Publicidade

Isaías 32

Mootummaa Qajeelummaa

1 Kunoo mootiin qajeelummaadhaan moʼa;

bulchitoonnis murtii qajeelaadhaan bulchu.

2 Tokkoon tokkoon namaa akkuma daʼannoo bubbee jalaa itti daʼatanii,

akkuma iddoo itti jabaa jalaa baqataniitti,

akkuma bishaan gammoojjii keessa yaaʼuutii fi

akkuma gaaddisa kattaa guddaa kan lafa gogaa keessaa ni taʼa.

3 Ergasiis iji warra waa arguu hin dunuunfatu;

gurri warra waa dhagaʼuus ni dhaggeeffata.

4 Qalbiin nama jarjaru tokkoo ni beeka; ni hubata;

arrabni giingees qajeelchee qulqulleessee dubbata.

5 Siʼachi gowwaan ulfina qabeessa hin jedhamu;

addaggeenis baayʼee hin kabajamu.

6 Gowwaan sababii gowwummaa dubbatuuf

qalbiin isaa hammina hojjeta;

inni waan Allaahan hin jaallanne hojjeta;

waaʼee Rabbii Allaahas dogoggora odeessa;

inni nama beelaʼe beela hin baasu;

nama dheebote illee bishaan dhowwata.

7 Malli addaggee hammina;

inni utuma iyyanni rakkattootaa qajeelaa taʼee jiruu

sobumaan hiyyeeyyii balleessuuf jedhee jalʼina yaada.

8 Namni ulfina qabeessi garuu karoora ulfaataa baasa;

hojii ulfina qabeessa sanattis ni jabaata.

Dubartoota Yerusaalem

9 Yaa dubartoota akka malee boontan

kaʼaatii na dhaggeeffadhaa;

yaa intallan waan nagaa qabdan of seetan

waan ani jedhu dhagaʼaa!

10 Isin warri waan nagaa qabdan of seetan

erga waggaan tokko xinnuma darbee booddee ni hollattu;

wayiniin ija hin kennu;

yeroon itti iji walitti qabamus hin dhufu.

11 Yaa dubartoota boontuuwwan isin holladhaa;

intallan waan nagaa qabdan of seetanis raafamaa!

Uffata keessan of irraa baasaatii

wayyaa gaddaa mudhii keessanitti hidhadhaa.

12 Lafa qotiisaa gaariif,

muka wayinii ija naqatuufis laphee keessan dhaʼaa;

13 lafa uummata koo kan qoraattii fi

sokorruun irratti guddatuuf laphee keessan dhaʼaa;

dhugumaan manneen gammachuu hundaa fi

magaalaa fandalaltuu kanaaf booʼaa.

14 Daʼannoon ni ona;

magaalaan namni keessa guutes duwwaa hafti;

magaalaan jabduunii fi qooxiin eegumsaa bara baraan ni onu;

iddoo harreen diidaa keessa burraaqxuu fi iddoo bushaayeen itti bobbaʼan taʼu;

15 kunis hamma Hafuurri Qulqulluun gubbaadhaa nurratti dhangalaafamuu fi

hamma gammoojjiin lafa qotiisaa gabbataa taʼee

lafti qotiisaa gabbataan immoo bosona fakkaatutti taʼa.

16 Murtii qajeelaan gammoojjii keessa jiraata;

qajeelummaan immoo lafa qotiisaa gabbataa keessa jiraata.

17 Buʼaan qajeelummaa nagaa dha;

faayidaan qajeelummaa immoo utuu hin birʼatin

tasgabbiin bara baraan jiraachuu dha.

18 Sabni koo iddoo jireenyaa nagaa qabu,

manneen bultii sodaa hin qabne

iddoo boqonnaa jeequmsi hin jirre keessa jiraata.

19 Yommuu cabbiin bosona irratti buʼu,

magaalattiin guutumaan guutuutti gad deebiti;

20 isin warri qarqara laga hundaatti sanyii facaafattanii

loon keessanii fi harroota keessan

nagaan bobbaafattan akkam eebbifamoo dha.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-