Publicidade

Jeremias 12

Gungummii Ermiyaas

1 Rabbii Allaah yommuu ani iyyata koo fuula kee duratti dhiʼeeffadhutti

ati yeroo hunda qajeelaa dha.

Taʼu iyyuu ani waaʼee qajeelummaa keetii nan dubbadha;

karaan jalʼootaa maaliif milkaaʼa?

Warri hin amanamne hundi maaliif nagaan jiraatu?

2 Ati isaan dhaabde; isaanis hidda gad fageeffataniiru;

ni guddatu; ijas ni naqatu.

Ati yeroo hunda afaan isaaniitii hin buutu;

garaa isaanii irraa garuu fagoo jirta.

3 Taʼus yaa Rabbii Allaah ati na beekta;

na ilaaltees yaada ani siif qabu ni qorta.

Akka hoolaa qalamuuf deemuutti harkisii isaan geessi!

Guyyaa qalmaatiifis kophaatti isaan baasi!

4 Biyyattiin hamma yoomiitti boossee

margi dirree hundis goga?

Sababii hammina warra biyyattii

keessa jiraataniitii fi sababii namoonni,

"Inni waan nurra gaʼaa jiru hin argu" jedhaniif

horii fi simbirroonni dhumaniiru.

Deebii Allaaha

5 "Ati namoota lafoo wajjin fiigdee erga

isaan si dadhabsiisanii,

fardeen wajjin akkamitti dorgomuu dandeessa ree?

Ati biyya nagaa keessatti erga gufatte,

bosona Yordaanos keessatti akkam taata ree?

6 Obboloonni kee, maatiin abbaa keetii,

isaan iyyuu si gananiiru;

isaan sagalee ol fudhatanii sitti iyyu.

Yoo isaan afaan nagaa sitti dubbatan iyyuu,

ati isaan hin amanin.

7 "Ani mana koo dhiiseera;

handhuuraa koos gateera;

ani ishee garaan koo jaallatu sana

harka diinota isheetti dabarsee kenneera.

8 Handhuuraan koo

akkuma leenca bosonaa natti taateerti.

Isheen natti aadde;

kanaafuu ani ishee jibbeera.

9 Handhuuraan koo akka allaattii burree

kan allaattiiwwan biraa marsanii miidhan

tokkoo natti hin taanee?

Dhaqaatii bineensota bosonaa hunda walitti qabaa;

akka ishee nyaataniifis isaan fidaa.

10 Tiksoonni hedduun

iddoo dhaabaa wayinii kootii ni balleessu;

qooda koos ni dhidhiitu;

qooda natti tolus ni onsu.

11 Isaan isa onsu;

inni onee gara kootti iyya;

namni dhimma isaa qabus

waan hin jirreef lafti guutuun onee hafa.

12 Lafa ol kaʼaa qullaa gammoojjii

keessaa hunda irra balleessitoonni ni raamʼisu;

goraadeen Rabbii Allaah moggaa biyyattii tokko irraa

hamma moggaa kaaniitti ni fixaatii;

namni tokko iyyuu hin hafu.

13 Isaan qamadii facaasu garuu qoraatii haammatu;

ni dhamaʼu garuu homaa hin argatan.

Sababii dheekkamsa Rabbii Allaah isa cimaa sanaatiif

midhaan galfatanitti ni qaanaʼu."

14 Rabbii Allaahan akkana jedha; "Ani olloota koo hamoo kanneen handhuuraa ani saba koo Israaʼeliif kenne qabatan hunda biyya isaanii keessaa nan buqqisa; mana Yihuudaas isaan gidduudhaa nan buqqisa. 15 Ani ergan isaan buqqisee booddee deebiʼee naʼeefii tokkoo tokkoo isaanii gara handhuuraa isaaniitii fi gara biyya ofii isaaniitti nan deebisa. 16 Yoo isaan haala jireenya saba koo akka gaarii baratanii akkuma duraan saba koo Baʼaaliin kakachuu barsiisan sana, ‘Dhugaa Rabbii Allaah jiraataa’ jechuudhaan maqaa kootiin kakatan, isaan saba koo gidduutti ni hundeeffamu. 17 Garuu yoo sabni kam iyyuu naa ajajamuu dide, ani guutumaan guutuutti isa nan buqqisa; nan balleessas" jedha Rabbii Allaahan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-