Publicidade

Isaías 47

Kufaatii Baabilon

1 "Yaa intala Baabilon Durba Qulqullittii,

gad buʼi; awwaara irra taaʼi;

yaa Intala Baabilonotaa,

teessoo malee lafa taaʼi!

Ati siʼachi bareedduu

yookaan kichuu jedhamtee hin waamamtu.

2 Dhagaa daakuu fudhadhuutii midhaan daaki;

haguuggii kee of irraa fuudhi.

Wandaboo kee soqoladhu;

gudeeda kee mulʼisi; laga ceʼi.

3 Qullaan kee ifatti ni baʼa;

qaaniin kees hin dhokatu.

Ani haaloo nan baʼa;

ani nama tokko iyyuu hin dhiisu."

4 Furiin keenya maqaan isaa Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼuu dha;

inni Qulqullicha Israaʼel.

5 "Yaa Intala Baabilonotaa,

calʼisii taaʼiitii dukkana seeni;

ati siʼachi

mootittii mootummootaa jedhamtee hin waamamtu.

6 Ani saba kootti dheekkameera;

handhuuraa koos xureesseera;

ani dabarsee harka keetti isaan kenneera;

atis garaa hin laafneef.

Warra dullooman irra iyyuu

waanjoo ulfaataa keesse.

7 Ati, ‘Ani bara baraan itti fufee

mootittii bara baraa nan taʼa!’ jette.

Ati garuu wantoota kana hin hubanne

yookaan dhumni isaanii maal akka taʼu hin yaadanne.

8 "Ammas yaa ishee qananiituu,

kan nagaan jiraattee

garaa kee keessattis,

‘Anuma; ana malee tokko iyyuu hin jiru;

ani siʼachi haadha hiyyeessaa

yookaan nama dhalee dhabe hin taʼu’ ofiin jettu dhagaʼi.

9 Wantoonni kunneen lamaan,

dhalanii dhabuu fi haadha hiyyeessaa taʼuun

akkuma tasaa guyyuma tokkotti sitti dhufu.

Isaan baayʼina falfala keetiitii fi

tolcha kee cimaa sanaa hunda irraan iyyuu

humna isaanii guutuudhaan sitti dhufu.

10 Ati hammina kee amanattee,

‘Namni tokko iyyuu na hin argu’ jette.

Yeroo ati garaa kee keessatti, ‘Ana;

ana malee namni biraa hin jiru’ jettutti,

ogummaa fi beekumsi kee si dogoggorsu.

11 Wanni hamaan sitti dhufa;

ati immoo eessaa akka inni dhufu hin beektu.

Balaan ati of irraa ittisuu hin dandeenye tokko sitti dhufa;

badiisni ati duraan dursitee hin beekin akkuma tasaa sitti dhufa.

12 "Yoos ati tolcha keetii fi

falfala kee baayʼee ijoollummaa keetii jalqabdee

itti dadhabde sana jabeessii eegi.

Yoo akkas taʼe ati ni milkoofta;

yoo akkas taʼe nama ni sodaachifta taʼa.

13 Gorsi ati argatte hundi dadhabbii qofa sitti fide!

Urjii lakkooftonni kee

warri jiʼa jiʼaan urjii ilaalanii raajan sun,

mee waan sitti dhufu duraa si haa baasan kaa.

14 Dhugumaan isaan akkuma cidii ti;

ibiddi isaan guba.

Isaan mataa isaanii iyyuu,

humna arraba ibiddaa jalaa baasuu hin dandaʼan.

Barbadaan ibiddaa kan namni hoʼifatu tokko iyyuu hin jiru;

ibiddi bira taaʼanis hin argamu.

15 Wanni warri ati wajjin dadhabdee

ijoollummaa keetii jalqabdee wajjin daldalte sun

siif gochuu dandaʼan kanuma.

Tokkoon tokkoon isaanii dogoggora isaanii itti fufan;

kan si baasuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-