Publicidade

Jeremias 51

1 Rabbii Allaahan akkana jedha:

"Kunoo ani Baabilonii fi saba ishee keessa jiraatutti

bubbee waa balleessu nan kaasa.

2 Ani akka isaan gingilchanii ishee balleessaniif

ormoota Baabilonitti nan erga;

isaan gaafa badiisa ishee,

karaa hundaanuu isheen mormu.

3 Abbaan xiyyaa iddaa isaa hin aggaamin,

yookaan miʼa lolaa hin hidhatin.

Dargaggoota ishee hin baasinaa;

loltoota ishee illee guutumaan guutuutti barbadeessaa.

4 Isaan qalamanii Baabilon keessa ni harcaafamu;

daandiiwwan ishee irrattis ni madaaʼu.

5 Yoo biyyi isaanii fuula Qulqullicha Israaʼel duratti

yakkaan guutamtee jiraatte iyyuu

Allaahan isaanii, Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu

Israaʼelii fi Yihuudaa hin ganne.

6 "Baabilon keessaa baqadhaa!

Lubbuu keessan oolfadhaa!

Isin sababii cubbuu isheetiif hin dhuminaa.

Yeroon kun yeroo haaloo baʼuu Allaaha ti;

innis gatii isheef malu ni kennaaf.

7 Baabilon harka Rabbii Allaah keessatti xoofoo warqee turte;

isheen guutummaa lafaa ni macheessite.

Saboonni daadhii wayinii ishee dhugan;

kanaafuu amma maraataniiru.

8 Baabilon akkuma tasaa

kuftee caccabdi; isheef booʼaa!

Qoricha isheen madaa dibattu fidaafii;

tarii isheen ni fayyiti taʼaatii.

9 " ‘Nu Baabilonin fayyisu yaalleerra;

isheen garuu fayyuu hin dandeessu;

kottaa tokkoon tokkoon keenya ishee dhiifnee

gara biyya ofii keenyaatti haa qajeellu;

murtiin ishee hamma shamaayʼuniitti ol baʼee,

hamma duumessaatti ol fagaateeraatii.’

10 " ‘Rabbii Allaahan qajeelummaa keenya dhugaa nuu baʼeera;

kottaa, waan Rabbii Allaahan keenya hojjete

Xiyoon keessatti haa odeessinu.’

11 "Xiyya qaradhaa;

gaachana illee fudhadhaa!

Sababii kaayyoon isaa Baabilonin balleessuu taʼeef

Rabbii Allaahan mootota Meedee kakaaseera.

Rabbii Allaahan haaloo ni baʼa;

mana qulqullummaa isaatii haaloo ni baʼa.

12 Dallaa Baabilonitti faajjii kaasaa!

Eegumsa jajjabeessaa;

eegduu dhaabaa;

warra riphee eeggatu qopheessaa!

Rabbii Allaahan kaayyoo isaa

waan saba Baabilonitti mure sana fiixaan baafata.

13 Ati kan bishaan baayʼee qabdu,

kan qabeenyaanis badhaate,

dhumni kee dhufeera;

yeroon ati itti baddu gaʼeera.

14 Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu ofiin kakateera:

Ani dhugumaan namoota akkuma hoomaa hawwaannisaa sitti gad dhiisa;

isaanis moʼannaadhaan sitti dhaadatu.

15 "Inni humna isaatiin lafa uume;

ogummaa isaatiin addunyaa hundeesse;

hubannaa isaatiinis shamaayʼuniiwwan diriirse.

16 Yommuu inni qaqawweessaʼutti bishaanonni shamaayʼun ni huursu;

inni akka duumessoonni daarii lafaatii ol kaʼan ni godha.

Bokkaa wajjin balaqqee ni erga;

mankuusaalee isaa keessaa immoo bubbee ni fida.

17 "Tokkoon tokkoon namaa gowwaa fi kan beekumsa hin qabnee dha;

tokkoon tokkoon tumtuu warqee waaqeffatamtoota tolfamoo isaatiin qaaneffama.

Fakkiiwwan inni tolchu kan sobaa ti;

isaan hafuura baafatan of keessaa hin qaban.

18 Isaan faayidaa hin qaban; meeshaa qoosaa ti;

yeroo adabbiin isaanii gaʼutti ni badu.

19 Inni qooda Yaaʼikuub taʼe sun garuu akka warra kanaa miti;

inni uumaa waan hundumaa ti;

Israaʼel immoo gosa dhaala isaa ti;

maqaan isaas Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼuu dha.

20 "Ati bokkuu koo kan duulaa

miʼa lolaa kootii ti;

ani siin saboota nan caccabsa;

siin mootummoota nan barbadeessa;

21 Ani siin fardaa fi yaabbataa fardaa nan caccabsa;

siin gaarii fi ooftuu isaa nan caccabsa;

22 ani siin dhiiraa dubartoota nan caccabsa;

siin jaarsaa dargaggeessa nan caccabsa;

siin gaʼeessaa fi shamarree nan caccabsa;

23 ani siin tiksee fi bushaayee nan caccabsa;

siin qottuu fi qotiyyoo nan caccabsa;

siin bulchitootaa fi qondaaltota nan caccabsa.

