Publicidade

Isaías 21

Raajii Baabiloniin Mormu

1 Raajii Gammoojjii Galaana bira jirtuun mormu:

Akkuma bubbeen hamaan biyya kibbaa haxaaʼu sana,

weeraraan tokko gammoojjiidhaa,

biyya sodaachisaa keessaa ni dhufa.

2 Mulʼanni hamaan tokko natti mulʼateera:

gantuun ni ganti; saamtuunis ni saamti.

Yaa Eelaam, ol baʼi! Yaa Meedee marsii qabi!

Ani aaduu isheen fidde hunda nan xumura.

3 Kana irratti dugdi na cite;

akkuma dubartii ciniinsifattuu muddamni na qabe;

ani waanan dhagaʼeen nan holladhe;

waanan argeenis nan raafame.

4 Qalbiin koo ni raafame;

sodaan na hollachiise;

dimimmisni ani hawwe sun

sodaatti na jalaa geeddarame.

5 Isaan maaddii qopheessu;

afaa diriirsu;

ni nyaatu, ni dhugu!

Isin qondaaltonni kaʼaa;

gaachanas zayitii dibaa.

6 Gooftaan akkana naan jedha:

"Dhaqiitii eegduu tokko ramadi;

innis waan argu haa himu.

7 Inni yommuu warra farda yaabbatan

kanneen lama lamaan yaaʼan,

warra harree yaabbatan

yookaan warra gaala yaabbatan argutti,

haa dammaqu;

guutumaan guutuutti haa dammaqu."

8 Eegduun sunis akkana jedhee iyye;

"Yaa gooftaa ko, ani guyyuma guyyaan

qooxii eegumsaa irra nan dhaabadha;

halkan hundas ani hojii koo irra nan tura.

9 Kunoo, warri farda yaabbatan,

lama lamaan dhufaa jiru;

inni akkana jedhee deebise:

‘Baabilon jigdeerti; jigdeerti!

Fakkiiwwan waaqeffatamtoota ishee hundinuu

burkutaaʼanii lafa dhaʼaniiru!’ "

10 Yaa saba koo warra oobdii midhaanii irratti dhaʼamtan,

ani waan Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu,

Allaah Israaʼel irraa dhagaʼe isinittin hima.

Raajii Edoomiin mormu

11 Raajii Duumaan mormu:

Namni tokko Seeʼiirii na waamee,

"Yaa eegduu, halkan kun bariʼuuf hammamtu hafe?

Yaa eegduu, halkan kun bariʼuuf hammamtu hafe?" jedhe.

12 Eegduun sunis,

"Bariʼuu gaʼeera; garuu deebiʼee dhiʼa.

Yoo gaafachuu barbaaddan gaafadhaa;

garuu deebiʼaa kottaa" jedhee deebisa.

Raajii Biyya Arabaatiin Mormu

13 Raajii biyya Arabaatiin mormu:

Isin imaltoonni Dedaan

kanneen bosona Arabaa keessa qubattan,

14 warra dheeboteef bishaan fidaa;

isin warri Teemaa keessa jiraattan,

baqattootaaf waan nyaatan fidaa.

15 Isaan goraadee jalaa,

goraadee luqqifame jalaa,

xiyya aggaamame jalaa,

hoʼa waraanaa jalaa baqataniiruutii.

16 Gooftaan akkana naan jedhe: "Akkuma waggoota hojjetaa qaxaramaa tokkootti ulfinni Qeedaar hundinuu waggaa tokko keessatti ni dhuma. 17 Warra xiyya darbatan keessaa kanneen hafan, gootonni Qeedaar muraasa taʼu." Rabbii Allaahan Israaʼel dubbateeraatii.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-