Publicidade

Jeremias 41

1 Jiʼa torbaffaa keessa Ismaʼiil ilmi Naataaniyaa, ilma Eliishaamaa kan sanyii moototaa irraa dhalatee fi ajajjoota loltoota mootichaa keessaa tokko ture sun namoota kudhan wajjin Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam bira Miisphaa dhufe. Achittis utuma wajjin waa nyaatanuu 2 Ismaʼiil ilmi Naataaniyaatii fi namoonni kurnan isa wajjin turan sun kaʼanii goraadeedhaan Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam, ilma Shaafaan isa mootiin Baabilon bulchaa kutaa biyyaa godhee muude sana rukutanii ajjeesan. 3 Ismaʼiil akkasumas Yihuudoota Gedaaliyaas wajjin Miisphaa turan hundaa fi loltoota Baabilonotaa kanneen achi turan illee ni fixe.

4 Gedaaliyaas ajjeefamee guyyaa itti aanutti utuu namni tokko iyyuu hin beekin, 5 namoonni areeda isaanii haaddatanii, wayyaa isaanii tatarsaasanii, of cicciran Saddeettamni kennaa midhaaniitii fi ixaana qabatanii Sheekemii, Shiiloo fi Samaariyaadhaa gara mana Rabbii Allaah dhufan. 6 Ismaʼiil ilmi Naataaniyaas jara simachuuf Miisphaadhaa booʼaa gad baʼe. Yommuu isaan argettis "Gara Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam kottaa" jedheen. 7 Yeroo isaan magaalaa sana seenanitti immoo Ismaʼiil ilmi Naataaniyaatii fi namoonni isa wajjin turan jara sana gogorraʼanii boolla bishaaniitti gad darbatan. 8 Namoonni utuu hin ajjeefamin hafan kudhan garuu Ismaʼiiliin, "Nu hin ajjeesin! Nu qamadii fi garbuu, zayitii fi damma lafa qotiisaa keessa dhokfanne qabnaatii" jedhan. Kanaafuu inni gad isaan dhiise; warra kaan wajjinis isaan hin ajjeefne. 9 Boolli bishaanii Ismaʼiil reeffa namoota Gedaaliyaas wajjin ajjeefaman sanaa hunda itti naqe sun boolla bishaanii Aasaan Mootichi ittiin Baʼishaan mooticha Israaʼel of irraa dhowwuuf hojjetate ture. Ismaʼiil ilmi Naataaniyaa boolla bishaanii sana reeffa namaatiin guute.

10 Ismaʼiil namoota Miisphaa keessaa hafan hunda intallan mootichaatii fi warra achitti hafan kanneen Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa sun Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam isaan irratti shuumee ture hunda boojiʼe. Ismaʼiil ilmi Naataaniyaas isaan fudhatee gara Amoonotaatti ceʼuuf kaʼee qajeele.

11 Yoohaanaan ilmi Qaareyaatii fi ajajjoonni waraanaa kanneen isa wajjin turan hundi yeroo waaʼee yakka Ismaʼiil ilmi Naataaniyaa hojjete hundaa dhagaʼanitti 12 namoota isaanii hunda fudhatanii Ismaʼiil ilma Naataaniyaa loluu dhaqan. Isaanis haroo Gibeʼoon guddicha biratti isa qaqqaban. 13 Namoonni Ismaʼiil wajjin turan hundi yommuu Yoohaanaan ilma Qaareyaatii fi ajajjoota loltootaa kanneen isa wajjin turan arganitti ni gammadan. 14 Namoonni Ismaʼiil Miisphaadhaa boojiʼee ture hundis isa biraa deebiʼanii gara Yoohaanaan ilma Qaareyaa dhaqan. 15 Garuu Ismaʼiil ilmi Naataaniyaatii fi namoota isaa keessaa saddeeti Yoohaanaan jalaa miliqanii gara Amoonotaatti baqatan.

Gara Gibxitti Baqachuu

16 Yoohaanaan ilmi Qaareyaatii fi ajajjoonni loltoota warri isa wajjin turan hundi namoota Miisphaa warra Ismaʼiil ilmi Naataaniyaa erga Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam ajjeesee booddee boojiʼe kaan hunda fuudhanii deeman; isaanis loltoota, dubartoota, ijoollee fi qondaaltota mana murtii kanneen Yoohaanaan Gibeʼoonii deebisee fidee dha. 17 Isaanis achii kaʼanii gara Gibxitti qajeeluudhaan Beetlihem biratti Geeroti Kimhaam keessa boqotan; 18 kunis Baabilonota jalaa miliquuf ture. Isaan sababii Ismaʼiil ilmi Naataaniyaa sun Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam isa mootiin Baabilon biyyattii irratti bulchaa godhee shuume sana ajjeeseef jara sodaatan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-