24 "Ani utuma iji keessan arguu waan isaan Xiyoon godhan hundaaf Baabilonii fi warra Baabilon keessa jiraatan hundaaf gatii isaanii nan kenna" jedha Rabbii Allaahan.

25 "Yaa tulluu barbadeessaa,

ati kan lafa hunda balleessitu ani sitti kaʼeera;

ani harka koo sitti nan kaafadha;

ededa irraa gad gangalchee

tulluu gubamaa sin godha"

jedha Rabbii Allaahan.

26 "Waan ati bara baraan ontuuf,

kattaan dhagaa golee taʼu,

yookaan dhagaan hundeef taʼu tokko iyyuu si keessaa hin fudhatamu"

jedha Rabbii Allaahan.

27 "Biyyattii keessatti faajjii ol qabaa!

Saboota gidduuttis malakata afuufaa!

Saboota waraanaaf isheetti qopheessaa;

mootummoota Araaraat,

kan Miiniitii fi Ashkenas isheetti waamaa.

Ajajaa waraanaa isheetti shuumaa;

fardeen akka hoomaa hawwaannisaa itti ergaa.

28 Ishee waraanuudhaaf saboota jechuunis,

mootota Meedee

bulchitoota isaaniitii fi qondaaltota isaanii hunda,

biyyoota isaan bulchan hundas qopheessaa.

29 Sababii wanni Rabbii Allaahan

akka namni tokko iyyuu achi hin jiraanneef

biyya Baabilon onsuuf Baabilonitti karoorfate sun

jabaatee dhaabatuuf biyyattiin ni raafamti; ni dhidhiitattis.

30 Gootonni Baabilon lola dhiisaniiru;

isaan daʼannoo isaanii keessatti hafaniiru.

Jabinni isaanii dhumeera;

isaan akkuma dubartootaa taʼaniiru.

Iddoo jireenya isheetti ibiddi qabsiifameera;

danqaraawwan balbala ishees caccabaniiru.

31 Akka magaalaan isaa moggaa hamma moggaatti qabamte

mootii Baabilonitti himuuf,

fiigduun tokko isa kaan qaqqabuuf,

malaʼikkaan tokkos malaʼikkaa kaan qaqqabuuf fiiga;

32 kunis akka malkaan qabame,

akka daʼannoowwan ishee gubamanii fi

akka loltoonni ishee naʼan himuudhaaf."

33 Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu, Allaahan Israaʼel akkana jedha:

"Intalli Baabilon akkuma oobdii ti;

yeroo sanatti isheen ni dhidhiitamti;

yeroon isheen itti haamamtus dafee ni dhufa."

34 "Nebukadnezar mootiin Baabilon na nyaateera;

inni barbadeesseera;

akkuma okkotee duwwaa na godhe.

Inni akkuma jawwee na liqimse;

qabeenya koo filatamaadhaanis garaa guuttate;

ergasii immoo na tufe."

35 Jiraattonni Xiyoon,

"Dabni foon keenyatti hojjetame Baabilonitti illee haa dhufu" jedhan.

Yerusaalemis, "Dhiigni keenya

warra Baabilon keessa jiraatan haaloo haa baʼu" jetti.

36 Kanaafuu Rabbii Allaahan akkana jedha:

"Kunoo, ani dubbii kee siif falmee

haaloo siifin baʼa;

ani galaana ishee nan gogsa;

burqaa ishee illee nan kuta.

37 Baabilon tuullaa diigame,

iddoo waangoonni keessa burraaqan,

waan naasuutii fi qoosaa,

lafa namni tokko iyyuu irra hin jiraanne ni taati.

38 Sabni ishee hundi akka saafela leencaa ni aada;

isaanis akka ilmaan leencaa gururiʼu.

39 Yommuu dhagni isaanii hoʼutti,

ani akka isaan kolfaa gammadanii

bara baraan rafanii hin dammaqneef

cidha isaaniif qopheessee

akka isaan machaaʼan nan godha"

jedha Rabbii Allaahan.

40 "Ani akka ilmoolee hoolaa,

akkuma korbeeyyii hoolaatii fi

reʼee gara qalmaatti gad isaan buusa.

41 "Sheeshaak akkamitti boojiʼamti!

Boonuun lafa hundaas akkamitti qabame!

Baabilon saba gidduutti

akkam waan sodaa taati!

42 Baabilon irra galaanni garagala;

dambaliin galaanaas ishee haguuga.

43 Magaalaawwan ishee onanii

biyya gogaa fi gammoojjii,

biyya namni tokko iyyuu keessa hin jiraanne,

kan namni keessa hin dabarre ni taʼu.

