Publicidade

Isaías 58

Sooma Allaahan itti Gammadu

1 "Guddisii iyyi; hin qusatin.

Akkuma malakataa sagalee kee ol fudhadhu.

Saba kootti fincila isaanii,

mana Yaaʼikuubitti immoo cubbuu isaanii labsi.

2 Isaan guyyuma guyyaan na barbaaduutii;

isaan akkuma saba waan qajeelaa hojjetee

ajajawwan Allaah isaa hin dhiisin tokkootti

waan karaa koo beekuu barbaadan fakkaatu.

Isaan murtii qajeelaa na kadhatu;

akka Allaahan isaanitti dhiʼaatus waan hawwan fakkaatu.

3 Isaanis, ‘Yoo ati waan kana hin argine,

nu maaliif soomne?

Yoo ati waan kana hin qalbeeffanne

nu maaliif gad of qabne?’ jedhu.

"Taʼus isin guyyaa sooma keessanii waan feetan gootan;

hojjettoota keessan hundas ni hacuuccan.

4 Soomni keessan wal loluu fi wal qoccoluudhaan,

aboottee hamminaatiin wal tumuudhaan raawwata.

Soomni isin harʼa soomaa jirtan kun,

akka sagaleen keessan gubbaatti dhagaʼamu hin godhu.

5 Soomni ani filadhe sooma akkanaatii?

Namni tokko guyyuma tokko qofaaf gad of qabaa?

Wanni kun akkuma dhallaadduu mataa gad qabachuu fi

wayyaa gaddaatii fi daaraa irra ciisuu qofaafii?

Wanni isin sooma jettaniin

guyyaan fuula Rabbii Allaah duratti fudhatama qabu kanaa?

6 "Soomni ani itti gammadu,

kan foncaa jalʼinaa furu,

kan funyoo waanjoo hiiku,

kan cunqurfamtoota bilisa baasuu fi

waanjoo hunda caccabsu mitii?

7 Akka ati warra beelaʼaniif nyaata kee qoodduu fi

akka hiyyeeyyii mana hin qabne mana keetti simattu,

akka ati yeroo nama daare argitutti daara isa baaftuu fi

akka nama foonii fi dhiiga kee taʼetti dugda hin galle mitii?

8 Yoos ifni kee akka biiftuu ganamaa ni baʼa;

fayyinni kees dafee ni dhufa;

qajeelummaan kee fuula kee dura deema;

ulfinni Rabbii Allaah immoo duubaan si eega.

9 Yeroo sana ati ni waammatta; Rabbii Allaahanis deebii siif kenna;

ati gargaarsa barbaacha iyyatta; innis, ‘Ani asan jira’ siin jedha.

"Ati yoo waanjoo cunqursaa, haasaʼa hamminaatii fi

quba namatti qabuu of irraa fageessite,

10 ati yoo warra beelaʼaniif nyaata kennite,

warra rakkatanis rakkinaa baafte,

ifni kee dukkana keessa ni ibsa;

halkan kees akka guyyaa saafaa taʼa.

11 Rabbii Allaahan yeroo hunda si geggeessa;

inni lafa aduudhaan gubate keessatti iyyuu fedhii kee siif guuta;

lafee kees ni jabeessa.

Ati akka lafa biqiltuu bishaan quufee,

akka burqaa hin gognees ni taata.

12 Uummanni kee diigamaa durii deebisee ni ijaara;

atis hundee dhaloota baayʼee ol kaasta;

atis, Suphaa Dallaawwan Jijjiganii,

Haaromsaa Daandiiwwan Jireenyaa jedhamtee waamamta.

13 "Ati yoo miilla kee Sanbata cabsuu irraa eeggattee

guyyaa koo qulqulluu waan jaallattu gochuu dhiifte,

ati yoo Sanbataan, ‘Gammachuu’

guyyaa qulqullaaʼaa Rabbii Allaahatiin immoo, ‘Kabajamaa’ jette,

yoo daandii ofii keetii deemtuu fi yoo waan feete gochuu

yookaan haasaa faayidaa hin qabne haasaʼuu baattee Sanbata ulfeessite,

14 yeroo sana Rabbii Allaahatti ni gammadda;

anis akka ati lafa ol dheeraa irra guluftu,

dhaala abbaa kee Yaaʼikuub nyaattee akka quuftus sin taasisa."

Afaan Rabbii Allaah dubbateeraatii.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-