1 Ati gaafas akkana jetta:
"Rabbii Allaah, ati natti aartee turte;
aariin kees narraa deebiʼeera;
na jajjabeessiteertaatii sin galateeffadha.
2 Dhugumaan Allaahan fayyina koo ti;
ani isa nan abdadha; hin sodaadhus.
Rabbii Allaahan, Rabbii Allaahan mataan isaa,
jabinaa fi faarfannaa koo ti; inni fayyina koo taʼeera."
3 Isin burqaa fayyinaa keessaa
gammachuudhaan bishaan waraabbattu.
4 Isin bara sana keessa akkana jettu:
"Rabbii Allaahaf galata galchaa; maqaa isaa waammadhaa;
waan inni hojjete sabootatti beeksisaa;
akka maqaan isaa ol ol jedhe lallabaa.
5 Inni waan ulfina qabu hojjeteeraatii Rabbii Allaah faarfadhaa;
wanni kun addunyaa hunda keessatti haa beekamu.
6 Yaa saba Xiyoon, Qulqullichi Israaʼel isin gidduutti guddaadhaatii
sagalee ol fudhadhaatii gammachuudhaan faarfadhaa."