Publicidade

Isaías 15

Raajii Moʼaabiin Mormu

1 Raajii waaʼee Moʼaab:

Aari isheen Moʼaab keessaa diigamteerti;

halkanuma tokkottis baddeerti!

Qiir isheen Moʼaab keessaa diigamteerti;

halkanuma tokkottis baddeerti!

2 Diiboon gara mana qulqullummaatti,

iddoowwan ol kaʼaatti booʼuuf ol baʼa;

Moʼaabis Neboo fi Meedebaaf ni booʼa.

Mataan hundinuu haadamaa dha;

areedni hundinuus cicciramaa dha.

3 Isaan daandii irratti wayyaa gaddaa uffatu;

bantii manaatii fi waltajjii sabaa irratti

hundi isaanii ni booʼu;

imimmaan isaaniis ni dhangalaasu.

4 Heshboonii fi Eleʼaaleen ni iyyu;

sagaleen isaaniis hamma Yaahaziitti fagaatee dhagaʼame.

Kanaafuu loltoonni Moʼaab ni iyyu;

lubbuun isaaniis ni romʼite.

5 Garaan koo Moʼaabiif iyya;

kooluu galtoonni ishee hamma Zoʼaariitti,

hamma Eglaati Sheelishiyaatti baqatu.

Isaan booʼaa, gara Luuhiititti ol baʼu;

karaa Hooronaayim irrattis,

waaʼee badii isaanii faarsanii booʼu.

6 Bishaanonni Niimriim goganiiru;

margis coollageera;

biqiltuuwwan lafaa badaniiru;

wanni magariisni tokko iyyuu hin hafne.

7 Kanaafuu isaan qabeenya argatanii kuufatan sana

Laga Alaltuu irraan baatanii dabarfatu.

8 Iyyi isaanii hamma daarii Moʼaabitti dhagaʼame;

wawwaachuun isaanii hamma Eglayiimitti

faaruun booʼicha isaaniis hamma Beʼeer Eeliimiinitti dhagaʼame.

9 Bishaanonni Diimon dhiigaan guutamaniiru;

ani immoo waan kana caalu iyyuu Diimonitti nan fida;

warra Moʼaab keessaa baqatan

kanneen biyya sanatti hafanitti leenca nan erga.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-