1 Rabbii Allaahan akkana naan jedhe: "Dhaqiitii sabbata quncee talbaa irraa hojjetame bitadhuu mudhii keetti hidhadhu; garuu bishaan hin tuqsiisin." 2 Kanaafuu ani akkuma Rabbii Allaahan na ajajetti sabbata bitadhee mudhii kootti nan hidhadhe.
3 Ergasii dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee yeroo lammaffaa gara koo dhufe: 4 "Sabbata bitattee mudhiitti hidhatte sana fuudhiitii gara Laga Efraaxiis dhaqi; sabbata sanas baqaqaa kattaa keessa dhoksi." 5 Kanaafuu ani akkuma Rabbii Allaahan na ajajetti dhaqee sabbata sana Laga Efraaxiis bira nan dhokse.
6 Bultii hedduu booddee Rabbii Allaahan, "Amma gara Efraaxiis dhaqiitii sabbata ani akka ati achitti dhoksitu si ajaje sana fudhadhu" naan jedhe. 7 Kanaafuu ani gara Efraaxiis dhaqee sabbata sana iddoon itti dhoksee ture sanaa qotee baasee nan fudhadhe; sabbanni sun garuu yeroo sanatti ciccitee guutumaan guutuutti horoomaa baʼee ture.
8 Ergasii dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara koo dhufe; 9 "Rabbii Allaahan akkana jedha; ‘Ani haaluma wal fakkaatuun of tuulummaa Yihuudaatii fi of tuulummaa Yerusaalem guddaa sana nan balleessa. 10 Sabni hamaan dubbii koo dhagaʼuu didee mata jabina garaa isaa duukaa buʼee waaqeffatamtoota biraa tajaajiluu fi waaqeffachuuf isaan faana buʼe kun akkuma sabbata kanaa ni taʼa; guutumaan guutuuttis horoomaa baʼa. 11 Akkuma sabbanni tokko mudhii namaatti hidhamu sana anis akka isaan saba, maqaa, galataa fi ulfina naa taʼaniif guutummaa mana Israaʼelii fi guutummaa mana Yihuudaa ofitti maxxanseen ture. Isaan garuu na hin dhaggeeffanne’ jedha Rabbii Allaahan.
12 "Ati akkana isaaniin jedhi: ‘Rabbii Allaahan Israaʼel akkana jedha: qalqalloon daadhii wayinii hundi daadhii wayiniitiin guutamuu qaba.’ Yoo isaan, ‘Nu akka qalqalloon daadhii wayinii hundi daadhii wayiniitiin guutamuu qabu hin beeknuu?’ siin jedhan, 13 ati akkana jedhiin; ‘Rabbii Allaahan akkana jedha: Ani namoota biyya kana keessa jiraatan hunda, mootota teessoo Daawud irra taaʼan, luboota, nabiiʼiyyootaa fi warra Yerusaalem keessa jiraatan hunda machiidhaan nan guuta. 14 Ani tokkoo tokkoo isaanii walittin buusa; abbootii fi ilmaanis akkasuma walitti nan buusa, jedha Rabbii Allaahan. Ani isaan nan balleessa malee isaaniif hin naʼu yookaan isaaniif hin araaramu yookaan garaa hin laafuuf.’ "
15 Dhagaʼaa; qalbeeffadhaas;
of hin tuulinaa;
Rabbii Allaahan dubbateeraatii.
16 Utuu inni dukkana hin fidin,
utuu miilli keessan
tulluu dukkanaaʼaa jiru irratti hin gufatin
Rabbii Allaah keessaniif ulfina kennaa.
Isin ifa abdattu; inni garuu ifa sana
dimimmisatti deebisee
dukkana duudaatti geeddara.
17 Yoo isin dhagaʼuu baattan garuu,
sababii of tuulummaa keessaniitiif
lubbuun koo dhoksaatti ni boossi;
sababii bushaayeen Rabbii Allaah boojuun fuudhamaniif
iji koo akka malee boossee
imimmaan ishee keessaa ni rooba.
18 Mootichaa fi haadha mootichaatiin,
"Teessoo keessan irraa buʼaa;
gonfoon keessan ulfina qabeessi sun
mataa keessan irraa ni buʼaatii" jedhi.
19 Magaalaawwan Negeeb ni cufamu;
namni isaan banu tokko iyyuu hin jiru.
Yihuudaan hundi ni boojiʼamti;
guutumaan guutuuttis biyyaa fudhatamti.
20 Ija keessan ol fudhadhaatii
warra gama kaabaatii dhufaa jiran ilaalaa.
Bushaayeen imaanaa sitti kennaman,
hoolonni ati ittiin boonte sun eessa jiru?
21 Yommuu Rabbii Allaahan warra ati akka isaan michoota siif taʼaniif leenjifte sana
sirratti muudutti ati maal jetta?
Akkuma dubartii ciniinsifattu tokkoo
dhiphinni si hin qabuu?
22 Yoo ati, "Wanni kun maaliif natti dhufe?"
jettee of gaafatte
wanni wandaboon kee sirraa mulqamee
dhagni kee salphifameef
sababii cubbuu kee baayʼee sanaatiif.
23 Namni Itoophiyaa tokko bifa isaa
yookaan qeerransi buburrina isaa geeddaruu ni dandaʼaa?
Isin warri hammina hojjechuu barattanis
waan gaarii hojjechuu hin dandeessan.
24 "Akkuma bubbeen gammoojjii habaqii bittinneessu sana
anis isin nan bittinneessa.
25 Sababii ati na irraanfattee
waaqeffatamtoota sobaa amanatteef,
kun ixaa kee, qooda ani siif safaree dha"
jedha Rabbii Allaahan.
26 "Akka qaaniin kee mulʼatuuf
ani wandaboo kee fuula keetti ol nan soqola.
27 Ejjummaa fi himimsuun kee,
sagaagalummaan kee kan qaanii hin qabne sunis ni mulʼata!
Ani hojii kee jibbisiisaa sana
gaarran irraa fi bakkee keessatti argeera.
Yaa Yerusaalem, siif wayyoo!
Ati hamma yoomiitti xurooftee hafta?"