Publicidade

Jeremias 26

Ermiyaas Duʼaan Doorsifame

1 Jalqaba bara mootummaa Yehooyaaqiim ilma Yosiyaas mooticha Yihuudaa sanaatti dubbiin kun Rabbii Allaah biraa dhufe: 2 "Rabbii Allaahan akkana jedha: Oobdii mana Rabbii Allaah keessa dhaabadhuutii namoota magaalaawwan Yihuudaa keessaa baʼanii mana Rabbii Allaah keessatti waaqeffachuu dhufan hundatti dubbadhu. Waan ani si ajaju hunda itti himi; jecha tokko illee hin hambisin. 3 Tarii isaan dhagaʼanii tokkoon tokkoon namaa karaa isaa hamaa sana irraa ni deebiʼa taʼa. Anis gaabbee badiisa sababii hammina isaaniitiif isaanitti fiduuf yaadaa ture sana nan hambisa. 4 Atis akkana jedhiin; Rabbii Allaahan akkana jedha; ‘Yoo isin na dhagaʼuu diddanii, seera koo kan ani fuula keessan dura kaaʼe sana duukaa buʼuu baattan, 5 amma illee yoo isin dubbii tajaajiltoota koo nabiiʼiyyoota ani utuma isin dhagaʼuu diddanuu ammumaa amma isinitti erge sanaa illee dhaggeeffachuu baattan, 6 ani mana kana akkuma Shiiloo, magaalaa kana immoo saboota lafaa hunda keessatti waan abaarsaa nan godha.’ "

7 Luboonni, nabiiʼiyyoonnii fi sabni hundi Ermiyaasii dubbii kana mana Rabbii Allaah keessatti dubbatu dhagaʼan. 8 Garuu akkuma Ermiyaas waan Rabbii Allaahan akka inni dubbatuuf isa ajaje hunda namoota hundatti, himee raawwateen luboonni, nabiiʼiyyoonnii fi namoonni hundi isa qabanii akkana jedhaniin; "Ati duʼuu qabda! 9 Ati maaliif akka manni kun akkuma Shiiloo taʼuu fi akka magaalaan kunis onee duwwaa hafu maqaa Rabbii Allaahatiin raajii dubbatta?" Namoonni hundis mana Rabbii Allaah keessatti Ermiyaasin marsan.

10 Qondaaltonni Yihuudaa yommuu waan kana dhagaʼanitti mana Mootii keessaa gara mana Rabbii Allaahatti ol baʼanii balbala karra Haaraa kan mana Rabbii Allaah dura tataaʼan. 11 Kana irratti luboonnii fi nabiiʼiyyoonni sun qondaaltotaa fi namoota hundaan, "Waan namichi kun magaalaa kana irratti raajii dubbateef duuti isatti muramuu qaba. Isin waan kana gurruma keessaniin dhageessaniirtu!" jedhan.

12 Ermiyaas qondaaltota hundaa fi namoota hundaan akkana jedhe; "Rabbii Allaahan akka ani waan isin dhageessan kana hunda mana kanaa fi magaalaa kana irratti raajii dubbadhuuf na erge. 13 Kanaafuu isin amma karaa keessanii fi hojii keessan qajeelfadhaa; Rabbii Allaah keessaniif illee ajajamaa. Yoos Rabbii Allaahan gaabbee balaa isinitti fiduuf yaade sana ni dhiisa. 14 Ani garuu harkuma keessan keessa nan jira; isin tarkaanfii gaarii fi qajeelaa isinitti fakkaate narratti fudhadhaa. 15 Garuu isin yoo na ajjeeftan akka dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasuu keessaniin ofitti, magaalaa kanattii fi warra ishee keessa jiraatanitti balaa fiddan beekkadhaa; Rabbii Allaahan dhugumaan akka ani dubbii isin dhageessan kana hunda dubbadhuuf isinitti na ergeeraatii."

16 Kana irratti qondaaltonnii fi namoonni hundi, lubootaa fi nabiiʼiyyootaan, "Namicha kanatti duuti muramuu hin qabu! Inni maqaa Rabbii Allaah keenyaatiin nutti dubbatee jiraa" jedhan.

17 Maanguddoota biyyaa keessaas tokko tokko kaʼanii waldaa sabaa guutuudhaan akkana jedhan; 18 "Bara Hisqiyaas mootii Yihuudaa ture keessa Miikiyaas namni biyya Mooresheet akkana jedhee saba Yihuudaa hundatti raajii dubbate; ‘Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha:

" ‘Xiyoon akkuma lafa qotiisaatti qotamti;

Yerusaalemis tuullaa waan diigamee taati;

gaarri mana qulqullummaas tabba daggalaan liqimfame taʼa.’

19 "Hisqiyaas mootichi Yihuudaa yookaan saba Yihuudaa keessaa namni tokko iyyuu isa ajjeeseeraa? Hisqiyaas Rabbii Allaah sodaatee araara isaa hin kadhannee? Rabbii Allaahanis gaabbee badiisa isaanitti fiduu yaade sana hin dhiifnee? Nus badiisa hamaa ofitti fiduu geenyeerra!"

20 Namni maqaa Rabbii Allaahatiin raajii dubbate kan biraa immoo Uuriyaa ilma Shemaaʼiyaa nama biyya Kiriyaati Yeʼaariim ture; innis akkuma Ermiyaas magaalaa kanaa fi biyya kana irratti raajii dubbate. 21 Yommuu Yehooyaaqiim mootichi, ajajjoonnii fi qondaaltonni isaa hundi dubbii Uuriyaa dhagaʼanitti mootichi isa ajjeesisuu barbaade; Uuriyaan garuu waan kana dhageenyaan sodaatee gara Gibxitti baqate. 22 Yehooyaaqiim mootichi garuu Elnaataan ilma Akboor namoota biraa wajjin gara Gibxitti erge. 23 Isaanis Uuriyaa Gibxii fidanii Yehooyaaqiim mootichatti kennan; mootichis goraadeedhaan isa ajjeese; reeffa isaa immoo iddoo namoonni ulfina hin qabne itti qabbaramanitti gate.

24 Ahiiqaam ilmi Shaafaan garuu Ermiyaasin deeggare; kanaafuu Ermiyaas ajjeefamuuf dabarfamee namootatti hin kennamne.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-