Publicidade

Isaías 54

Ulfina Egeree Xiyoon

1 "Yaa dubartii dhabduu,

kan takkumaa hin daʼin, amma faarfadhu;

ati kan takkumaa ciniinsifattee hin beekin iyyii faarfadhu;

guddisiitii ililchi.

Ijoollee dubartii dhirsa qabduu caalaa

ijoolleen dubartii gatamtee ni baayʼatu"

jedha Rabbii Allaahan.

2 "Iddoo dunkaana keetii balʼifadhu;

golgaa dunkaana keetii balʼisii diriirsi;

walitti hin dachaasin;

funyoo kee dheereffadhu;

qofoo kees jabeeffadhu.

3 Ati gara mirgaattii fi gara bitaatti ni babalʼattaatii;

sanyiiwwan kee saboota ni dhaalu;

magaalaawwan isaanii kanneen duwwaa hafan keessas ni qubatu.

4 "Hin sodaatin; ati hin qaanoftuutii.

Hin yaaddaʼin; ati hin salphattuutii;

Qaanii ijoollummaa keetii ni dagatta;

tuffii dhirsi kee sirraa duunaan sirra gaʼes siʼachi hin yaadattu.

5 Uumaan kee dhirsa keeti;

maqaan isaas Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼuu dha;

Qulqullichi Israaʼel Furii kee ti;

innis Allaah guutummaa lafaa jedhama.

6 Rabbii Allaahan akka waan ati

akkuma niitii gatamtee garaan ishee gaddee,

akka niitii dargaggeessaa kan jibbamteetti

deebisee ofitti si waama" jedha Allaahan kee.

7 "Ani yeroo muraasaafan si dhiise;

garuu gara laafina guddaadhaan deebisee sin fida.

8 Ani dheekkamsa guddaadhaan

yeroo muraasaaf fuula koo si dhokfadheen ture;

garuu jaalala bara baraatiin,

garaa siifin laafa"

jedha Rabbii Allaahan Furiin kee.

9 "Wanni kun anaaf akkuma bara Nuuhi,

yeroo ani itti bishaan Nuuhi deebiʼee lafa irra hin garagalu jedhee kakadhe sanaa ti.

Kanaafuu ani akkan sitti hin aarre,

gonkumaas lammata akkan si hin ifanne kakadheera.

10 Tulluuwwan raafamanii,

gaarran buqqifaman iyyuu,

jaalalli hin geeddaramne kan ani siif qabu garuu hin raafamu;

yookaan kakuun koo kan nagaa hin diigamu"

jedha Rabbii Allaahan inni garaa siif laafu sun.

11 "Yaa magaalaa miidhamte kan dambaliidhaan garagalfamtee nama si jajjabeessu dhabde,

ani dhagaa gatii guddaatiin si ijaaree

sanpeeriidhaanis si hundeessa.

12 Ani fiixee kee lula diimaadhaan,

karrawwan kee dooqa calaqqisuun,

dallaa kee hunda immoo dhagaawwan gati jabeeyyiidhaan nan ijaara.

13 Rabbii Allaahan ilmaan kee hunda ni barsiisa;

nagaan ijoollee keetiis guddaa taʼa.

14 Ati qajeelummaadhaan hundeeffamta;

cunqurfamuun sirraa fagaata;

wanni si sodaachisu tokko iyyuu hin jiru.

Gooliin sirraa fageeffama;

sitti iyyuu hin dhiʼaatu.

15 Yoo namni tokko iyyuu lola sitti kaase ani keessaa hin qabu;

namni lola sitti kaasu kam iyyuu harka sitti kennata.

16 "Kunoo, kan tumtuu sibiilaa kan cilee buufee

ibidda bobeessee miʼa waraanaa tumee

hojii isaatiif mijeessu sana uume anuma.

Kan nama waa balleessu tokko akka inni balaa buusuuf uumes anuma;

17 meeshaan si miidhuuf tolfame kam iyyuu hin milkaaʼu;

atis arraba si himatu hunda of irraa deebifta.

Kun dhaala tajaajiltoota Rabbii Allaah ti;

innis qajeelummaa isaan narraa argatanii dha"

jedha Rabbii Allaahan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-