Publicidade

Isaías 8

Isaayyaasii fi Ijoollee Isaa

1 Rabbii Allaahan akkana naan jedhe; "Gabatee guddaa tokko fuudhiitii isa irratti, ‘Maheer-Shaalaal-Haash-Baaz’ jedhii qubee beekamaadhaan barreessi." 2 Anis akka isaan dhuga baatota amanamoo taʼaniif Uuriyaa lubichaa fi Zakariyaa ilma Yeberekiyaa nan waammadha. 3 Anis nabiiʼiyyittii bira nan gaʼe; isheenis ulfooftee ilma deesse. Rabbii Allaahan akkana naan jedhe; "Maqaa isaa Maheer-Shaalaal-Haash-Baaz jedhii moggaasi. 4 Utuu mucaan kun ‘Aabboo’ yookaan ‘Aayyoo’ jechuu hin beekin dura qabeenyi Damaasqootii fi boojuun Samaariyaa mootii Asooriin fudhatama."

5 Rabbii Allaahan ammas akkana jedhee natti dubbate:

6 "Sabni kun bishaan Shilooʼaa

kan suuta yaaʼu sana dhiisee

Reziinii fi ilma Remaaliyaatti

gammadeeraatii;

7 kanaafuu Gooftaan,

lolaa guddaa kan laga Efraaxiis jechuunis mootii Asoor

ulfina isaa hunda wajjin saba kanatti fida.

Lolaan sunis guutee boʼoo isaa irra yaaʼee

ededa isaa hunda irra dhangalaʼa.

8 Lolaan sunis hamma morma gaʼutti guutee irra dhangalaʼee

keessa darbuudhaan waan hundumaa haxaaʼee Yihuudaatti geessa.

Yaa Amaanuʼel!

Qoochoon isaa balʼifamee guutummaa biyya keetii ni haguuga."

9 Yaa saboota, burkutaaʼaa!

Isin warri biyya fagoo jirtan hundi dhaggeeffadhaa.

Waraanaaf hidhadhaa; taʼus burkutaaʼaa!

Waraanaaf hidhadhaa; taʼus burkutaaʼaa!

10 Mariʼadhaa; garuu faayidaa hin qabu;

karoorfadhaa; garuu fiixaan hin baʼu;

Allaahan nu wajjin jiraatii.

11 Rabbii Allaahan harka isaa jabaa sanaan natti dubbatee akka ani karaa saba kanaa irra hin deemneef akkana jedhee na akeekkachiiseeraatii:

12 "Isin waan uummanni kun fincila jedhu

hundaan fincila hin jedhinaa;

waan isaan sodaatan hin sodaatinaa;

hin raafaminaa.

13 Kan isin akka qulqulluutti ilaaluu qabdan Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼu tokkicha;

kan isin sodaachuu qabdan isuma;

kan isin hollachuufii qabdanis isuma.

14 Inni iddoo qulqulluu taʼa;

manneen Israaʼel lamaaniif garuu

inni dhagaa nama gufachiisu,

kattaa nama kuffisu taʼa.

Saba Yerusaalemitti garuu

inni kiyyoo fi futtaasaa taʼa.

15 Hedduun isaanii ni gufatu;

isaan kufanii caccabu;

futtaasaa seenanii qabamu."

16 Dhuga baʼumsa kana walitti qabsiisi;

seera kanas barattoota koo gidduutti chaappaadhaan cufi.

17 Rabbii Allaah mana Yaaʼikuub duraa

fuula isaa dhokfate sana nan eeggadha.

Ani isa nan amanadha.

18 Anii fi ijoolleen Rabbii Allaahan naa kenne kunoo ti. Nu Israaʼel keessatti Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼu kan Tulluu Xiyoon irra jiraatu sanaaf mallattoo fi fakkeenya.

Dukkanni Ifatti Jijjiirama

19 Yommuu namni tokko dhaqaatii ilaaltootaa fi eker dubbistoota kanneen hasaasanii fi guunguman waa gaafadhaa isiniin jedhutti sabni tokko Allaah isaa gorsa gaafachuu hin qabuu? Isaan waaʼee jiraattotaa maaliif warra duʼan gaafatu? 20 Akka seeraa fi dhuga baʼumsa sanaatti jiraadhaa! Isaan yoo akka dubbii kanaatti dubbachuu baatan ifa barii hin qaban jechuu dha. 21 Isaan rakkina guddaa fi beelaan biyya keessa jooru; yommuu beelaʼanittis akka malee aaranii, ol ilaalanii mootii isaaniitii fi Allaah isaanii abaaru. 22 Ergasiis gara lafaa ilaalanii rakkina guddaa, dukkanaa fi hurrii sodaachisaa argu; isaanis dukkana hamaatti darbatamu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-