1 Kun dubbii Ermiyaas ilma Hilqiyaa kan luboota biyya Biniyaam keessa magaalaa Anaatoot jiraatan keessaa tokko taʼe sanaa ti. 2 Dubbiin Rabbii Allaah bara Yosiyaas ilma Aamoon mooticha Yihuudaa keessa waggaa kudha sadaffaatti gara Ermiyaas dhufe; 3 akkasumas bara Yehooyaaqiim ilma Yosiyaas mooticha Yihuudaatii jalqabee hamma dhuma bara Zedeqiyaa ilma Yosiyaas mooticha Yihuudaa waggaa kudha tokkoffaatti waggaa sana keessaas hamma jiʼa shanaffaatti, yeroo sabni Yerusaalem boojiʼametti dubbiin kun gara isaa dhufaa ture.
4 Dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara koo dhufe:
5 "Ani utuu gadameessa keessatti si hin uumin dura si beeke;
utuu ati hin dhalatin dura addaan si baafadhe;
akka ati sabootaaf nabiiʼiyyii taatuufis si muude."
6 Anis, "Wayyoo, yaa Rabbii Allaah Gooftaa ani akkamitti akkan dubbadhu hin beeku; ani mucaa xinnoo dha" nan jedhe.
7 Rabbii Allaahan garuu akkana naan jedhe; "Ati, ‘Ani mucaa xinnoo dha’ hin jedhin. Ati gara nama ani itti si ergu hundaa dhaqxee waan ani si ajaju hunda dubbachuu qabda. 8 Ati jara hin sodaatin; ani si baasuuf si wajjinan jiraatii" jedha Rabbii Allaahan.
9 Ergasiis Rabbii Allaahan harka isaa hiixatee afaan koo tuqee akkana naan jedhe; "Kunoo, ani dubbii koo afaan kee keessa kaaʼeera. 10 Ilaa, ani akka ati buqqiftuu fi diigduuf, akka barbadeessituu fi garagalchituuf, akka ijaartuu fi dhaabduuf harʼa sabootaa fi mootummoota irratti si muudeera."
11 Dubbiin Rabbii Allaah gara koo dhufee, "Ermiyaas, ati maal argaa jirta?" naan jedhe.
Anis deebisee, "Damee muka lawuzii arguuttin jira" jedhe.
12 Rabbii Allaahan immoo, "Ati sirriitti argite; ani akka dubbiin koo fiixaan baʼuuf kutadhee kaʼeeraatii" naan jedhe.
13 Dubbiin Rabbii Allaah amma illee gara koo dhufee, "Ati maal argaa jirta?" naan jedhe.
Anis deebisee, "Xuwwee danfaa jiru kan kaaba irraa as garagalee jiru tokko nan arga" jedhe.
14 Rabbii Allaahan akkana naan jedhe; "Gara kaabaatii balaan warra biyyattii keessa jiraatan hundatti ni buʼa. 15 Kunoo saboota mootummoota kaabaa hunda walitti nan waama" jedha Rabbii Allaahan.
"Mootonni isaanii dhufanii karrawwan Yerusaalem dura
teessoowwan isaanii ni dhaabbatu;
isaan dallaawwan naannoo ishee
hundaa fi magaalaawwan Yihuudaa hunda marsu.
16 Sababii isaan na dhiisanii
waaqeffatamtoota biraaf ixaana aarsuudhaan
waan harki isaanii hojjete waaqeffachuudhaan hammina hojjetaniif
ani saba kootti murtii nan labsa.
17 "Ati garuu mudhii kee hidhadhuu kaʼiitii waan ani si ajaju hunda isaanitti himi. Ati jara hin sodaatin; ati isaan sodaannaan ani fuula isaanii duratti sodaa sittin buusaa. 18 Akka ati guutuu biyyattiitiin jechuunis mootota Yihuudaatiin, qondaaltota isheetiin, lubootaa fi uummata biyyattiitiin mormituuf ani harʼa magaalaa dallaa jabaan marfamte, utubaa sibiilaatii fi dallaa naasii si taasiseera. 19 Isaan si lolu; garuu si hin moʼatan; ani si baasuuf si wajjin jiraatii" jedha Rabbii Allaahan.