Publicidade

Isaías 55

Affeerraa Warra Dheebotaniif Godhame

1 "Isin warri dheebottan hundinuu kottaa;

gara bishaanii kottaa;

isin warri maallaqa hin qabne,

kottaatii bitadhaa; nyaadhaas!

Kottaatii maallaqaa fi gatii malee

daadhii wayiniitii fi aannan bitadhaa.

2 Isin maaliif waan buddeena hin taʼinitti maallaqa baaftu?

Waan nama hin quubsine irrattis maaliif humna keessan fixxu?

Dhagaʼaa; na dhagaʼaa; waan gaarii nyaadhaa;

lubbuun keessanis coomaan haa gammaddu.

3 Gurra naaf kennaatii gara koo kottaa;

akka lubbuun keessan jiraattuufis na dhagaʼaa.

Ani kakuu bara baraa isin wajjin nan gala;

innis jaalala amanamaa isa Daawud abdachiifame sanaa dha;

4 kunoo ani sabootaaf dhuga baatuu isa godheera;

hoogganaa fi ajajaa sabootaas isa taasiseera.

5 Sababii Rabbii Allaahan kee,

Qulqullichi Israaʼel sun, ulfina siif kenneef,

ati dhugumaan saboota hin beekne ni waamta;

saboonni si hin beeknes ariitiidhaan gara kee dhufu."

6 Yeroo inni argamutti Rabbii Allaah barbaaddadhaa;

yeroo inni dhiʼoo jiruttis isa waammadhaa.

7 Namni hamaan karaa isaa,

namni jalʼaan immoo yaada isaa haa dhiisu.

Inni gara Rabbii Allaahatti haa deebiʼu; innis ni araaramaaf;

gara Allaah keenyaatti haa deebiʼu; dhiifamni isaa baayʼeedhaatii.

8 "Yaadni koo yaada keessan,

karaan keessanis karaa koo miti"

jedha Rabbii Allaahan.

9 "Akkuma shamaayʼuniiwwan lafa irraa ol fagaatan sana,

karaan koo karaa keessan irraa,

yaadni koos yaada keessan irraa ol fagoo dha.

10 Akkuma bokkaa fi cabbiin shamaayʼuniidhaa roobu sana,

akka lafti biqila biqilchitee isa facaafatuuf sanyii,

isa nyaatuuf immoo buddeena kennituuf malee

utuu ishee hin quubsin hin deebine sana,

11 dubbiin koo kan afaan kootii baʼus

fedhii koo raawwata;

kaayyoo ani isa ergeefis galmaan gaʼa malee

harka duwwaa gara kootti hin deebiʼu.

12 Isin gammachuudhaan baatu;

nagaadhaan geggeeffamtu;

tulluuwwanii fi gaarran,

fuula keessan duratti ililchanii faarfatu;

mukkeen dirree hundinuus

harka walitti rukutu.

13 Qooda qoraattii birbirsi,

qooda sokorruus kusaayeen ni biqila.

Kunis Rabbii Allaahaf yaadannoo,

mallattoo bara baraa kan hin badne taʼa."

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-