Pular para o conteúdo
Publicidade

Ermiyaas 47

Ergaa Waaʼee Filisxeemotaa

1 Dubbiin Rabbii Allaah kan waaʼee Filisxeemotaa kan utuu Faraʼoon Gaazaa hin dhaʼin dura gara Ermiyaas nabiiʼiyyichaa dhufe kanaa dha:

2 Rabbii Allaahan akkana jedha:

"Kunoo, karaa kaabaatiin bishaan ol kaʼaa jira;

bishaan kunis lolaa guutee irra dhangalaʼu taʼa.

Innis biyyattii fi waan ishee keessa jiru,

magaalaawwanii fi warra isaan keessa jiraatan hunda irra garagala.

Uummanni ni booʼa;

warri ishee keessa jiraatan hundis ni wawwaatu;

3 kunis sababii didicha kottee fardeen gulufanii,

girrisa gaariiwwan diinaatii fi

qaqawweessa goommaa isaaniitiif.

Abbootiin ijoollee isaanii gargaaruuf duubatti gara hin galan;

harki isaaniis isaan irratti laamshaʼa.

4 Filisxeemota hunda balleessuuf

hambaa Xiiroosii fi Siidoonaa

gargaaruuf hafan hundas balleessuuf

guyyaan sun dhufeeraatii.

Rabbii Allaahan Filisxeemota,

hambaa qarqara Kaftoor balleessuu gaʼeera.

5 Gaazaan gaddaan mataa ishee haaddatti;

Ashqaloon ni calʼisti.

Yaa hambaa dirree irraa

isin hamma yoomiitti of ciccirtu?

6 "Isin, Yaa goraadee Rabbii Allaah

ati hamma yoomiitti hin boqonne?

Manʼee keetti deebiʼi;

calʼisii taaʼijettanii iyyitu.

7 Garuu utuu Rabbii Allaahan isa ajajuu,

yeroo Allaahan akka inni Ashqaloonii fi

qarqara galaanaa dhaʼuuf qajeelfama isaa kennutti

inni akkamitti boqochuu dandaʼa?"

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também