1 "Namni tokko yoo niitii isaa hiikee
isheenis isa dhiiftee nama biraatti heerumte,
inni lammata isheetti deebiʼaa?
Biyyattiinis guutumaan guutuutti hin xurooftuu?
Ati garuu akka sagaagaltuutti sanyoowwan hedduu wajjin jiraatteerta;
taʼus amma gara kootti deebiʼi?"
jedha Rabbii Allaahan.
2 "Mee ol milʼadhuutii gaara duwwaa ilaali.
Iddoon ati itti hin sagaagalin tokko iyyuu jiraa?
Ati akkuma godaantuu gammoojjii keessaa tokkootti
warra si jaallatan eeggachuuf qarqara karaa teesse;
sagaagaltummaa fi hammina keetiin
biyyattii xureessiteerta.
3 Kanaafuu tiifuun ni ittifame;
birraa keessa illee bokkaan hin roobne.
Ati garuu nyaara sagaagaltuu qabda;
qaanaʼuus ni didde.
4 Ati amma iyyuu akkana jettee na hin waamnee?
‘Abbaa koo, ijoollummaa kootii jalqabdee michuu koo,
5 ati yeroo hunda ni aartaa?
Dheekkamsi kee baruma baraan itti fufaa?’
Ati akkasitti dubbatta;
garuu waan hamaa dandeessu hunda ni hojjetta."
6 Rabbii Allaahan bara Yosiyaas Mootichaa keessa akkana naan jedhe; "Ati waan Israaʼel isheen amanamummaa hin qabne sun hojjette argitee? Isheen dhaqxee tulluu ol dheeraa hunda irrattii fi muka lalisaa hunda jalatti sagaagalte. 7 Ani waan isheen erga wantoota kanneen hunda hojjettee booddee gara kootti deebitu seʼeen ture; isheen garuu hin deebine. Obboleettiin ishee Yihuudaan hin amanamne sunis waan kana argite. 8 Ani sababii ejjummaa ishee hundaatiif waraqaa ragaa hiikkaa kenneefiin Israaʼel amanamummaa hin qabne sana of irraa ariʼe; taʼu illee ani akka obboleettiin ishee Yihuudaan amanamummaa hin qabne sun hin sodaanne nan arge; isheenis dhaqxe ejjite. 9 Israaʼel sababii sagaagalummaa ofii akka waan salphaa tokkootti ilaalteef dhagaa fi muka wajjin ejjuudhaan biyya xureessite. 10 Isheen waan kana hunda hojjettu iyyuu obboleettiin ishee Yihuudaan hin amanamne sun fakkeessuuf malee garaa guutuudhaan gara kootti hin deebine" jedha Rabbii Allaahan.
11 Rabbii Allaahan akkana naan jedhe; "Yihuudaa hin amanamne irra Israaʼel amantii hin qabnetu qajeeltuu dha. 12 Dhaqiitii ergaa kana kaabatti labsi:
" ‘Yaa Israaʼel amantii dhabeettii, deebiʼi’ jedha Rabbii Allaahan;
‘Ani siʼachi ija aariitiin si hin ilaalu;
ani araara qabeessaatii’ jedha Rabbii Allaahan.
‘Ani bara baraan hin dheekkamu.
13 Ati akka Rabbii Allaah keetti fincilte,
akka mukkeen lalisoo hunda jalatti
jaalala kee waaqeffatamtoota ormaatiif kennitee naa ajajamuu didde,
balleessaa kee sana qofa himadhu’ "
jedha Rabbii Allaahan.
14 "Yaa saba amantii hin qabne, deebiʼaa" jedha Rabbii Allaahan; "Ani dhirsa keessaniitii. Ani magaalaa tokko irraa nama tokko, balbala tokko irraa nama lama filadhee Xiyoonitti isin nan fida. 15 Ergasii ani tiksoota akka garaa kootii taʼan, kanneen beekumsaa fi hubannaadhaan isin qajeelchan isinii nan kenna. 16 Bara sana keessa, yeroo baayʼinni keessan biyyattii keessatti akka malee guddatutti," jedha Rabbii Allaahan, "Namoonni siʼachi, ‘Taabota kakuu Rabbii Allaah’ hin jedhan." Wanni kun gonkumaa sammuu isaanii keessa hin seenu, yookaan hin yaadatamu; kan isa barbaadu hin jiru, yookaan kan biraa hin tolfamu. 17 Isaan yeroo sanatti Yerusaalemiin Teessoo Rabbii Allaah jedhanii waamu; saboonni hundinuus maqaa Rabbii Allaah ulfeessuuf Yerusaalemitti walitti ni qabamu. Isaan siʼachi mata jabina hammina garaa isaanii duukaa hin buʼan. 18 Bara sana keessa manni Yihuudaa mana Israaʼelitti ni makama; isaanis tokkummaadhaan biyya kaabaatii gara biyya ani akka dhaalaatti abbootii keessaniif kenne sanaa ni dhufu.
19 "Ani mataan koo akkana nan jedhe;
" ‘Ani silaa hamman akkuma ilmaan kootti
si fudhadhee biyya namatti toltu,
dhaala akka malee miidhagu kan saba kamii iyyuu siif nan kenna ture.’
Ani waan ati, ‘Abbaa ko’ jettee na waamtuuf,
waan ati na duukaa buʼuu hin dhiifne seʼee ture.
20 Yaa mana Israaʼel,
ati garuu akkuma niitii dhirsa isheetiif hin amanamne tokkoo,
anaaf hin amanamne turte"
jedha Rabbii Allaahan.
21 Isaan karaa isaanii jalʼisanii
Rabbii Allaah isaanii waan irraanfataniif
gaara duwwaa irratti iyyi,
booʼichii fi waammannaan saba Israaʼel ni dhagaʼama.
22 "Yaa saba amantii hin qabne deebiʼaa;
ani duubatti deebiʼuu keessan nan fayyisaatii."
"Kunoo, nu gara kee ni dhufna;
Ati Rabbii Allaah keenyaatii.
23 Dhugumaan wacni gaarranii fi
tulluuwwan irraa gowwoomsaa dha;
dhugumaan fayyinni Israaʼel
harka Rabbii Allaah keenyaa jira.
24 Ijoollummaa keenyaa jalqabnee waaqeffatamtoonni nama qaanessan,
buʼaa dadhabbii abbootii keenyaa
jechuunis bushaayee fi loon isaanii,
ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii fixaniiru.
25 Nu qaanii keenyaan haa ciifnuu;
salphinni keenyas nu haa haguugu.
Nus abbootiin keenyas Rabbii Allaah keenyatti
cubbuu hojjenneerra;
nu ijoollummaa keenyaa jalqabnee hamma ammaatti
Rabbii Allaah keenyaaf hin ajajamne."