1 Rabbii Allaahan akkana jedha:
"Shamaayʼuniin teessoo koo ti;
laftis ejjeta miilla kootii ti.
Manni isin naaf ijaartan meerre?
Lafti boqonnaa kootii eessa?
2 Waan kana hunda harki koo hin hojjennee?
Kanaafuu wantoonni kunneen hundi kanuma koo ti"
jedha Rabbii Allaahan.
"Ani garuu nama gad of qabuu fi
kan garaa isaa keessatti gaabbee
dubbii kootiin hollatuu nan ilaala.
3 Garuu namni korma qalu kam iyyuu
akkuma nama nama ajjeesu tokkoo ti;
namni xobbaallaa hoolaa qalu kam iyyuu
akkuma nama morma saree cabsu tokkoo ti;
namni aarsaa midhaanii dhiʼeessu kam iyyuu
akkuma nama dhiiga booyyee dhiʼeessu tokkoo ti;
namni ixaana yaadannoo aarsu kam iyyuus
akkuma nama waaqeffatamaa tolfamaa waaqeffatu tokkoo ti.
Isaan karaa ofii isaanii filataniiru;
lubbuun isaaniis xuraaʼummaa isaaniitti gammaddi.
4 Kanaafuu ani gidiraa isaaniif nan fila;
waan isaan akka malee sodaatanis isaanitti nan fida.
Yeroo ani waametti namni tokko iyyuu na jalaa hin owwaanne;
yeroo ani dubbadhetti namni tokko iyyuu hin dhaggeeffanneetii.
Isaan fuula koo duratti waan hamaa hojjetanii
waan na hin gammachiifne illee filatan."
5 Warri dubbii isaatiin hollattan
dubbii Rabbii Allaah dhagaʼaa:
"Obboleeyyan keessan warri sababii maqaa kootiif isin jibbanii
isin ariʼan sun akkana jedhan;
‘Akka nu gammachuu keessan argiruuf,
mee Rabbii Allaahan haa ulfaatu!’
Taʼus isaan ni qaanaʼu.
6 Huursaa magaalaa keessaa sana dhagaʼaa;
waca mana qulqullummaa keessaa dhagaʼaa!
Wanni kun sagalee Rabbii Allaah kan yeroo inni
gatii diinota isaa hundaaf malu isaaniif kennuu ti.
7 "Isheen utuu hin ciniinsifatin,
ni deessi;
utuu miixuun daʼumsaa ishee hin qabatin,
ilma deessi.
8 Eenyutu takkumaa waan akkasii dhagaʼe?
Waan takkumaa akkasii eenyutu arge?
Biyyi tokko guyyuma tokkotti dhalachuu dandeessii?
Yookaan sabni yeruma tokkotti biqiluu dandaʼaa?
Xiyoon garuu akkuma ciniinsifatteen,
ijoollee ishee deesse.
9 Ani yeroo daʼumsaatiin nama gaʼee
daʼuu nan dhowwaa?"
jedha Rabbii Allaahan.
"Ani daʼumsaan gaʼee
gadameessa nan cufaa?"
jedha Allaahan kee.
10 "Isin warri ishee jaallattan hundi,
Yerusaalem wajjin gammadaa; isheefis ililchaa;
isin warri isheef boossan hundi,
guddisaatii ishee wajjin gammadaa.
11 Isin harma ishee kan nama
jajjabeessu sana hootanii ni quuftuutii;
ulfina ishee guddaa sana irraas
gammachuudhaan ni dhugdu."
12 Rabbii Allaahan akkana jedhaatii:
"Kunoo ani nagaa akkuma bishaan lagaa,
badhaadhummaa sabootaas akkuma laga yaaʼuu isheef nan dhangalaasa;
isin ni hootu; harka ishee irratti ni baatamtu;
gudeeda ishee irra illee ni taphattu.
13 Akkuma haati daaʼima ishee urursitu sana,
anis isinan urursa;
isinis Yerusaalem keessatti ni ururfamtu."
14 Isin yommuu waan kana argitanitti garaan keessan ni gammada;
lafeen keessan akka margaa ni haaromfama;
harki Rabbii Allaah akka garboota isaa wajjin jirus ni beekama;
dheekkamsi isaa garuu amajaajota isaa irratti ni mulʼifama.
15 Kunoo, Rabbii Allaahan ibiddaan ni dhufa;
gaariiwwan isaas akkuma bubbee hamaa ti;
inni aarii isaa dhaʼichaan,
ifannaa isaa immoo arraba ibiddaatiin gad buusa.
16 Rabbii Allaahan ibiddaa fi goraadee isaatiin
namoota hunda irratti murtii raawwataatii;
namoonni Rabbii Allaahan ajjeefaman ni baayʼatu.
17 "Warri iddoo biqiltuu seenuuf jedhanii, isa warra foon booyyee, foon hantuutaatii fi wantoota jibbisiisoo biraa nyaatan gidduutti argamu duukaa buʼuudhaan addaan of baasanii of qulqulleessan wajjin barbadeeffamu" jedha Rabbii Allaahan.
18 "Ani waanan hojii fi yaada isaanii beekuuf, sabootaa fi afaanota hunda walitti qabuuf jedhee nan dhufa; isaanis dhufanii ulfina koo ni argu.
19 "Ani gidduu isaanii mallattoo nan kaaʼa; hambaawwan keessaa namoota tokko tokko gara sabootaa jechuunis gara Tarshiish, Phuulii fi gara Luud warra xiyyaan lolan, gara Tuubaalii fi Yaawaan akkasumas gara biyyoota bishaan gidduu fagoo jiran kanneen waaʼee koo hin dhagaʼinii yookaan ulfina koo hin arginiitti nan erga. Isaanis saboota gidduutti ulfina koo ni labsu. 20 Isaanis saboota hunda keessaa obboloota keessan hunda akkuma aarsaa Rabbii Allaahaf dhiʼeeffamu tokkootti fardeeniin, gaariiwwaniin, harrootaan, gaangolii fi gaalawwaniin gara tulluu koo qulqulluutti, gara Yerusaalem ni fidu" jedha Rabbii Allaahan. "Isaanis akkuma Israaʼeloonni miʼa akka seeraatti qulqulluu taʼeen aarsaa midhaan isaanii gara mana qulqullummaa Rabbii Allaahatti fidan sanatti jara fidu. 21 Anis isaan keessaa namoota tokko tokko akka isaan lubootaa fi Lewwota taʼaniif nan filadha" jedha Rabbii Allaahan.
22 "Akkuma shamaayʼuniin haaraanii fi lafti haaraan ani uumu itti fufanii fuula koo dura jiraatan sana maqaa fi sanyiin keessan itti fufanii jiraatu" jedha Rabbii Allaahan. 23 "Ayyaana Baatii tokkoo hamma Ayyaana Baatii kaaniitti, Sanbata tokkoo hamma Sanbata kaaniittis sanyiin namaa hundi dhufee fuula koo duratti ni sagada" jedha Rabbii Allaahan. 24 "Isaanis gad baʼanii reeffa warra natti fincilanii ni ilaalu; raammoon isaanii hin duʼu; ibiddi isaaniis hin dhaamu; isaanis sanyii namaa hundaaf jibbisiisoo taʼu."