Publicidade

Jeremias 16

Guyyaa Badiisaa

1 Ergasii dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara koo dhufe: 2 "Ati iddoo kanatti niitii fuutee ilmaan yookaan intallan hin dhalchin." 3 Rabbii Allaahan waaʼee ilmaanii fi intallan iddoo kanatti dhalatanii, waaʼee dubartoota haadhota isaanii taʼaniitii fi waaʼee dhiirota abbootii isaanii taʼanii akkana jedhaatii: 4 "Isaan dhukkuba nama ajjeesuun dhumu. Isaan akkuma kosii lafatti gatamee taʼu malee booʼicha hin argatan; hin qabbaramanis. Isaan goraadee fi beelaan dhumu. Reeffi isaaniis allaattii shamaayʼuniitii fi bineensota lafaatiif nyaata taʼa."

5 Rabbii Allaahan akkana jedhaatii: "Ati mana booʼichaa hin seenin yookaan dhaqxee hin booʼin yookaan isaan hin jajjabeessin; ani eebba koo, jaalala kootii fi gara laafina koo saba kana irraa fudhadheeraatii" jedha Rabbii Allaahan. 6 "Namni xinnaa fi guddaan biyya kana keessatti ni duʼa. Isaan hin qabbaraman yookaan booʼicha hin argatan; namni tokko iyyuu isaaniif jedhee of hin murmuru yookaan mataa hin haaddatu. 7 Namni tokko iyyuu warra namni irraa duʼe jajjabeessuuf jedhee nyaata hin geessuuf; yookaan namni tokko iyyuu nama abbaan yookaan haati jalaa duute jajjabeessuuf jedhee dhugaatii hin geessu.

8 "Mana cidhi jiru hin seenin; nyaachuu fi dhuguuf jettees isaan wajjin hin taaʼin. 9 Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu, Allaahan Israaʼel akkana jedhaatii: Ani ija keessan durattii fi bara keessan keessa sagalee ililleetii fi gammachuu, sagalee misirrittiitii fi misirrichaa iddoo kanaa nan balleessa.

10 "Yeroo ati waan kana hunda saba kanatti himtee isaan, ‘Rabbii Allaahan maaliif badiisa guddaa akkanaa nurratti labse? Nu maal balleessine? Rabbii Allaah keenyattis cubbuu maalii hojjennee?’ jedhanii si gaafatanitti, 11 akkana isaaniin jedhi; ‘Kun sababii abbootiin keessan na dhiisanii waaqeffatamtoota kaan duukaa buʼanii isaan tajaajilanii fi isaan waaqeffataniif’ jedha Rabbii Allaahan; ‘Isaan na dhiisan; seera koos hin eegne. 12 Isin garuu abbootii keessan iyyuu caalaa hammaattaniirtu. Kunoo tokkoon tokkoon keessan qooda anaaf ajajamuu mata jabina hammina garaa keessanii duukaa buutaniirtuutii. 13 Kanaafuu ani biyya kana keessaa isin baasee, biyya isin yookaan abbootiin keessan hin beeknetti isin nan gata; isinis achitti halkanii guyyaa waaqeffatamtoota biraa tajaajiltu; ani isiniif hin naʼuutii.’

14 "Taʼus" jedha Rabbii Allaahan, "Barri itti namoonni siʼachi, ‘Dhugaa Rabbii Allaah jiraataa, isa biyya Gibxii Israaʼeloota baase sanaa’ jedhanii hin kakanne ni dhufa, 15 isaan garuu, ‘Dhugaa Rabbii Allaah jiraataa isa biyya kaabaatii fi biyyoota itti isaan bittinneesse hunda keessaa baasee fide sanaa’ ni jedhu. Ani biyya abbootii isaaniitiif kenne sanatti isaan nan deebisaatii.

16 "Amma immoo ani akka isaan qurxummii qabdoota hedduu fidaniif namoota nan erga" jedha Rabbii Allaahan; "Isaanis jara ni qabu. Ergasii ani akka isaan adamsitoota hedduu fidaniif namoota nan erga; isaanis tulluu hundaa fi gaara hunda irra, baqaqaa kattaa hunda keessas jara ni adamsu. 17 Iji koo karaa isaanii hunda irra jira; isaanis na duraa hin dhokatan; cubbuun isaaniis ija koo duraa hin dhokfamu. 18 Sababii isaan fakkiiwwan isaanii lubbuu dhabeeyyii faayidaa hin qabne sanaan biyya koo xureessanii, waaqeffatamtoota isaanii jibbisiisoo sanaanis handhuuraa koo guutaniif ani gatii hamminaa fi lubbuu isaaniitiif malu harka lama nan baasaaf."

19 Rabbii Allaah, jabina kootii fi daʼannoo ko,

daʼoo koo kan yeroo rakkinaa,

ormoonni handaara lafaatii

gara kee dhufanii akkana jedhu,

"Abbootiin keenya waaqeffatamtoota sobaa, waaqeffatamtoota tolfamoo faayidaa hin qabne

kanneen waan gaarii tokko illee isaaniif hin goone sana malee homaa hin dhaalle.

20 Namoonni ofii isaaniitiif waaqeffatamtoota ni tolfatuu?

Eeyyee, garuu isaan waaqeffatamtoota miti!"

21 "Kanaafuu ani isaan nan barsiisa;

yeroo kanatti ani humna koo fi

jabina koo isaan nan barsiisa.

Yoos isaan

akka maqaan koo Rabbii Allaah taʼe ni beeku.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_10-32-54-