Publicidade

Isaías 35

Gammachuu Warra Furamanii

1 Gammoojjii fi lafti gogaan ni gammadu;

lafti onaan ni ililcha; ni daraaras.

Akka arfaasee, 2 baayʼinaan daraara;

akka malee gammadees ililcha.

Ulfinni Libaanoon, surraan Qarmeloosii fi

Shaaroon ni kennamaaf;

isaan ulfina Rabbii Allaaha,

surraa Allaah keenyaas ni argu.

3 Harka dadhabe jajjabeessaa;

jilba laafes cimsaa;

4 warra garaan isaanii sodaatuun akkana jedhaa:

"Jabaadhaa; hin sodaatinaa;

Allaahan keessan ni dhufa;

inni haaloo baasuuf dhufa;

gatii malu qabatee

isin oolchuuf ni dhufa."

5 Ergasii iji nama jaamaa ni banama;

gurri nama duudaas ni dhagaʼa.

6 Gaafas namni naafti akkuma gadamsaa utaala;

arrabni hidhamaanis gammachuudhaan faarfata.

Bishaan gammoojjii keessaa,

burqaanis gammoojjii keessaa cabsee baʼa.

7 Lafti nama gubu haroo,

lafti gogaan immoo burqaa bishaanii taʼa.

Boolla duraan waangoonni keessa ciisan irratti marga,

shambaqqoo fi dhallaadduutu biqila.

8 Karaan guddaan tokko achi ni jiraata;

innis, Karaa Qulqullinaa jedhamee waamama;

inni warra Karaa sana irra deemaniif taʼa.

"Xuraaʼonni" isa irra hin deeman;

gowwoonni achiinuu hin baʼan.

9 Leenci achitti hin argamu;

yookaan bineensi hamaan achi irra hin baʼu;

isaan achitti hin argaman.

Garuu warra furaman qofatu achi irra deema;

10 warri Rabbii Allaahan isaan fure ni deebiʼu.

Isaan faarfannaadhaan Xiyoon seenu;

gammachuun bara baraa mataa isaanii irra jiraata.

Isaan gammachuu fi ililleedhaan guutamu;

gaddii fi booʼichi isaan irraa fagaatu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-