44 Ani Baabilon keessatti Beelin nan adaba;

waan inni liqimse illee nan tufsiisa.

Saboonni lammata gara isaatti hin yaaʼan;

dallaan Baabilonis ni jiga.

45 "Yaa saba ko, ishee keessaa baʼaa!

Lubbuu keessan oolfachuuf fiigaa!

Dheekkamsa Rabbii Allaah sodaachisaa sana jalaa baqadhaa.

46 Yeroo oduun biyya keessatti dhagaʼamutti

garaan keessan hin raafamin yookaan hin sodaatin;

akka gooliin biyya keessa jiru,

akka bulchaan tokko bulchaa kaanitti kaʼu,

oduun tokko barana, kaan immoo bara dhufu dhagaʼama.

47 Yeroon ani itti waaqeffatamtoota Baabilon tolfamoo adabu

dhugumaan ni dhufaatii;

biyyi ishee guutumaan guutuutti ni salphatti;

qalamtoonni ishee hundis ishee keessatti kukkufu.

48 Ergasii shamaayʼunii fi lafti, wanni isaan keessa jiru hundis,

gammadanii Baabilonitti ililchu;

barbadeessitoonni kaabaa baʼanii

ishee waraanuutii"

jedha Rabbii Allaahan.

49 "Akkuma qalamtoonni lafa irraa hundi

sababii Baabiloniif harcaʼan sana

Baabilonis sababii qalamtoota Israaʼeliif harcaʼuu qabdi.

50 Isin warri goraadee jalaa miliqxan,

deemaa; lafa irra hin harkifatinaa!

Biyya fagootti illee Rabbii Allaah yaadadhaa;

waaʼee Yerusaalemis yaadaa."

51 "Sababii ormoonni iddoo qulqullaaʼaa

mana Rabbii Allaahatti qalaniif,

nu salphifamneerra;

waan arrabsamneefis

qaaniidhaan fuula keenya haguugganne."

52 "Garuu barri ani itti,

waaqeffatamtoota ishee tolfamoo adabuu fi

yeroon guutummaa lafa ishee irratti

warri madaaʼan aadan dhufaa jira" jedha Rabbii Allaahan.

53 "Yoo Baabilon shamaayʼuniitti ol baatee

daʼannoo ishee ol dheeraa jabeeffatte iyyuu,

ani warra ishee barbadeessan itti nan erga"

jedha Rabbii Allaahan.

54 "Baabilonii iyyi,

lafa Baabilonotaatii immoo

sagaleen badiisa guddaa ni dhagaʼama.

55 Rabbii Allaahanis Baabilonin ni barbadeessa;

inni waca ishee ni calʼisiisa,

dambaliin isaaniis akkuma bishaan guddaa ni huursa;

sagaleen huursaa isaaniis ni dhagaʼama.

56 Barbadeessaan tokko Baabilonitti ni dhufa;

gootonni ishee ni qabamu;

futtaaftuun isaaniis ni caccaba;

Rabbii Allaahan, Allaah haaloo baʼuudhaatii;

inni guutumaan guutuutti gatii ishee ni deebisaaf.

57 Ani qondaaltotaa fi ogeeyyii ishee,

akkasumas bulchitoota, ajajjoota waraanaatii fi gootota ishee nan macheessa;

isaanis bara baraan ni rafu; hin dammaqanis,"

jedha mootichi maqaan isaa Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu, jedhamu sun.

58 Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha;

"Dallaan Baabilon yabbuun sun ni jiga;

karrawwan ishee dhedheeroon ibiddaan gubamu;

namoonni akkasumaan of dadhabsiisu;

dadhabbiin sabootaa qoraan ibiddaa qofa taʼa."

59 Yeroo Seraayaan ilmi Neeriyaa, ilmi Mahiseyaa bara Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa afuraffaatti mooticha wajjin gara Baabilon deemetti ajajni Ermiyaas Nabiiʼiyyichi isaaf kenne kanaa dha. 60 Ermiyaas badiisa Baabilonitti dhufu hunda, jechuunis waaʼee Baabilon kan barreeffame hunda kitaaba maramaa irratti barreessee ture. 61 Innis Seraayaadhaan akkana jedhe; "Yommuu Baabilon geessutti dubbii kana hunda sagalee ol fudhattee dubbisuu hin dagatin. 62 Akkanas jedhi: ‘Rabbii Allaah, akka namni yookaan horiin ishee keessa hin jiraanneef ati akka iddoo kana barbadeessitu dubbatteerta; isheenis bara baraan ni onti.’ 63 Yeroo kitaaba maramaa kana dubbiftee fixxutti dhagaa itti hidhiitii Laga Efraaxiisitti darbadhu. 64 Akkanas jedhi; ‘Sababii badiisa ani isheetti fiduutiin akka lammata hin kaaneef Baabilon akkasitti ni liqimfamti. Uummanni ishees ni harcaʼa.’ "

Dubbiin Ermiyaas as irratti raawwatama.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-