Publicidade

Isaías 9

Mucaan Nuuf Dhalateera

1 Warri rakkina guddaa keessa turan garuu siʼachi gadda keessa hin jiraatan. Inni duraan biyya Zebuuloonii fi biyya Niftaalem gad deebise; gara fuulduraatti garuu Galiilaa Namoota Ormaa kan Yordaanosiin gama, qarqara Daandii Galaanaa irra jiran sana ni kabaja.

2 Sabni dukkana keessa jiraatu ifa guddaa argeera;

warra biyya dukkana limixii keessa jiraataniifis ifni baʼeera.

3 Ati saba baayʼiftee

gammachuu isaanii illee guddifteerta;

isaan akkuma uummanni yeroo

midhaan haamamutti gammadu sana,

akkuma namoonni yeroo boojuu qooddatanitti

gammadan sana fuula kee duratti ni ililchu.

4 Ati akkuma bara Midiyaanin moʼatame sanaa,

waanjoo isaanitti ulfaate

somaa gatiittii isaanii irraa

ulee cunqursaa isaanii illee caccabsiteerta.

5 Kopheen loltuun ittiin duulte hundi,

uffanni dhiiga keessa cuuphame hundi

ibiddaan gubama;

qoraan ibiddaas taʼa.

6 Mucaan nuuf dhalateera;

ilmi nuuf kennameera;

mootummaan gatiittii isaa irra jiraata.

Innis Gorsaa Dinqisiisaa, Allaah Jabaa,

Abbaa Bara baraa, Mootii Nagaa

jedhamee ni waamama.

7 Babalʼinni mootummaa isaatii fi

nagaan isaa dhuma hin qabu.

Innis murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan

hundeessee jabeessee dhaabuudhaan

yeroo sanaa jalqabee bara baraan

teessoo Daawud irra taaʼee mootummaa isaa bulcha.

Hinaaffaan Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼuus

waan kana ni raawwata.

Rabbii Allaahan Israaʼelitti Dheekkame

8 Gooftaan dhaamsa tokko Yaaʼikuubitti ergeera;

kunis Israaʼel irra buʼa.

9 Uummanni hundi,

Efreemii fi jiraattonni Samaariyaa waan kana ni beeku;

isaanis of tuuluu fi garaa of jajuun akkana jedhu;

10 "Xuubiiwwan diigamaniiru;

nu garuu dhagaa soofameen deebisnee ijaarra;

mukkeen harbuu murmuramaniiru;

nu garuu birbirsa iddoo buusna."

11 Kanaafuu Rabbii Allaahan amajaajota Reziin isaanitti jabeesse;

diinota isaanii illee isaanitti kakaase.

12 Warri Sooriyaa gama baʼaatiin, Filisxeemonni immoo gama lixaatiin

afaan banatanii Israaʼelin liqimsan.

Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne;

harki isaas amma iyyuu akkuma ol kaafametti jira.

13 Sabni sun garuu gara isa isaan dhaʼe sanaatti hin deebine

yookaan Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼu hin barbaaddanne.

14 Kanaafuu Rabbii Allaahan Israaʼel irraa mataa fi eegee kuta;

damee meexxiitii fi shambaqqoo guyyuma tokkoon balleessa;

15 maanguddoonnii fi kabajamoonni mataa dha;

nabiiʼiyyoonni soba barsiisan immoo eegee dha.

16 Namoonni saba kana qajeelchan isaan dogoggorsu;

warri isaaniin qajeelfamanis karaa irraa badu.

17 Kanaafuu Gooftaan dargaggootatti hin gammadu

yookaan ijoollee abbaa hin qabnee fi haadhota hiyyeessaatiif hin naʼu;

namni hundinuu kan Allaah hin sodaannee fi hamaadhaatii;

afaan hundinuus hamaa dubbata.

Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne;

harki isaas amma iyyuu akkuma ol kaafametti jira.

18 Hamminni dhugumaan akka ibiddaa bobaʼa;

inni sokorruu fi qoraattii illee gubee balleessa,

bosona gobbuus ni qabata;

akkuma aara ol baʼuuttis ol baʼa.

19 Dheekkamsa Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼuutiin lafti ni gubatti;

namoonnis qoraan ibiddaa taʼu;

namni kam iyyuu obboleessa isaa oolchuu hin dandaʼu.

20 Karaa mirgaatiin ni butatu;

garuu beela hin baʼan;

karaa bitaatiin ni nyaatu;

garuu hin quufan.

Tokkoon tokkoon isaanii foon aantee isaa nyaata;

21 Minaaseen Efreemin nyaata; Efreemis Minaasee nyaata;

isaan tokkummaadhaan Yihuudaatti garagalu.

Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne;

harki isaas amma iyyuu akkuma ol kaafametti jira.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-