkuma habaqiitti isaan haxaaʼe.

25 "Isin eenyutti na fakkeessitu?

Yookaan eenyutu anaan qixxaata?" jedha Qulqullichi.

26 Ija keessan ol fudhadhaatii shamaayʼuniiwwan ilaalaa:

Eenyutu kanneen hunda uume?

Isa tuuta urjiiwwanii tokko tokkoon fidee

tokkoo tokkoo isaanii maqaa maqaadhaan waamu sanaa dha.

Sababii humna isaa cimaa sanaatii fi jabina isaa guddaa sanaatiif

isaan keessaa tokko iyyuu hin dhabamu.

27 Yaa Yaaʼikuub, yaa Israaʼel, ati maaliif,

"Karaan koo Rabbii Allaah duraa dhokateera;

haajaan koos fuula Allaah koo duratti

tuffatameera" jettee guungumta?

28 Ati hin beektuu?

Ati hin dhageenyee?

Rabbii Allaah bara baraa ti;

inni Uumaa handaara lafaa ti.

Inni hin dadhabu yookaan haara hin galfatu;

hubannaa isaas kan qoree bira gaʼu hin jiru.

29 Inni dadhabdootaaf jabina kenna;

nama laafaaf immoo humna dabala.

30 Ijoolleen iyyuu ni dadhabu; ni bututus;

dargaggoonnis gufatanii kufu;

31 Warri Rabbii Allaah abdatan garuu

humna isaanii ni haaromfatu.

Isaan akkuma risaa qoochoodhaan barrisu;

ni fiigu; hin dadhaban;

ni deemu; hin bututan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-