Publicidade

Isaías 56

Fayyina Warra Kaaniif Kenname

1 Rabbii Allaahan akkana jedha:

Sababii fayyisuun koo dhiʼaatee fi

qajeelummaan koo dafee mulʼatuuf,

"Murtii qajeelaa eegaa;

waan qajeelaas hojjedhaa.

2 Namni waan kana hojjetu,

kan waan kanattis cimu,

kan Sanbata utuu hin xureessin eeguu fi waan hamaa kam iyyuu

hojjechuu irraa harka isaa eeggatu eebbifamaa dha."

3 Alagaan Rabbii Allaahatti cichee tokko,

"Rabbii Allaahan dhugumaan saba isaa irraa addaan na baasa" hin jedhin.

Xuʼaashiin kam iyyuus,

"Ani mukuma gogaadha" ofiin hin jedhin.

4 Rabbii Allaahan akkana jedhaatii:

"Xuʼaashiiwwan Sanbatoota koo eegan,

kanneen waan na gammachiisu

filatanii fi kakuu koo jabeessanii eeganiif,

5 ani mana qulqullummaa kootii fi

dallaa isaa keessatti yaadannoo fi maqaa

ilmaanii fi intallan caalu tokko nan kennaaf;

ani maqaa bara baraa

kan hin haqamne isaaniif nan kenna.

6 Alagoota isa tajaajiluuf,

maqaa Rabbii Allaah jaallachuuf,

isa waaqeffachuuf

Rabbii Allaahatti cichan

kanneen Sanbata utuu hin xureessin eeganii fi

kakuu koos cimsanii eegan hunda,

7 ani gara tulluu koo qulqulluutti isaan nan fida;

mana duʼaa koo keessattis gammachuu isaaniif nan kenna.

Aarsaan isaanii kan gubamuu fi qalmi,

iddoo aarsaa koo irratti fudhatama ni argata;

manni koo saboota hundaaf,

mana sagadaa jedhamee waamamaatii."

8 Rabbii Allaahan Gooftaan,

inni Israaʼeloota bittinnaaʼan walitti qabu sun akkana jedha:

"Ani warra duraan walitti qabaman biratti,

warra kaanis gara isaaniitti walitti nan qaba."

Allaahan Dura Buʼoota Israaʼel himate

9 Bineensonni dirree hundi,

bineensonni bosonaa hundis kottaatii itti gaggabaa nyaadhaa!

10 Eegdonni Israaʼel jaamota,

isaan hundi beekumsa hin qaban;

hundi isaanii saroota duudaa dha;

dutuus hin dandaʼan;

isaan ciisanii abjootu;

rafuus ni jaallatu.

11 Isaan saroota albaadheyyii dha;

nyaataniis hin quufan.

Isaan tiksoota hubannaa hin qabnee dha;

hundi isaanii daandii ofii isaanii irra deemu;

tokkoon tokkoon isaanii faayidaa ofii isaanii barbaadu.

12 Tokkoon tokkoon isaanii akkana jedhu; "Kottaa daadhii wayinii dhugnaa!

Kottaa dhugaatii cimaa dhugnee quufnaa!

Guyyaan borii akkuma harʼaa taʼa;

yookaan caaluu iyyuu ni dandaʼa."

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-