Publicidade

Isaías 28

Hooggantoota Efreemiif Wayyoo

1 Gonfoo of tuulummaa kan machooftota Efreem sanaaf,

daraaraa coollagu kan ulfina miidhagina isaaniitiif,

kan mataa sulula gabbataa irra jiruuf,

magaalaa warra daadhii wayiniitiin fudhataman sanaatiif wayyoo!

2 Kunoo, Gooftaan isa humna qabeessaa fi jabaa tokko qaba.

Inni akkuma cabbiitii fi bubbee waa balleessuu,

akkuma bokkaa jabaatii fi bishaan guutee irra dhangalaʼuu,

humnaan lafatti gad ishee darbata.

3 Gonfoon of tuulummaa,

machooftonni Efreem miilla jalatti dhidhiitamu.

4 Daraaraan harcaʼu, miidhaginni isaa kabajamaan,

kan mataa sulula gabbataa irra jiru sun,

akkuma muka harbuu utuu bonni hin gaʼin bilchaatu sanaa taʼa;

namni isa argu hundi akkuma isa harka keessa galfateen isa nyaatee fixa.

5 Bara sana Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu

hambaa saba isaatiif,

gonfoo ulfinaa,

miʼa miidhaginaa ni taʼa.

6 Inni nama murtii kennuuf taaʼuuf hafuura murtii qajeelaa taʼa;

warra karra irraa waraana deebisaniif immoo madda jabinaa taʼa.

7 Jarri kuni daadhii wayiniitiin gatantaru;

dhugaatii jabaadhaan dogoggoru;

luboonnii fi nabiiʼiyyoonni dhugaatii jabaadhaan gatantaru;

daadhii wayiniitiin fudhatamu;

isaan dhugaatii jabaadhaan karaa irraa badu;

yeroo mulʼata arganittis ni dogoggoru;

yeroo murtii kennanittis ni dogoggoru.

8 Maaddiin hundinuu diddigaan guutameera;

iddoon hin xureeffamin tokko iyyuu hin jiru.

9 "Namni inni waa barsiisuu yaalu kun eenyu?

Inni eenyuuf ergaa isaa ibsaa jira?

Ijoollee aannan dhiifteef moo

ijoollee harma guuteef?

10 Ajaja irratti ajaja; ajaja irratti ajaja;

sirna irratti sirna; sirna irratti sirna;

asitti muraasa; achitti muraasa" taʼaatii.

11 Yoos Allaahan afaan alagootaatiin,

afaan hin beekamneenis saba kanatti ni dubbata;

12 inni akkana isaaniin jedhe;

"Kun iddoo boqonnaa ti; warri dadhaban haa boqotan;

kun iddoo aara galfannaa ti."

Isaan garuu dhagaʼuu didan.

13 Yoo akkasii dubbiin Rabbii Allaah akkana isaanitti taʼa;

ajaja irratti ajaja; ajaja irratti ajaja;

sirna irratti sirna; sirna irratti sirna;

asitti muraasa; achitti muraasa;

kunis akka isaan dhaqanii dugda duubatti kufanii fi

akka isaan caccabanii kiyyoodhaan qabamaniif.

14 Kanaafuu isin qoostonni

warri uummata Yerusaalem bulchitan dubbii Rabbii Allaah dhagaʼaa.

15 Isin akkana jettanii of tuultu; "Nu duʼa wajjin kakuu galleerra;

siiʼool wajjinis walii galtee gooneerra.

Sababii nu soba daʼoo godhannee,

sobas iddoo itti dhokannu godhanneef,

balaan hamaan yeroo dhufee lafa balleessutti

nu tuquu hin dandaʼu."

16 Kanaafuu Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha;

"Kunoo ani dhagaa tokko, dhagaa qoratame,

dhagaa golee gati jabeessa tokko

hundee mirkanaaʼaadhaaf Xiyoon keessa nan kaaʼa;

namni amanu kam iyyuu hin qaanaʼu.

17 Ani murtii qajeelaa funyoo ittiin safaran,

qajeelummaa immoo madaalii nan godhadha;

soba isin daʼoo godhattan sana bokkaan jabaan ni balleessa;

bishaanis lafa isin itti dhokattan keessa ni lolaʼa.

18 Kakuun isin duʼa wajjin godhattan ni diigama;

walii galteen isin siiʼool wajjin godhattanis ni barbadeeffama.

Yeroo balaan hamaan dhufee lafa balleessutti

isin lafatti gad dhidhiitamtu.

19 Inni yeroo dhufu hunda isin fudhatee deema;

ganama ganama halkanii fi guyyaas, inni waa balleessa."

Ergaa kana hubachuun

naasuu guddaa namatti fida.

20 Sireen irratti diriirfachuuf baayʼee gabaabaa dha;

uffata halkanii ofitti marachuuf baayʼee dhiphaa dha.

21 Rabbii Allaahan hojii isaa, hojii isaa haaraa sana hojjechuuf,

gocha isaa, gocha isaa kan hin beekamne sana hojjechuuf,

akkuma Tulluu Pheraaziim keessatti godhe sana ni kaʼa;

akkuma Sulula Gibeʼoonitti godhe sana ni kaʼa.

22 Amma qoosaa keessan dhiisaa;

yoo akkas hin taʼin foncaan keessan isinitti jabaata;

Gooftaan, Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu,

labsii guutummaa biyyattii balleessuuf labse natti himeera.

23 Dhaggeeffadhaatii sagalee koo dhagaʼaa;

qalbeeffadhaatii waan ani dubbadhu dhagaʼaa.

24 Qonnaan bulaan tokko yeroo sanyii facaasuuf lafa qotatutti, ittuma fufee qotaa?

Inni ittuma fufee biyyoo caccabsee bulleessaa?

25 Inni yeroo lafa wal qixxeessutti

dimbilaalaa fi kamuunii hin facaasuu?

Inni qamadii toora tooraan,

garbuu iddoo isaa irratti,

honboriis lafa qotiisaa isaa irratti hin facaasuu?

26 Allaahan isaa isa barsiisa;

karaa qajeelaa irras isa buusa.

27 Abasuudni gangalchaadhaan hin dhaʼamu;

kamuunii irras gommaan gaarii hin oofamu;

abasuudni uleedhaan,

insilaalli immoo shimalaan dhaʼama.

28 Midhaan buddeena tolchuuf daakamuu qaba;

kanaafuu namni tokko bara baraan midhaan hin dhaʼu.

Inni gommaa gaarii kan midhaan dhaʼu midhaan sana irra oofu iyyuu

fardeen isaa midhaanicha hin bulleessan.

29 Wanni kun hundinuu Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼu,

isa mariidhaan dinqisiisaa,

ogummaadhaanis guddaa taʼe biraa dhufa.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-