Publicidade

Isaías 30

Saba Fincilaadhaaf Wayyoo

1 Rabbii Allaahan akkana jedha:

"Ijoollee fincilan,

kanneen karoora karoora koo hin taʼin duukaa buʼan,

kanneen fedhii kootiin alatti walii galtee uuman,

kanneen cubbuu irratti cubbuu dabalaniif wayyoo;

2 kanneen utuu anaan hin mariʼatin Gibxitti gad buʼan,

kanneen gaaddisa Gibxi daʼoof,

eegumsa Faraʼoon immoo

gargaarsaaf abdataniif wayyoo.

3 Eegumsi Faraʼoon garuu qaanii isinitti taʼa;

gaaddisni Gibxis salphina isinitti fida.

4 Isaan yoo Zooʼaan keessatti qondaaltota qabaatan iyyuu,

yoo ergamoonni isaaniis Haanees gaʼan iyyuu,

5 tokkoon tokkoon isaanii sababii uummata isaan hin fayyadne

kanneen qaanii fi salphina malee

gargaarsa yookaan buʼaa hin kennine

sanaatiif ni qaaneffamu."

6 Raajii waaʼee bineensota Negeeb dubbatame:

Ergamoonni qabeenya isaanii harreetti,

meeshaa isaanii gaalatti feʼatanii

biyya leenci kormii fi leenci dhalaan,

bofti summii qabuu fi bofti darbatamu jiraatan,

lafa rakkinaa fi dhiphinaan guute keessa baʼanii

gara biyya homaa hin fayyadnee

7 gara Gibxi kan gargaarsi ishee gonkumaa buʼaa hin qabne sanaa dhaqu.

Kanaafuu ani, "Raʼaab, kan homaa hin fayyadne"

jedhee ishee nan waama.

8 Amma dhaqiitii gabatee irratti barreessiif;

kitaaba maramaa irratti katabiif;

kunis akka baroota dhufuuf jiran keessa

dhuga baʼumsa bara baraa taʼuuf.

9 Jarri kunneen uummata fincilaa, ijoollee sobduu dha;

ijoollee seera Rabbii Allaah dhagaʼuuf fedhii hin qabnee dha.

10 Isaan mulʼata argitootaan,

"Siʼachi mulʼata tokko illee hin arginaa!" jedhu;

nabiiʼiyyootaanis akkana jedhu;

"Isin siʼachi mulʼata qajeelaa taʼe nutti hin himinaa!

Waan nama gammachiisu nutti himaa;

gowwoomsaa nuuf raajaa.

11 Karaa kana gad dhiisaa;

daandii kana irraa jalʼadhaa;

Qulqullicha Israaʼel fuula keenya duraa

dhabamsiisaa!" jedhu.

12 Kanaafuu Qulqullichi Israaʼel akkana jedha:

"Sababii isin ergaa kana diddanii

nama hacuucuu abdattanii

gowwoomsaatti irkattaniif,

13 cubbuun kun, akkuma dallaa ol dheeraa

dhagaan ijaarame kan baqaqee bosose

kan utuu hin beekamin tasa jiguu isinitti taʼa.

14 Dallaan sun akkuma miʼa supheetti,

hamma wanni ittiin cilee bobaʼu

iddoo ibiddaatii fuudhan iyyuu hin hafnetti

yookaan hamma wanni ittiin boolla bishaanii keessaa

bishaan budduuqsan hin hafnetti akka malee caccabee burkutaaʼa."

15 Rabbii Allaahan Gooftaan, Qulqullichi Israaʼel akkana jedha:

"Deebiʼuu fi boqochuudhaan ni fayyitu;

tasgabbaaʼuu fi abdachuudhaan ni jabaattu;

isin garuu kana hin goone.

16 Isinis, ‘Lakki, nu fardeeniin ni baqanna’ jettu.

Kanaafuu isin ni baqattu!

Isin, ‘Nu fardeen ariifatanii fiiganiin ni gulufna’ jettu.

Kanaafuu warri isin gugsan ni saffisu!

17 Doorsisa nama tokkootiin, kumatu baqata;

doorsisa nama shaniitiin immoo,

isin hamma akkuma muka alaabaa fiixee tulluu irra jiruu,

akkuma faajjii gaara irra jiruu taatanii haftanitti

hundi keessan ni baqattu."

18 Taʼus Rabbii Allaahan isiniif arjoomuu barbaada;

isiniif naʼuufis ni kaʼa:

Rabbii Allaah murtii qajeelaa ti.

Warri isa eeggatan hundi eebbifamoo dha.

19 Yaa saba Xiyoon, warri Yerusaalem keessa jiraattan, isin siʼachi hin boossan. Yeroo isin gargaarsa barbaachaaf gara isaatti iyyattanitti inni dhugumaan isiniif arjooma! Akkuma dhagaʼeenis deebii isiniif kenna. 20 Gooftaan buddeena rakkinaatii fi bishaan dhiphinaa siif kennu illee barsiisaan kee siʼachi hin dhokatu; ati ijuma keetiin isa argita. 21 Ati yeroo gara mirgaatti yookaan gara bitaatti gortutti, dugda kee duubaan sagalee, "Karaan kana; isa irra deemi" jedhu tokko gurri kee ni dhagaʼa. 22 Ati ergasii waaqeffatamtoota kee tolfamoo kanneen meetiin irra dibamee fi fakkiiwwan kee kanneen warqeen itti uffifame sana ni xureessita; akkuma huccuu xuraaʼummaas of irraa isaan darbattee, "Asii badaa!" jettaan.

23 Inni sanyii ati lafatti facaafattuuf bokkaa siif kenna; midhaan lafti baaftus kan misee fi kan akka malee baayʼate taʼa. Bara sana keessa loon kee lafa dheedaa balʼaa irratti bobbaʼu. 24 Qotiyyoo fi harreen qotiisaa okaa filatamaa qorbii fi afarsaadhaan qulqulleeffame nyaatu. 25 Guyyaa badiisa guddaatti, yeroo qooxiiwwan eegumsaa jijjiganitti yaaʼawwan bishaanii tulluuwwanii fi gaarran ol dhedheeroo hunda irra yaaʼu. 26 Gaafa Rabbii Allaahan cabaa saba isaa hidhee warra madeesse illee fayyisutti jiʼi akkuma aduu ifa; ifni aduus akkuma ifa guyyaa torbaa dachaa torba ni ifa.

27 Kunoo Maqaan Rabbii Allaah aarii bobaʼuu fi

duumessa gobbuu aaraatiin fagoodhaa dhufaa jira;

afaan isaa dheekkamsaan,

arrabni isaas ibidda gubee balleessuun guutameera.

28 Hafuurri inni baafatu akkuma laga guutee

hamma morma gaʼutti ol kaʼuu ti.

Inni gingilchaa badiisaatiin saboota gingilcha;

inni luugama karaa irraa isaan balleessu

haʼoo sabootaa keessa kaaʼa.

29 Isin akkuma halkan ayyaana qulqulluu ayyaaneffattanitti,

faarfannaa ni faarfattu;

garaan keessan

akkuma yeroo namoonni ulullee afuufaa

gara tulluu Rabbii Allaahatti,

gara Kattaa Israaʼelitti ol baʼan sanaa ni gammada.

30 Rabbii Allaahan akka namoonni sagalee isaa surra qabeessa sana dhagaʼan ni godha;

inni akka isaan irree isaa

kan aarii guddaa fi ibidda gubee balleessuun,

bokkaa hamaadhaan, bakakkaa fi cabbiidhaan dhufaa jiru argan ni godha.

31 Sagaleen Rabbii Allaah Asoorin ni caccabsa;

bokkuu isaatiinis isaan barbadeessa.

32 Adabbiin ulee kan Rabbii Allaahan

isaan irra buusu hundi sagalee dibbeetii fi

sagalee kiraaraa of keessaa qaba;

innis rukuttaa irree isaatiin waraana keessatti isaan lola.

33 Toofet dur qopheeffame;

inni mootichaaf qopheeffame.

Boolli ibiddaa isaa gad fageeffamee balʼifamee hojjetame;

innis ibiddaa fi qoraaniin guutameera;

hafuurri afaan Rabbii Allaahatii baʼus

akkuma dinyii dhangalaʼuu akka inni bobaʼu godha.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-